Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 11

Jireenyi tuni iddoo qormaataa waan taatef namoonni hundu takkaa qananiin takkaa immoo rakkoon qoramu. Kuni wanta keesso isaanii keessa jiru (haqiiqaa isaanii) ifatti baasa. San booda wanta isaanirraa mul’ate irratti hundaa’un jazaa argatu. Namoota keessaa nama yeroo rakkoon isa tuqxu gara Rabbii deebi’ee Isatti warwaatutu jira. Garuu akkuma rakkoon isarraa kaate fi qananiin Rabbiin irraa isaaf dhufteen, qananii argate kana waakkata. Rabbii rakkoo keessaa isa baasef galata galchuu dhiisee wanta fokkuu kan akka shirkii hojjata. Namni yeroo rakkoo fi qananii haalli isaa akkam akka ta’e aayaata armaan gadi keessatti of ilaalu danda’a:

“Yommuu namoota rakkoon tuqu, gara Isaatti deebi’uun Gooftaa isaanii kadhatu. Ergasii yommuu rahmata Isarraa ta’e isaan dhandhamsiise, isaan keessaa gareen wayii yoosu Gooftaa isaanitti waa qindeessu. Wanta isaaniif kennine waakkachuuf [kana godhu]. Qananii’aa! Gara fuunduraatti ni beektu.” Suuratu Ar-Ruum 30:33-34

Kana jechuun yommuu rakkoo fi balaan namoota tuqe, akka rakkoo isaan irraa kaasu Gooftaa isaanii qofa kadhatu. Garuu yommuu Inni isaaniif rahmata godhee rakkoo isaan irraa kaasu, isaan keessaa gareen wayii yoosu gara shirkii deebi’uun Rabbiin waliin wanta biraa gabbaru.[1]

Asitti rahmanni barbaadame faallaa rakkoo kan ta’eedha. Fakkeenyaaf, rakkoon nama tuqe hoongee yoo ta’e, rahmanni roobaa fi oomisha. Ammas, rakkoon dhibee yoo ta’e, rahmanni fayyaadha. Hiyyummaa yoo ta’e, rahmanni durummaadha.[2]

“Wanta isaaniif kennine waakkachuuf [kana godhu].” Kana jechuun qananii isaan qananiise waakkachuuf yoosu Gooftaa isaanii waliin waan biraa gabbaru. (Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa erga rakkoo namarraa kaase wanti namarraa eeggamu Isa qofa gabbaruun galata Isaaf galchuudha. Namoonni kunniin immoo Isaan ala wanta biraa gabbaruun galata Isaaf galchuu didu. Hojiin isaanii kuni hojii gantuu fi waakkanaa waan ta’eef itti aansun akkana jechuun itti zaate):

“Qananii’aa! Gara fuunduraatti ni beektu.” Kana jechuun yaa namoota! Qananii fi bal’inna addunyaa tana keessatti isiniif kenninetti fayyadamaa. Guyyaa Qiyaamaa yommuu fuunduree Gooftaa keessanii dhuftan, sababa Isatti kafartaniif adabbii cimaa isinitti bu’u ni beektu.[3]

Rabbiin ala wanta biraa gabbaruun (waaqefachuun) sirrii ta’uu ragaan agarsiisu hin jiru

30:35

“Sila ragaa wanta Isatti qindeessaa turan dubbatu isaan irratti buusnee?” Suuratu Ar-Ruum 30:35

Kana jechuun sila mushrikoota kanniin irratti ragaa ifaa fi kitaaba shirkiin isaanii sirrii ta’uu dubbatu buusnee jirraa? Jecha biraatin: Sila kitaaba shirkii isaanii deeggaru, mirkaneessu fi “shirkiin haqa” jedhu buusnee jirraa? Deebiin: kitaaba akkana jedhu homaatu hin buusne.[4] Asitti shirkii jechuun Rabbii olta’aan ala wanta biraa waaqeffachuudha.

