Hojii Iimaana Diiguu-Kutaa 3

Kutaa darbe keessatti wareegni (qalmi), nazriin (silatin), sujuunni fi ruku’unni ibaadaa akka ta’an ilaalle jirra. Har’a immoo ibaadawwan kanniin Rabbiin ala wanta biraatiif gochuun shirkii akka ta’ee fi iimaana akka diigu ni ilaalla.

2-Ibaadaa irraa gochoonni kunniin haqa Rabbii tokkicha shariika hin qabneef ta’uu erga mirkanaa’e, namni ibaadaa kanniin irraa wanta tokko eenyufillee haa ta’uu uumamtootaaf godhee, ibaadaa Isaa keessatti Rabbiitti qindeessee jira, Rabbiin waliin qixxaattota godhatee jira.

(A)-Ibsi kanaa: Rabbiin ala wanta biraatiif qalma qaluun ykn nazrii seenuun shirkiidha. Sababni isaas, isaan lamaan ibaadaa Rabbii olta’aa qofaaf ta’uu qabaniidha. Namni ibaadaa lamaan kanniin Isaan ala wanta biraatiif godhe, shirkii hojjatee jira. Kan akka namoota du’aniif ykn jinniif ykn malaaykotaaf fi kkf niif nazrii (silati) seenu ykn qalma qalu. Amantii sobaa irraa kan ka’e kana hojjatu. Wanti isaan qalaniif ykn silatii seenaniif faayda namaaf fida ykn miidhaa namarraa deebisa jechuun amanti sobaa amanu. Ammas, isaan keessaa, namoota “Gara Rabbiitti sirritti nu dhiyeessu” jedhanii yaadun nazrii fi qalmaan gara wantoota gabbaraman kanniini deemantu jira… Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Baktiin, dhiigni, foon booyyee, [maqaa] Rabbiitiin ala kan biraa irratti ol fuudhame, [du’uun dura] wanta gorraatan malee [beelladota irraa] tan hudhamtee yookiin rukutamtee yookiin konkolaattee yookiin gaafan waraanamtee ajjeefamte, wanta bineensi nyaate, Nusub irratti wanta qalamee fi xiyyaan carraa laallachuun isin irratti haraama godhame. Kuni fincila.” Suuratu Al-Maa’idah 5:3

Rabbiin wantoota kanniin isin irratti haraama godhe: baktii-kana jechuun beellada osoo hin gorra’amiin (hin qalamiin) du’eedha. Dhiiga gadi jiguu fi dhangala’u dhuguu haraama godhe. Foon booyyee, yeroo qalmaa maqaa Rabbiitiin ala maqaan biraa kan irratti dhayamee, beellada hudhamtee hanga duututti hafuurri ishii qabame, beellada hanga duutuu uleen ykn dhagaan rukutamte, beellada bakka ol fagoo irraa gara gadiitti konkolattee kufuun duute, beellada gaafan waraanamte duute, beellada bineensi akka waraabessa, qeerransaa f kkf nyaatan isin irratti haraama godhame. Garuu kana irraa wanta adda godhe: beellada hudhamtee, rukutamte, konkolaatte, gaafan waraanamte fi bineensi irraa nyaate du’aan dura wanta goorrataniidha. Kana jechuun beellada hudhamtee yookiin rukutamtee yookiin konkolaattee yookiin gaafan waraanamtee ykn bineensi irraa nyaate du’uun dura dhaqqabuun yoo gorraatan (qaltan) isiniif halaala.[1]

Akkasumas, wanta sanamaaf qalamee isin irratti haraama godhame. “Nusub irratti wanta qalamee” Ibn Kasiir jecha tana ilaalchise ni jedha: Mujaahidi fi ibn Jureyj ni jedhan: Nusub dhagaalee naannawa Ka’aabaa turaniidha. Ibn Jureyj ni jedha: naannawa Ka’abaa nusuba 360 turan… Rabbiin mu’mintoota gocha kanarraa isaan dhoowwe. Qalma nusuba biratti qalame nyaachu irraa ni dhoowwe. Inumaa nusuba kana biratti yeroo qalmaa osoo maqaan Rabbii dhayameeyyuu. Suni shirkii Rabbii fi Ergamaan Isaa dhoowwaniidha.” (Tafsiir Ibn Kasiir-2/12=gabaabbinnaan)

Gabaabumatti wanti aayah tana irraa hubatamu:
1-maqaa Rabbiitin ala maqaa biraatin wanta qalamee nyaachun haraama. Fakkeenyaf, “maqaa masiihitin ykn maqaa uzeyritiin ykn maqaa malaykaataniin ykn maqaa nabiyyitiin qala” jechuun yeroo qalma dubbachu. Sanama fuundurattis ta’e sanama irraa fagaates, ibaadan ala wanta biraatifu osoo ta’eyyuu kuni haraama.[2]
2-Akkasumas, itti dhiyaachuuf Rabbiin ala kan biraatiif wanti qalame ykn wareegame haraama. Fakkeenyaaf “qalmi kuni sanamaaf ykn jinniif ykn malaykaaf ykn waliyyiif ykn ebaluufi” jedhamee wanta qalame nyaachuun haraama.
3-Ammas, wanti sanama irratti qalamee haraama. Kunis kan ta’u, sanamni isa fuundura osoo jiruu qalma qala.

