Salaata-Utubaa Islaamaa

Dhugumatti Faaruun hundi kan Rabbiiti. Isa ni faarsina, ni gargaarsifanna, araarama Isa kadhanna. Sharriwwan nafsee teenyaa fi hamtuwwan hojiiwwan keenyaa irraa Rabbiin eeggamna. Nama Rabbiin qajeelche kan isa jallisu hin jiru. Nama Rabbiin jallise kan isa qajeelchu hin jiru. Rabbii Tokkicha shariika hin qabne malee haqaan gabbaramaan akka hin jirre ragaa nan baha. Akkasumas, Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa nan baha.

Salaanni utubaa amantiiti. Namni salaata gadi dhaabee sirnaan salaate, bu’uuraa fi utubaa amanti isaa gadi dhaabe. Namni dhiisee immoo hundee fi utubaa amanti isaa diige. Salaanni hojii ibaadaa isa guddaa ta’ee fi nama hunda irratti dirqama kan ta’eedha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jedha:

2:238

Salaata [shananii] fi salaata giddu-galeessaa tiikfadhaa. Ajajamtoota taatanii Rabbiif dhaabbadhaa.” Suuratu Al-Baqarah 2:238

Rabbiin Olta’aan haala wali galaatin salaata shanan akka tiikfatan, keessumayyu immoo salaata giddu-galeessaa akka eegan ajaja. Salaanni jiddu-galeessaa salaata Asriiti. Salaata tiikfachuu jechuun: waqtii, sharxiiwwanii fi arkaana salaataa, kushuu’a fi wantoota salaataaf barbaachisan hunda eegun salaatudha. Salaata tiikfachuun ibaada biroo akka tiikfatanii fi wanta dhoowwaman irraa akka eeggaman nama gargaara.[1]  

Sadarkaan salaanni qabu guddaadha. Arkaana Islaamaa keessaa isa lammaffaadha. Akkuma beekkamu namni kamiyyu salaanni fi hojiin isaa biroo fudhatama argachuuf iimaana qabaachu fi shahaadateyni labsu qaba. Iimaana qabaachu yommuu jennu, arkaana (hundeewwan) iimaana jahanitti amanuudha. Shahaadateynin immoo “ash-hadu an laa ilaah illallah wa ash-hadu anna muhammadan rasuulullah jedhanii ragaa bahuudha. Hiikni kanaa: Rabbiin malee haqaan gabbaramaan akka hin jirree fi Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu ragaa nan baha.

Sammubani.com irratti arkaana iimaanaa fi shahaadateyn ilaalle jirra. Alhamdulillahi Rabbil aalamiin. Kanaafu, wanta hojiin irratti hundaa’u erga xumurre, amma gara hojiwwan keessa hojii hundarra Rabbiin biratti jaallatamaa ta’e ilaalla. Hojiin kunis salaata.

Salaanni arkaana, sharxiwwanii fi dirqamoota qaba. Namni salaata sirnaan salaatuf waa’ee salaata sirritti beeku qaba. Salaata akkuma arge kan salaatu yoo ta’e, salaata irraa bu’aa guddaa hin argatu. In sha Allah, gargaarsa Rabbiitiin ahkaama (murtiwwan) salaataa fi seera isaa ilaalchisee hanga danda’ameen kitaabota fiqhii irraa ni ilaalla. Kitaabban fiqhi hundi waa’ee salaata yommuu dubbatan xahaaraa irraa jalqabu. Kanaafu, nutis xahaaraa irraa jalqabuun waa’ee salaata barachuu fi qorachuu haa eeggallu.

Xahaaraa

Hiika Xahaaraati fi barbaachisummaa isaa
Akka lugaatti xahaaraa jechuun xurii irraa qulqullaa’uudha. Akka shari’aatti xahaaraa jechuun bishaanin ykn biyyeen hadasaa fi najaasa kaasudha. Kanaafu, xaharaan bakka lama gurguddaatti qoodama:
1ffaa-hadasa irraa qulqullaa’u. Kuni nafa dhiqachuu fi wudu’achuun ta’a.
2ffaa-najaasaa (xurii akka fincaani, sagaraa fi kkf) irraa qulqullaa’u. Hikni kanaa: najaasaa uffataan, bakkaani fi qaamaan wal qabate qulqulleessudha.

