Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 18

Zaalimonni Guyyaa Qiyaamaa Rakkoo Himachuu fi sababa dhiyeefachuun isaan hin fayyadu

30:57

Guyyaa san warra zulmii hojjatan rakkoo himachuun isaanii isaan hin fayyadu, Rabbiin gammachiisunis isaan irraa hin barbaadamu.” Suuratu Ar-Ruum 30:57

Asitti warri zulmii hojjatan warra shirkii hojjatanii fi Guyyaa Qiyaamaa kijibsiisaniidha. Shirkiin gosoota zulmii hunda kan of keessatti qabateedha. Shirkii keessa haqa Rabbii irratti daangaa darbutu jira. Ammas mushrikoonni nafsee ofii adabbiif saaxiluun of miidhu (zollomu). Ammas, Rasuula (SAW) kijibsiisuun miidhu. Qaamaa fi qabeenya isaanii irratti daangaa darbuun mu’mintootas miidhu. (Mushrikoonni mu’imintoota irratti daangaa darbuun zulmii hojjatu.) Kanaafu, shirkiin gosoota zulmii hunda kan of keessatti hammateedha.[1]

Guyyaa Qiyaamaa namoota akkanaatiif rakkoo ykn sababa dhiyeefachuun homaa isaan hin fayyadu. Fakkeenyaaf Guyyaa Qiyaamaa akkana jedhu: “fedhii lubbuu keenyatu nu moo’ate. Namoota kanniintu nu jallise.” fi kanneen biroo jechuun sababa yoo dhiyeefatan homaa isaan hin fayyadu.

Ammas, tawbaa fi hojii gaggaarii hojjachuudhaan Rabbii olta’aa akka gammachiisan isaan irraa hin barbaadamu. Kana irra, badii fi cubbuu isaaniitiif ni adabamu.[2]

Qur’aana keessa Fakkeenyota Haqiiqa wantootaa ibsantu jira

30:58

“Dhugumatti Qur’aana kana keessatti namootaaf [gosoota] fakkeenyaa hunda irraa [fakkeenya] dhiyeessinee jirra. Yoo ati aayan isaaniitti dhufte, dhugumatti warri kafaran, ‘Isin warra sobaa malee homaayyu miti.’ jedhu.” Suuratu Ar-Ruum 30:58

“Dhugumatti Qur’aana kana keessatti namootaaf [gosoota] fakkeenyaa hunda irraa [fakkeenya] dhiyeessinee jirra.”
Kana jechuun Qur’aana kana keessatti gosoota fakkeenyaa hunda kan dhugaan (haqiiqaan) wantootaa ifa itti ta’uu fi dhimmoonni ittiin beekkaman namootaaf dhiyeessinee jirra. Fakkeenya dhiyeessun wanta tokko wanta biraatin wal bira qabuun haqa ibsuu fi ragaa gadi dhaabuuf gargaara. Fakkeenyota kanniin keessaa du’aan booda kaafamuun haqa akka ta’e mirkaneessuuf Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Qur’aana keessatti karaa adda addaatin fakkeenya dhiyeesse jira. Nama jalqabaa biyyee irraa uumuu fi ruuhi itti afuufuun lubbu-qabeessa isa taasisuun fakkeenya du’aan booda kaafamu agarsiisudha. Nabii Aadamiin jalqaba biyyee irraa uumuun nama lubbu qabu kan taasise, namoonni erga du’aani biyyee ta’ani boodas isaan kaasun lubbu-qabeenyi isaan taasisa.

Ammas, Suuratu Al-Baqarah keessatti namootaa fi lubbu-qabeenyi du’aan booda kaafaman bakka afuritti dubbate jira. 1ffaa-Namticha ganda kukkufte biraan darbee ergasi isa ajjeesun wagga dhibba booda isaa fi harree isaa jiraachise. (Suuratu Al-Baqarah 2:259)

2ffaa-Bani Israa’il keessaa nama ajjeefame eenyu akka isa ajjeese akka beeksisuuf du’aan booda ni kaase. (Suuratu Al-Baqarah 2:73)