Namoonni Rabbiin ala wanta biraa gabbaran (waaqefatan) ragaa shirkiin isaanii sirrii ta’uu ittiin mirkaneessan hin qaban. Ragaan sammuu fi shari’aa shirkiin isaanii soba ta’uu agarsiisa. Ragaan sammuu: samii, dachii fi wantoota isaan keessa jiran hunda kan uumee fi too’atu Rabbii olta’aa tokkicha. Homtu Isa waliin qooda hin fudhanne. Kanaafu, haqaan gabbaramu kan qabu Isa qofa. Ragaan shari’aa immoo: Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kitaaba “Shirkiin (Rabbiin ala wanta biraa gabbaruun) sirriidha.” jedhu gonkumaa hin buusne.

Kanaafu, namoonni Rabbiin ala wanta biraa gabbaran (waaqefatan) wanti isaan amananii fi hojjatan hundi baaxila (soba) jechuudha. Kana sirritti mirkaneeffadhu.

Qananiitti gammaduu, ergasii yommuu rakkoon nama tuqxu abdii kutuu

30:36

“Yommuu namoota rahmata dhandhamsiifne, ishiitti gammadu. Sababa wanta harki isaanii hojjateen yoo hamtuun isaan tuqxe, yeroma san isaan abdi kutu.” Suuratu Ar-Ruum 30:36

Gabroota Isaa qoruu keessatti seera Rabbii keessaa tokko wanta isaan gammachiisuu fi isaan gaddisiisuun isaan qoruudha. Yeroo garii sababa badii hojjataniin isaaniif adabbii akka ta’uuf wanta isaan rakkisu isaanitti buusa.

Yommuu qananii bu’aa rahmataa Isaa irraa ta’e isaan dhandhamsiisee, gammachuu of tuuluu ni gammadu. Kaafironni fi namoonni iimaanni isaani dadhabaa ta’e yommuu Rabbiin qabeenya, fayyaa fi wanta isaan jaallatan biroo isaaniif kennu, garmalee gammaduun of tuulu. Rabbiif galata galchuu dhiisanii nafsee ofii keessatti of dinqisiifatu, “Beekumsa fi tooftaa kiyyaan kana argadhe.” Jedhu. Ammas, haqa irraa of tuulu. Rabbii olta’aaf gadi jechuu fi ajajamu hin barbaadan. Namoota biroo irrattis of tuulu. Garuu yommuu sababa badii hojjataniin wanti jireenya isaanitti hammeessu isaan tuqe, yoosu abdii kutu. “Ammaan booda waan gaarii hin argadhu ykn rakkoon narraa hin deemu” jechuun abdi muratu.

Kuni haala namoota baay’eti. Faallaa kanaa, mu’mintoonni yeroo waan gaarii argatan Rabbiif galata galchu. Yommuu rakkoon isaan tuqxu immoo obsuun Rabbii olta’aa abdatu. Akkuma Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) jedhan: “Dhimmi mu’minaa ajaa’iba. Dhugumatti, dhimmi isaa hundi kheeyrii (gaaridha). Kuni mu’minaaf malee eenyufillee hin ta’u. Yoo wanta gammachisaan isa tuqe, ni galateefata. Kanaafu isaaf gaarii ta’a. Yoo rakkoon isa tuqe, ni obsa. Kanaafu, isaaf gaarii ta’a.” Sahiih Muslim 2999

Rabbiin nama fedheef rizqii bal’isa, kan fedhe immoo itti dhiphisa

30:37

“Sila Rabbiin nama fedheef rizqii akka bal’isuu fi dhiphisuu hin arginee? Dhugumatti, kana keessa namoota amananiif mallattooleetu jira.” Suuratu Ar-Ruum 30:37

