Hojii Iimaana Diigu-Kutaa 2

Kutaa darbe keessatti wareegni (qalmii) gosoota ibaadaa keessaa tokko akka ta’e ilaalle jirra. Qalmii ibaadaa kan ta’uu Gabbaramatti dhiyaachuuf, Isaaf gadi of qabuuf yoo niyyatameedha. Kanaafu, qalmi haala kanaan qalame Rabbii tokkichaaf malee hin ta’u. Namni qalma akkanaa Rabbiin ala wanta biraatiif godhe, shirkii hojjate jira. Kanaafu, hojiin isaa kuni hojii iimaana isaa diigudha jechuudha. Har’as itti fufuun gosoota ibaadaa biroo ilaalla. Gosoota ibaadaa sirriitti beekun keenya shirkii irraa of eeggannoo guddaa akka goonu nu gargaara.

Nazriin (Silatin) Gosoota Ibaadaa keessaa tokko

(B)-Nazriin (silatiin) ibaada Rabbii tokkicha shariika hin qabneef malee homaafu hin taanedha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa warra nazrii guutan faarse jira:

76:7

 “Isaan nazrii isaanii ni guutuu, Guyyaa sharriin isaa babal’atus ni sodaatu” Suuratu Al-Insaan 76:7

Nazrii (qodhaa)- jechuun namni hojii tokko hojjachuuf wanta nafsee ofii irratti dirqama godhuudha. Fakkeenyaaf akkana jechuu, “Ani Rabbiif jedhe kana nan hojjadha.” Yookiin “Yoo Rabbiin akkana naaf godhe, ani kana nan hojjadha.” jechuu. Amaariffaan “silat”, Ingiliffaan “vow” jedhama.

Ibsa aayah tanaa ilaalchisee Sheykh Suleymaan bin Abdullah bin Muhammad bin Abdulwahhaab ni jedha: “Dhugumatti, Rabbiin namoota nazrii guutan ni jaje (ni faarse). Rabbiin hojii dirqamaa ykn jaallatamaa hojjachuu ykn wanta dhoowwame dhiisu irratti malee hin jaju. Wanta hayyamamaa ta’e qofa hojjachuu irratti hin jaju. Suni ibaadadha. (Kana jechuun nazriin ibaadadha.)” (Taysiirul Aziizil Hamiid 11/576)

Rabbiin azza wa jalla ni jedha:

2:270

Kennaa irraa wanti isin kennitan, yookiin nazrii irraa nazartan, Rabbiin isa ni beeka. Zaalimootaaf gargaartonni homaatu hin jiran.” Suuratu Al-Baqarah 2:270

(Kana jechuun qabeenya ykn kan biraa irraa guddatus xiqqaatus jaalala Rabbii barbaadun wanti isin kennachuun sadaqattan yookiin qabeenya ykn kan biraa irraa wanti isin nafsee keessan irratti dirqama gootan, dhugumatti Rabbiin wanta san ni beeka, niyyaa keessan sirritti beeka. Gara fuunduratti kanarratti mindaa isiniif kenna. Namni haqa Rabbii dhoowwate inni zaalima. Zaalimoonni gargaartoota adabbii Rabbii irraa isaan eegan hin qaban.[1])

Tafsiira aayah tanaa ilaalchise ibn Kasiir ni jedha: kennaa fi nazrii irraa wanta gaarii namoonni hojjatan akka beeku Rabbiin olta’aan ni beeksiisa. Fuula Isaa barbaadu fi mindaa isaa kajeeluun hojjattoota kana hojjataniif jazaa baay’ee guddaa kennu of keessatti qabata. Nama Isaaf hin ajajamne, inumaa ajaja Isaa faallesse, beeksisa Isaa kijibsiisee fi wanta biraa Isa waliin gabbare itti zaate. Ni jedhe: “Zaalimootaaf gargaartonni homaatu hin jiran.” Kana jechuun Guyyaa Qiyaamaa adabbii Rabbii irraa kan isaan baraaru [hin argatan].” (Tafsiir Ibn Kasiir- 1/305)

Nabiyyiin sallallahu aleyh wassallam Rabbiif ajajamuuf jedhanii wanta nazrii seenan akka guutan ajaje jira. Akkana jedha: “Namni Rabbiif ajajamuuf nazrii seene, Isaaf haa ajajamu. Namni Rabbiin faallessuuf nazrii seene, Isa hin faallessin (badii hin hojjatin).” Sahiih Al-Bukhaari 6700

Ergamaan Rabbii sallallahu aleyh wassallam namoota nazrii seenanii hin guunne ni balaaleefate. Ni jedha: “Isin keessaa irra gaariin dhaloota kiyya, ergasii kan isaanitti aanan, ergasii kan isaanitti aanan- [gabaasan hadiisaa] Imraan ni jedha, dhaloota isaatiin booda [dhaloota] lama ykn sadii dubbachuu isaa hin yaadadhu. Ergasii namoonni nazrii seenan ni dhufu garuu hin guutan, ni ganu hin amanaman. Osoo akka ragaa bahan hin gaafatamin ragaa ni bahuu, furdinni isaan keessatti mul’ata.” Sahiih Al-Bukhaari 6695

Ibn Baxxaal ni jedha: “Nama amaanaa isaa ganuu fi nama nazrii hin guunne wal qixxeesse. Ganuun kan balaalefatameedha. Kanaafu, nazrii guutuu dhiisunis balaalefatamaadha.” (Fatih Al-Baari 11/580)

Wanta armaan olii irraa nazriin ibaadaa Rabbiin namoota isa guutan ittiin jajeedha. Kanaafu, nazriin Rabbii tokkichaaf malee hin ta’u.

