Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 11

Fakkeenya namoota Rabbii gadiitti wanta biraa gabbaranii?

“Fakkeenyi warra Rabbiin ala kan biraa awliyaa’a godhatanii, akka sharariitii mana ijaarratteeti. Dhugumatti, manni hundarra laafaan mana sharariititi. Osoo kan beekan ta’anii, [silaa awliyaa’a hin godhatanii turan].”  Suuratu Al-Ankabuut 29:41

Fakkeenyi namoota Rabbiin alatti kan biraa gabbaramaa godhachuun gargaarsaa fi faaydaa irraa abdatanii akka sharariitii mana ijaarratteeti. Manni sharariitii hoo’as ta’e qorra ishirraa hin dhoowwu, miidhaa ishitti bu’us ishirraa hin deebisu. Sharariitiin wanta akka jirbii qaqal’aa mana godhatti. Manni kuni garmalee laafaa fi dadhabaa homaa ishirraa hin eegnedha. Haaluma kanaan, mushrikoota kanniinitti dallansuun Rabbii yoo bu’e, wantoonni isaan gabbaran homaa isaan hin fayyadan, adabbii Rabbii isaan irraa hin deebisan. Sanama mana sharariitiitiin wal fakkeesse. Akkuma manni sharariiti homaa ishirraa deebisuu hin dandeenye, sanamoonni isaaniis Rabbiin irraa isaan eegu hin danda’an.[1]

29:42

“Dhugumatti, Rabbiin wanta kamiyyuu isaan Isaa gaditti kadhatan ni beeka. Inni Injifataa, Ogeessa.” Suuratu Al-Ankabuut 29:42

Kana jechuun Rabbiin wanta kamiyyuu namoonni Isaan alatti gabbaran ni beeka. Hiikni biraa aayah tanaa: Rabbiin wanta namoonni Isa waliin gabbaran ni beeka. Wantoonni isaan gabbaran kunniin dhugaadhaan homaayyu miti. Kana irra, maqaa isaan moggaasan qofa. Mushrikoonni wanta gabbaran “gooftaadha ykn gabbaramaadha” jedhanii haa moggaasanii malee, dhugaadhaan wanti isaan gabbaran kuni gooftaa ykn gabbaramaa miti. Sababni isaas, amala Gooftaa ykn Gabbaramaa hin qabu. Nama fayyadu fi miidhu hin danda’u.

Rabbiin nama Isatti kafare irraa haloo baafachu keessatti Injifataadha. Too’annaa fi hojii Isaa keessatti Ogeessa (Hakiim). Ogeessa jechuun wanta hundaa bakka isaaf malu kan kaa’udha.[2]

Barnoonni aayah tana irraa baratamu: wantoonni namoonni Rabbii olta’aan alatti gabbaran (waaqeffatan) dhugaadhaan (haqiiqaadhaan) gooftaa ykn gabbaramaa miti. Sababni isaas, amala gooftaa ykn gabbaramaa hin qaban. Kan akka waa uumuu, waan hundaa irratti danda’aa ta’uu, waan hundaa beeku, dhagayuu fi arguu.

Wantoonni Rabbii gadiitti namoonni gabbaran amala Gooftaa waan hin qabneef gabbaramu (waaqefatamu) hin qaban.

29:43

“Sunniin fakkeenyota namootaaf dhiyeessinuudha. Beektota malee kan isaan hubatu hin jiru.” Suuratu Al-Ankabuut 29:43

Kana jechuun Qur’aana keessatti fakkeenyota dubbataman namoonni akka irraa fayyadamanii fi isaan irraa barataniif isaaniif dhiyeessina. Garuu namoota dhugaa (haqiiqaa) beekumsaa irra gahuuf, beekumsa qabachuuf, amantii fi adeemsa isaanii keessatti itti fayyadamuuf fedhii guddaa qaban malee fakkeenyota kanniin kan hubatu hin jiru.[3]

 (Namni dhugaa beekumsaa irra gahuu fi qabachuuf hin carraaqne, amanti fi adeemsa isaa keessatti itti fayyadamuuf fedhii hin qabne, fakkeenyota kanniin hin hubatu. Erga hin hubanne, irraa hin fayyadamu jechuudha.)

Fakkeenyonni Rabbiin subhaanahu wa ta’aala Qur’aana keessatti dhiyyeesse dhimmoota gurguddoo garmalee barbaachisoo ta’aniidha. Warri beekumsa qaban dhimmoonni kunniin dhimmoota biroo caalaa garmalee barbaachisoo akka ta’an ni beeku. Sababni isaas, Rabbiin xiyyeefannoo itti kenne, gabroonni Isaa akka itti xinxallan itti kakaase. Kanaafu, warri beekumsaa kana beekuf garmalee carraaqu.

Namni dhimmoonni kunniin garmalee barbaachisoo ta’uu waliin isaan hin hubanne, kuni warra beekumsaa irraa akka hin taane ragaa agarsiisuudha. Sababni isaas, inni dhimmoota barbaachisoo yoo hin beekne, kanneen biroo caalatti kan hin beeknedha. Kanaafi, fakkeenyonni baay’een Rabbiin dhiyeessu hundee amantiitii fi dhimmoota barbaachisoo ilaalchiseeti.[4]

Fakkeenyota Qur’aana keessa jiran kan hubatu namoota beekumsa argachuuf, hubachuu fi hojii irra oolchuuf carraaqaniidha.


Kitaabban wabii:
[1] https://www.sammubani.com/2020/06/28/fakkeenya-waliin-fokkinnaa-fi-soba-shirkii-kutaa-2/#more-15233
[2] Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/270, Tafsiir Muyassar-401
[3] Maddoota olii
[4] Tafsiir Sa’dii-741

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-kutaa 12
Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 10

Leave a Reply