Aliyy ibn Abi Xaalib akkana jechuu gabaase: Nabiyyiin sallallahu aleyh wassallam namoota dhoksee iccitiin wanti natti himu hin jiru. Garuu jechoota afur natti hime.” Namoonnis akkana jechuun Aliyyiin gaafatan: “Isaan sun maalidhaa yaa amiiral mu’miniin?” Innis ni jedhe: Nama Rabbiin ala wanta biraatiif wareege Rabbiin abaare, nama abbaa isaa abaare Rabbiin abaare, nama nama [amanti keessatti] waan haarawa uumef mana kenneef Rabbiin abaare, nama daangaa lafaa jijjiree Rabbiin abaare.” Sahiih Muslim 1978

Wanti kana ifa siif godhu keessaa tokko, namoonni Rabbii olta’aan ala wanta biraatiif nazrii seenan ykn wareegan, wanti suni faayda ni fida ykn miidhaa ni deebisa jedhanii amanu isaani irraa kan ka’eedha. Haalli kuni wanta isaan irraa mul’atuudha. Beektonni kitaaba isaanii keessatti kana ifa godhanii jiru. Kunoo As-Sana’aani dhimma kana ifa godha. Faffakeessaa nama Rabbiin ala wanta biraatiif wareegu mormuun akkana jedha: “Yoo akkana jedhe, Rabbiif jedhe wareege, maqaa isarratti dhaye.” Akkana jedhiin, “Wareegni Rabbiif yoo ta’e, sababa maaliif wanta qaltuu balbala awwaalcha biraan dhiyaattee? Kan awwaalcha keessa jiru ol guddisuu barbaaddee?” “Eeyyen” yoo jedhe, akkana isaan jedhi, “Qalmii kuni Rabbiin ala wanta biraatifi. Inumaa wanta biraa Rabbitti qindeessite (shaarrakte). Yoo isa ol guddisuu hin barbaadin balbala mana qabrii irratti ijaarramee xureessuu fi namoota isatti seenan faalu (najiseessu) barbaaddee? Ati hundema kana akka hin barbaanne sirritti beekta. Kan jalqabaa malee homaa hin barbaanne, isa niyyachuun malee mana keeti hin baane.” (Taxhiirul I’itiqaadi-fuula 33)

Haaluma kanaan, Shawkaaninis gochoonni shirkii kunniin qalbii irraa kan burqan ta’uu fi namoonni kana hojjatan isa keessatti faaydaa fi miidhaa akka amanan ni mirkaneessa. Ni jedha: “Akkuma kana namoota du’aniif wareegun (qaluun) isaan gabbaruudha, qabeenya irraa kutaa ta’e isaaniif nazrii (silati) seenun isaan gabbaruudha. Isaan ol guddisuun isaan gabbaruudha. Akkuma ibaadaf qaluun, qabeenya irraa sadaqaa kennuun, gadi of qabuun, gadi of xiqqeessuun, Rabbii olta’aaf ibaadaa ta’e. Namni dhimmoota lamaan jidduu garaagarummaan ni jira jechuun odeesse, ragaa nuuf haa dhiyeessu. Namni namoota du’an kadhachuun, isaaniif wareegu fi silatii seenuun isaan gabbaruuf hin niyyannee jedhe, akkana isaan jedhi, “Barbaachisummaa maaliif gocha kana hojjatte ree?” Yeroo rakkoon sitti bu’u nama du’e kadhachuun kee wanta qalbii kee keessa jiru kan arrabni kee ibseef malee waan biraatiif ta’uu hin danda’u… Haaluma kanaan, Rabbiif jettee kan wareegdu fi Rabbiif nazrii kan seentu yoo taate, hiika maalitiif nama du’eef kana gootee qabrii isaa bira fiddee? Dhugumatti, hiyyeeyyin dachii irra bakka kamiyyuu ni jiru. Ati waa hubatte osoo jirtuu, niyyaa duraan niyyatteef ykn dhimma duraan barbaaddef malee hojiin kee homaafu hin ta’u…” (Ad-Daru An-Nadiidu fii iklaasi kalimatu tawhiid-fuula 20-21)

Nama du’eef ykn jinniif nazrii (silati) seenuun yookiin qalma qaluun shirkiidha.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Muyassar-107, Tafsiiru Qur’aanil Kariim-suuratu Al-Maa’idah-jiildi 1, fuula 39-40, Ibn Useymiin [2] Tafsiiru Qur’aanil Kariim-suuratu Al-Maa’idah-jiildi 1, fuula 39-40, Ibn Useymiin
Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 269-271 Abdulaziz bin Muhammad

Print Friendly, PDF & Email
Hojii Iimaana Diigu-Kutaa 2

Leave a Reply