Nazriin (silatin) gosoota Ibaadaa keessaa tokko waan ta’eef Rabbii tokkichaaf malee eenyufillee hin ta’u.

Sujuudaa fi Ruku’unni Gosoota Ibaadaa irraayyi

(C)- Sujuunni fi ruku’uni shakkii hin qabu ibaadaa Rabbii qofaaf ta’aniidha. Kuni dhimma zaahira dhoksaan keessa hin jirreedha. Sujuudaa fi rukuu’a keessa hiika of gadi qabuu, of gadi xiqqeessu fi masakamuu daangaa ol’aanaa irra gahee Rabbii olta’aaf malee homaafu hin taanetu jira. Kawni (yuniversin) kuni Isaaf akka masakamuu fi sujuudu Rabbiin olta’aan beeksisee jira:

13:15

Fedhiinis ta’ii dirqiin kan samiiwwanii fi dachii keessa jiranii fi gaddiduun isaanii ganamaa fi saafaya Rabbiif sujuudu.” Suuratu Ar-Ra’d 13:15

Kana jechuun jaallatanis jibbaniis kan samiiwwani fi dachii keessan jiran hundi Rabbii tokkichaaf sujuudu. Fedhii fi filannoon Malaykoonni samii keessa jiranii fi mu’mintoonni dachii keessa jiran Isaaf sujuudu, gadi jedhu. Kaafironni dirqamaan sujuuduf. Yeroo garmalee rakkatan dirqiidhaan Isaaf gadi jedhu. Gaaddisni uumamtootas guddinna Rabbiitiif masakama. Fedhii Isaatin jalqaba guyyaati fi dhuma guyyaa irratti ni socho’a. Aduun yommuu qaama jajjaboo irratti iftu, qaamni jajjabon kuni xiyyoota ifaa duubatti deebisuun gaddisni gara biraatin lafa irratti uumama. Gaddisni kuni akka nama sujuuda bu’uutti lafa irratti bu’a. Kanaafu, jaallatanis jibbanis gaaddisni isaanii Rabbiif ni sujuudaa jechuudha.

Saafaya jechuun salaata Asrii irraa kaase hanga aduun seentutti waqtii jiruudha. Ingiliffan “afternoon”[2]

Kitaaba Isaa keessatti bakka baay’eetti Rabbiin subhaanahu Isa qofaaf sujuuduu fi ruku’a bu’uutti ajaje.

22:77

“Yaa warra amantan! Ruku’a bu’aa, sujuudaa, Gooftaa keessan gabbaraa, waan gaarii hojjadhaa akka milkooftaniif.” Suuratu Al-Hajj 22:77

“Mallattoolee Isaa irraa halkan, guyyaa, aduu fi ji’a (baatii) dha. Isa kan gabbartan yoo taatan, aduu fi ji’aaf hin sujuudinaa, Rabbii isaan uumeef sujuudaa.” Suuratu Fussilat 41:37-38

Kana jechuun tokkichummaa Rabbii, beekumsi, ogummaan, rahmannii fi dandeettin Isaa guutuu ta’uu wantoota agarsiisan keessaa halkan, guyyaa, aduu fi ji’a.  Kuni hundi ajajaa fi injifannoo Isaa jala jiru. Aduu fi jiiyni uumamtoota too’ataman waan ta’aniif isaaniif hin sujuudinaa. Rabbii isaan uumeef sujuudaa, dhugumatti isin haqaan Rabbiin kan gabbartan yoo taatan, Rabbiif qofa sujuudaa, aduu fi ji’aaf hin sujuudinaa.[3]

Bakka kanatti, ibn Taymiyaan ni jedha: “Gabaabumatti, qiyaamni (salaata keessatti dhaabbachuun), ruku’uni fi sujuunni haqa gabbaramaa tokkichaa, Khaaliqa samiiwwanii fi dachiiti. Wanta Rabbiif qofa haqa ta’e irraa kan biraatiif qoonni homaatu hin jiru…

Ibaadan hundii Rabbii Tokkicha shariika hin qabneefi. Ni jedha: 

