Tafsiira Suuratu Luqmaan-Kutaa 5

Gorsa Luqmaan Ilmaaf KenneKutaa 1ffaa
Dhugumatti gorsi abbaan ilmaaf kennu baay’ee barbaachisaa kan ta’eedha. Sababa gorsa abbaatin takkaa ilmi ni qajeela takkaa immoo ni daba. Gorsi abbaa gaarii yoo ta’e ilmi qajeelu danda’a. Badaa yoo ta’e immoo dabuu danda’a. Kanaafu, abbaan ilma isaa yommuu gorsu, gorsa hundarra bareedaa filachuu qaba. Wanti jalqabaa abbaan dhimma ilmaatti xiyyeeffachu qabu, aqiidaa (amantii) isaatii. Jireenyi namaa amanti sirrii ta’e irratti yoo hin ijaarramin, namni jireenya gaarii fi gammachuu qabdu jiraachu hin danda’u. Hanga fedhe qabeenya haa qabaatu, kuni gammachuu fi tasgabbii inni barbaadu isaaf hin fidu. Kanaafi, Luqmaan gamna ta’e ilma isaa gorsu yommuu jalqabu, amanti irraa jalqabe. Gorsa isaa kana mee haa ilaallu:

31:13

“Yommuu Luqmaan ilma isaatiin osoo isa gorsuu: “Yaa ilma kiyya! Rabbitti waa hin qindeessin. Dhugumatti shirkiin zulmii guddaadha.” jedhe [yaadadhu].” Suuratu Luqmaan 31:13

Luqmaan ilma isaa akkana jechuun gorse: “Yaa ilma kiyya! Rabbitti waa hin qindeessin.” Kana jechuun ibaadaa keessatti, uumuu fi murteesu keessatti, maqaalee fi sifaataa Isaa keessatti Rabbiin waliin shariika (qooda kan fudhatu) hin godhin. Akkuma warra beekumsaa biratti beekkamu tawhiinni bakka sadiitti qoodama: tawhiida rubuubiyyah, tawhiida uluuhiyyah fi tawhiida maqaalee fi sifaatati.

Rabbiitti waa qindeessun (shirkiin) kanniin sadiin keessaa tokko keessatti Rabbii olta’atti wanta biraa qindeessudha. Namni Rabbii olta’aa waliin khaaliqni (uuman) ni jira jedhe amanee, Rubuubiyyah (Gooftummaa) keessatti shirkii hojjatee jira. Namni ibaadaa keessatti Rabbiin waliin kan gabbaramu qabu ni jira jedhe amanee, uluuhiyyah keessatti shirkii hojjate. Namni Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa maqaalee fi sifaata Isaa keessatti Isaan kan morkatu ni jira jedhee amane, kuni maqaalee fi sifaata keessatti shirkiidha.

Luqmaan kanniin sadan keessatti shirkii akka hin hojjanne ilma isaa ni gorse. Sababa kanaas itti aanse dubbate: “Dhugumatti shirkiin zulmii guddaadha.”

Hundemaa zulmiin waa hir’isuudha. Kana ilaalchise jecha Rabbii subhaanahu wa ta’aalaa keessatti ni arganna:

18:33

Ashaakiltin lamaanu firii isaanii kennu, homaa isarraa hin hir’isan. Isaan lamaan jidduu laga burqisiifne.” Suuratu Al-Kahf 18:33

Shari’aa keessatti zulmii jechuun abbaa haqaa hunda jalaa haqa isaa hir’isuudha. Kanarratti hundaa’e, shirkiin haqa Rabbii azza wa jalla keessatti hir’isuudha.

Dhugumatti shirkiin zulmii guddaadha.” Yommuu jedhu, shirkiin hojii badaa garmalee guddaa ta’e ibsuu fi isarraa akeekachisuufi. Shirkiin zulmii hundarra guddaa ta’eedha. Kan si uumee fi dhabama irraa si argamsiisee, wanta jireenyi tee ittiin dhaabbattu kan siif dhiyeesse Rabbiidha. Ammas, Kan si qopheessee fi wanta itti fayyadamtuuf qophii akka taatu si godhee Rabbii olta’aadha. Inni Argamsiisaa, Jiraachisaadha. Kuni erga akkana ta’ee Rabbiin caalaa haqa kan sirraa qabu hin jiru jechuudha. Kanaafu, haqa Rabbii yoo hir’iste, kuni zulmii hundarra guddaa ta’a. Kanaafi, namni namoota hunda caalaa tola sitti oole, waan badaa isatti hojjachuun kee nama birootti badii hojjachuu caalaa hamaa ta’a.[1]

Kan tola sitti oolu, siif kennu, si guddisu ergasii isatti waan badaa yoo hojjatte, kuni zulmii guddaadha. Osoo nama biraatti waan badaa hojjatte, kan tola sitti oolen wal hin qixxaatu.

Haqni Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa gabroota irraa qabu, Isa qofa gabbaruudha. Mu’aaz ibn Jabal akka gabaasetti Rasuulli (Sallallahu aleyh wassallam) akkana jechuun isa gaafatan:

‏”‏ أَتَدْرِي مَا حَقُّ اللَّهِ عَلَى الْعِبَادِ ‏”‏ ‏.‏ قُلْتُ اللَّهُ وَرَسُولُهُ أَعْلَمُ ‏.‏ قَالَ ‏”‏ فَإِنَّ حَقَّهُ عَلَيْهِمْ أَنْ يَعْبُدُوهُ وَلاَ يُشْرِكُوا بِهِ شَيْئًا ‏”‏
Haqni Rabbiin gabroota irraa qabu maal akka ta’e beektaa?” Anis ni jedhe, “Rabbii fi Ergamaan Isaa ni beeku.” Rasuullis ni jedhe: Dhugumatti haqni Inni isaan irraa qabu: “osoo homaa Isatti hin qindeessin Isa gabbaruudha.” Jaami’u Tirmizii-2643, Sahiih Muslim 30

Kanaafu, namni shirkii hojjatu haqa Rabbii hir’isee jiraa jechuudha. Sababa kanaan, inni zaalima ta’a.


[1] Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu Luqmaan, Ibn Useymiin- fuula 79-80

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Luqmaan-Kutaa 6
Tafsiira Suuratu Luqmaan-Kutaa 4

3 comments

Leave a Reply