Sila namoonni hin beekanii?: Rabbiin jireenya qormaataa keessatti isaan qoruuf jecha nama fedheef rizqii bal’isa. “Galata ni galcha moo hin galchuu?” Gama biraatin, obsa isaa, wanta isa ittiin qore keessatti Rabbiin irraa jaallachuu, osoo gara nama rizqii bal’iseef ija hinaaffitiin hin ilaaliin tola Isaa irraa akka isa duroomsuuf Gooftaa isaa kadhachuu isaa qoruuf nama fedhe irratti rizqii ni dhiphisa.[5]

Nama rizqii bal’iseef Gooftaa isaatiif galata galchu ykn galchuu dhiisu isaa ifatti baasuf rizqii bal’oo kennaaf. Nama rizqii itti dhiphisee immoo obsa isaa ifatti baasuuf rizqii itti dhiphisa.

Sila…hin arginee?” Asitti gaafiin mirkaanessuufi. Kana jechuun namoonni dhimmoonni harka Rabbii azza wa jalla akka ta’an ni beeku. Inni nama fedheef rizqii bal’isa, ni dhiphisa. Kanaafu, yommuu hamtuun (rakkoon) isaan tuqxu akkamitti abdii kutuu? Ammas, yommuu rahmanni isaan tuqu, akkamitti of jajuu? Kana irra, dirqamni isaan irra jiru kuni Rabbiin irraa hikmaan (ogummaadhaan) akka ta’ee beekudha.

Dhugumatti, kana keessa namoota amananiif mallattooleetu jira.”
Kana jechuun rizqii bal’isuu fi dhiphisuu kana keessa namoota Rabbiitti amananii fi ogummaa fi rahmata Isaa beekaniif mallattooleetu jira.

Rizqii bal’isuu fi dhiphisuu keessa Rabbiin azza wa jalla gabroota Isaa keessatti too’annaa guutuu akka qabu mallattoo agarsiisutu jira. Yeroo namni rizqii argachuuf karaa hunda hordofuu fi carraaqutu jira. Garuu kana waliinu, qabeenya baay’ee hin argatu. Rizqiin isatti dhiphatti. Gama biraatin, namoota keessa nama xiqqoma carraaqe qabeenya baay’ee argatutu jira. Kuni kan agarsiisu, dhimmoonni hojjachuu qofaan hin argaman. Hojjachuun sababa. Garuu kanaa ol fedhii Rabbiitu jira.[6]

Namoota amanan qofatu mallattoolee kanniin hubata. Akkasumas, isaan qofatu haqiiqa (dhugaa) rizqii bal’isuu fi dhiphisuu keessa jiru beeka. Namoonni Rabbii olta’aatti amanan “Rizqiin bal’achuu fi dhiphachuun fedhii Rabbiitin ta’a. Rizqii kan bal’isuu fi dhiphisuuf namoota qoruufi” jechuun amanu. Namoonni Rabbiitti hin amanne immoo rizqiin bal’achuu fi dhiphachuu sababa qofaan wal qabsiisu. Rizqiin bal’achuu fi dhiphachuun namootaaf qormaata akka ta’e hin beekan. Kanaafi, yeroo qabeenya baay’ee argatan of tuulu. Yeroo dhaban immoo abdi kutu.

Rizqiin bal’achuu fi dhiphachuun namootaaf qormaata.

Yeroo rizqiin namaaf bal’attu “Namni kuni Rabbiif galata ni galcha moo hin galchuu?” jechuun ni qorama. Yommuu rizqiin dhiphattu immoo, “Namni kuni ni obsa moo hin obsu? Murtii Rabbiitti ni gammada moo hin gammadu? Rabbiif jedhe haraamatti harka ni diriirsa moo of qabaa?” jechuun qorama.


Maddoota:
[1] Tafsiir Muyassar-fuula 408[2] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ar-Ruum, fuula-201[3] Tafsiir Xabarii-18/499-500[4] Tafsiir Muyassar-408, Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ar-Ruum, fuula-207[5] Tafsiir Muyassar-408, Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/162 [6] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ar-Ruum, fuula-220-222

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 12
Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 10

Leave a Reply