Garaagarummaan xahaaraa kanniin lamaan jidduu jiru: kan jalqabaa qaama qofaan wal qabata, kan lammataa immoo uffataan, bakkaani fi qaaman wal qabata. Fakkeenyaaf namni salaatu tokko: jalqaba qaama ofii ni qulqulleessa, ergasii uffanni ittiin salaatu fi bakka itti salaatu qulqulluu ta’uu ni mirkaneeffata.

Hadasa jechuun amala qaaman walqabatuu ta’ee kan salaata irraa nama dhoowwudha. Hadasni gosa lama:
1ffaa– Hadasa xiqqaa- kuni wudu’achuun kan wal qabatuudha. Kan akka sagaraa, fincaan, dhuufuu fi dhangala’oo qaqala’aa qaama hormaataa keessa bahu. Kunniin hundi hadasa xiqqaadha. Hadasni gosa kanaa wudu’achuun qulqullaa’a.
2ffaa-Hadasa guddaa-Kuni immoo qaama guutuu dhiqachuun kan wal qabatuudha. Kan akka janaabaa, haydi (laguu) fi dhiiga da’uumsaa (nifaas). Kunniin hadasa guddaadha. Hadasni kuni nafa (qaama) guutuu dhiqachuun qulqullaa’a.[2]

(Janaabaa-jechuun haala nama maniyyiin (dhangala’oon saalaa) isarra bahuu ykn wal-qunnamti saalaa raawwatuudha. Namni osoo rafuu ykn dammaqee osoo jiru maniyyin yoo isarraa bahe, janaabaa qaba jedhama. Kanaafu nafa guutuu dhiqachuu isa barbaachisa. Akkasumas, namni wal-qunnamti saalaa raawwate, janaaba qaba jedhama. Kunis nafa guutuu dhiqachu qaba/qabdi. )

Barbaachisummaa xahaaraa
1-Xahaaraan furtuu salaatati fi sharxii isaa keessaa hundarra jabaa kan ta’eedha. Salaanni gabrichaa sirrii ta’uuf xahaaraan jiraachu qaba. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhanii jiru: “Hanga wudu’atutti malee salaanni nama hadasa raawwatee (fincaane ykn sagaraa bahee ykn dhuufee) isa irraa hin qeebalamu.” (Sahiih Al-Bukhaari 135 fi Sahiih Muslim 225)

Salaata xahaaraan salaatun Rabbiin ol-guddisuu (kabajuu) dha. Mootii fuundura dhaabbachuun qulqullinnaan ta’a moo xuriin ta’aa? Dhugumatti, qulqullinnaan Mootii aalamaa fuunduraa dhaabbachuun kabaja Isaaf qaban agarsiisa.

2-Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoota of qulqulleessan akkana jechuun faarse jira:

Dhugumatti, Rabbiin warra tawbatan ni jaallata, warra of qulqulleessanis ni jaallata.” Suuratu Al-Baqarah 2:222

Warra Masjiida Qubaa’as akkana jechuun faarse:

“Isa keessa dhiirota of qulqulleessu jaallatantu jira. Rabbiin warra of qulqulleessan ni jaallata.” Suuratu At-Tawbah 9:108

3-Najaasaa irraa of qulqulleessu dhiisun qabrii keessatti sababoota ittiin adabaman keessaa tokko: Ibn Abbaas akka gabaasetti, Ergamaan Rabbii (SAW) qabriiwwan lama biraan darban. Ergasii akkana jedhan, “Isaan lamaan kunniin azzabamaa jiru, [dhiisuf] wanta guddaaf kan azzabamanii miti. Tokkoffaan jettee jettee ol gadiin deema, lamaffaan, fincaan irraa of hin eegu.” Sahiih Al-Bukhaari fi Sahiih Muslim

Har’aaf asirratti nu gaha. In sha Allah kutaa itti aanu keessatti waa’ee najaasaa ilaalla.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiir Sa’diyyi 106
[2] Sahiih Fiqhu Sunnah-1/70-71, Abu Maalik, Fiqhu Muyassar fii daw’il kitaabi wa sunnati-fuula 1-2, Fiqhu waadih-fuula 28, Dr. Muhammad Bakr Ismaa’il

Print Friendly, PDF & Email
Gosoota Najaasaa
Xahaaraa fi salaata nama rakkoo fincaanii fi dhiigaa qabuu

Leave a Reply