3ffaa- namoota kumaatamatti lakkaawaman du’a sodaachun bakka biraatti osoo baqachaa jiranu, karaa irratti “du’aa” isaaniin jechuun akka du’an isaan taasise. Ergasii Rabbiin isaan jiraachise. (Suuratu Al-Baqarah 2:243)

4ffaa- qalbiin Nabii Ibraahim (aleyh salaam) du’aan booda kaafamutti akka tasgabbooftuf akkaataa du’aan booda itti kaasu yommuu Rabbiin gaafatu, sinbirroo afur fuudhee mummuruun walitti makee gaara adda addaa irra akka kaa’u, ergasii akka ofitti isaan waamu ajaje. Nabii Ibraahimis yommuu kana hojjatu, sinbirooleen cicciramanii du’an lubbu-qabeenyi ta’uun gara isaatti dhufan. (Suuratu Al-Baqarah 2:260)

Kunniin hundi du’aan booda kaafamuun haqa akka ta’e ibsu. Ammas, du’aan booda kaafamuu dachii erga gogde booda magariisa taatun wal fakkeesse. Dachiin yommuu biqiltoonni irraa gogan ni duuti. Rabbiin azza wa jalla sanyii gogduu ykn hidda gogaa irraa biqiltoota lubbu-qabeenyi magarsuun dachii jiraachisa. Ilmaan namaas du’aan booda akkanumatti jiraachisa. Akkuma bishaan itti roobsun sanyii biqiltuu gogduu taate irraa baala, jirmaa fi damee baase, Guyyaa Qiyaamaas bishaan itti roobsun lafee xiqqoo fi gogduu taate irraa qaama namaa harkaa luka, afaani funyaan qabu baasa.[3] 

Kana waliinu kaafironni du’aan booda kaafamu kijibsiisuu itti fufan. Kanaafi, itti aanse ni jedha: “Yoo ati aayan isaaniitti dhufte, dhugumatti warri kafaran, “Isin warra sobaa malee homaayyu miti.” jedhu. Kana jechuun ragaa fi mallattoo wanti ati fidde sirrii ta’uu agarsiisu yoo kaafirootatti fidde, dhugumatti kaafironni ni jedhu, “ati fi warri si hordofan warra sobaati.” Kana jechuun isin warra soba hordofu.[4] Sababni kana isaan jechiisisee fi haqa akka sobaatti akka ilaalan isaan taasisee qalbiin isaanii cufamuudha. Kanaafi itti aanse ni jedha:

30:59

“Akka kanatti Rabbiin qalbii warra hin beeknee irratti cufa.” Suuratu Ar-Ruum 30:59

Kana jechuun akka kanatti qalbii namoota haqa Rabbiin irraa dhufee hin beekne, gara fuunduraattis beekuuf fedhii hin qabnee irratti cufa. Sababni isaas, isaan hulaa beekumsi hubannoo fi sammuu ittiin seenu cufanii jiru.  Beekumsa amantiin wal qabatee fudhachuu irraa sammuu isaanii haguuganii jiru. Kanaafu, Rabbiin seera Isaatiin qalbii isaanii irratti cufe. Namni fedhii isaatiin qalbii isaa haqa irraa haguuge, Rabbiin qalbii isaarratti cufa. Kuni sababaa fi bu’aadha.

Rabbiin azz wa jalla qalbii irratti cufuun wanta dirqamaan ta’uu miti. Garuu bu’aa namni fedhii ofiitin hojii keessaa ykn alaa hojjatu irraa argamuudha.[5] Namni hojii badaa hojjate, seera sababaa fi bu’aa hordofuun qalbii isaa irratti ni cufama. Sababa inni badii hojjateen, Rabbiin qalbii isaa irratti cufa.

Qalbiin namaa yoo cufamte dhimma amanti hubachuun isatti ulfaata. Kanaafi, haqa akka sobaatti, soba immoo akka haqaatti ilaala.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiir Tahriir wa tanwiir-21/133
[2]Tafsiir Muyassar-410
[3] https://www.sammubani.com/2020/05/13/tafsiira-suuratu-qaaf-kutaa-2/#.X0ur7sj7TIU
[4]
Tafsiir Sa’dii-758, Tafsiir Qurxubii-16/454
[5] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur-15/190-193

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Xumura
Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 17

Leave a Reply