98:5

Gara haqaatti qajeelun, amanti Isaaf qulqulleessuun Rabbiin qofa gabbaruu, salaata sirreessanii salaatu fi zakaa kennuu malee homaa hin ajajamne. Kuni amanti qajeeladha.” Suuratu Al-Bayyinah 98:5 (Majmuu’al Fataawaa 27/93=gabaabbinnaan)

Xawaafnis ibaadaa Rabbii qofaaf ta’uudha. Akka lugaatti xawaafa jechuun wanta tokko irra naanna’uudha. Akka shari’aatti immoo Xawaafa jechuun ibaadaa hojjachuuf jecha “Ka’abaa irra naanna’uudha.” Xawaafni kuni Ka’abaa irra malee hin ta’u. Ragaan kanaa:

22:29

“Sana booda xuriiwwan isaanii haa dhabamsiisan, qodhaa (silati) isaaniis haa guutan, Mana duriis (Ka’abaa) haa naannawan (xawaafa godhan).” Suuratu Al-Hajj 22:29

Gabaabumatti, tawhiida galmaan gahuuf ibaadawwan kunniinii fi kanneen biroo asitti hin kaasne kan akka tawbaa, ibaadaaf mataa haaddachuu fi kkf Rabbii tokkicha shariika hin qabneef godhamu qabu. Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe:

“Gooftaan kee Isa malee homaayyu akka hin gabbarree… murteessee jira.” Suuratu Al-Israa 17:23

Ammas ni jedha:

1:5

Si qofa gabbarra, Si qofa gargaarsifanna.” Suuratu Al-Faatiha 1:5

Aayah tana ilaalchise Al-Maqruuzi ni jedha: Gabaabumatti ibaadan jecha Isaa: “Si qofa gabbarra.” jedhu keessatti dubbatame: sujuuda, tawakkula, gara Isaatti deebi’u, taqwaa, sodaa, tawbaa, nazrii (silati), kakachuu, tasbiih, takbiir, tahliil, tahamiid, istighfaara (araarama kadhachuu), gadi of qabuu fi gabbarriif mataa haadachuu, du’aayidha. Kuni hundi haqa Rabbii olta’aa qofaaf ta’eedha.” (Tajriidu At-Tawhiid fuula 22)

Ammas aayah tana ilaalchisee As-Sana’aanii ni jedha: Rabbiin olta’aan gabroonni Isaa: “Si qofa gabbarra” akka jedhan ajaje. Namni kana jedhu dhugaa hin dubbatu hanga ibaadaa Rabbiif qofa godhutti malee. Ta’uu baannan, kijibaa jecha tana jechuu irraa dhoowwame ta’a. hiikni jecha tanaa (Si qofa gabbarra): Kan biraa dhiisnee Ibaadadhaan Si adda baafna, Si tokkichoomsina.” Suni hiika jecha Isaa: “Ana qofa gabbaraa.” (Al-Ankabuut 29:56), “Ana qofa sodaadhaa.” (Al-Baqarah 2:41) Akkuma beekkumsa dubbii ibsuu irraa beekkamutti, wanta xumura dhufuu qabu dursa fiduun “qofa” ta’uu agarsiisa. (Hima Arabiffaa keessatti jecha gara boodaatti dhufuu qabu jalqaba irratti fiduun, wanti dubbatame suni jecha jalqaba irratti dubbatame qofaaf ta’uu agarsiisa.) Kanaafu, “Ana qofa gabbaraa” jechuun Rabbiin malee homaa hin gabbarinaa, Isaan ala wanta biraa hin gabbarinaa…Tawhiida ibaadaatiin Rabbiin tokkichoomsun hin guuttamu hanga du’aayin hundi Isaaf ta’uutti malee. Yeroo rakkoo fi mijaa’innaa keessatti du’aayin Rabbii tokkichaaf malee homaafu hin ta’u… nazrii fi qalmii Isa qofaafi. Gadi of qabuun, Rabbiif of gadi xiqqeessuuf dhaabbachuun, rukuu’unni, sujuunni, xawaafni, [ibaadaa gochuuf] mataa haadachu fi gabaabsuun gosoota ibaadaa Rabbiif malee homaafu hin taanedha.” (Taxhiirul I’itiqaad fuula 27 gabaabbinnaan)

Sujuudu fi ruku’a bu’uun gosoota ibaadaa gurguddaa keessaa waan ta’aniif Rabbii tokkicha qofaaf ta’uu qabu. Kanaafu, Rabbiin ala wanta biraatiif sujuudu fi ruku’a bu’uun hojii iimaana diigudha.

Madda:
Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 265-267 Abdulaziz bin Muhammad


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Muyassar-46
[2] Tafsiiru Muyassar-251, Tafsiiru Xabarii-13/491-493, Tafsiiru Tahriir wa tanwiir-13/111
[3] Tafsiiru Qur’aanil Kariim-suuratu Fussilat-198,200, Tafsiru Muyassar-480

Print Friendly, PDF & Email
Hojii Iimaana Diiguu-Kutaa 3
Hojii Iimaana Diigu-Kutaa 1

Leave a Reply