Tafsiira Suuratu Luqmaan-Kutaa 14

Guyyaa Abbaa fi ilmi wal hin fayyanne san sodaadhaa
Dhugumatti, Guyyaan Qiyaamaa Guyyaa guddaa nama muddamsuu fi wal nama irraanfachiisuudha. Tokko kan biraa gargaaru dhiisiti achiyyu garagalee nama hin ilaalu. Inumaa, firri garmalee namatti dhiyoo ta’e namarraa dheessa. Guyyaan guyyaan cimaadha. Wanti guyyaa san nama baasu qabeenya walitti qaban osoo hin ta’in iimaanaa fi hojii gaggaarii addunyaa irratti walitti sassaabataniidha. Aayan armaan gadii ciminna Guyyaa Qiyaamaa nama yaadachisuu waliin jireenya addunyaa tanaatiin akka hin gowwoomne nama gorsiti.

31:33

Yaa namoota! Gooftaa keessan sodaadhaa, Guyyaa abbaan ilma isaa homaa hin fayyanne, ilmis abbaa isaa homaa hin fayyanne san sodaadhaa. Dhugumatti, waadaan Rabbii haqa. Kanaafu, jireenyi addunyaa isin hin gowwoomsin. Gowwomsaanis waa’ee Rabbii isin hin gowwoomsin.”  Suuratu Luqmaan 31:33

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa as keessatti Isa sodaachuutti ajaja. Rabbiin sodaachu jechuun wanta Rabbiin itti ajaje hojjachuu fi wanta Inni irraa dhoowwe dhiisudha. Asitti “Gooftaa keessan…” jechuun jalqabe. Gooftaan kan isaan uumee, jiraachisuu, qananiisu, ajjeesu, kaasu, qoratu, adabuu fi mindeessu waan ta’eef sodaatamu qaba. Kanaafu, haqni Gooftaan isaanii isaan irraa qabu: Isatti amanu, Isaaf ajajamu fi wanta Inni dhoowwe dhiisudha.

Yaa namoota! Gooftaa keessan sodaadhaa, sababni isaas Isatu isin uumee, jiraachisa, ajjeesa, du’aan booda isin kaasun isin qorata, ergasii jazaa isiniif kafala.

 “Guyyaa abbaan ilma isaa homaa hin fayyanne, ilmis abbaa isaa homaa hin fayyanne san sodaadhaa.”
Guyyaa Qiyaamaa eenyullee ijoollee isaa irraa sharrii Guyyaa sanii deebisuu hin danda’u. Garuu addunyaa keessatti ijoollee isaa fayyadu danda’a, inumaa jireenya ijoollee isaatiif jedhe balaatti of darbuu danda’a. Garuu Aakhiratti akkasi miti. Kana irra, dhimmi akka Rabbiin olta’aan jedheedha:

“Guyyaa namni obboleessa isaa, haadhaa fi abbaa isaa, niiti isaatii fi ijoollee isaa irraa dheessu.” Suuratu Al-Abasa 80:34-36

Haqa isaanii hanqiseef natti rarra’an jedhee sodaachuun isaan irraa dheessa. Rabbiin olta’aan ni jedha:

Yeroo xurunbaan afuufamu, Guyyaa san firummaan isaan jidduu hin jiru, walis hin gaafatan.” Suuratu Al-Mu’minuun 23:101

 Tokko kan biraa haala keessa jiru hin gaafatu. Hundi isaanitu, nafsii, nafsii (lubbuu koo, lubbuu koo)” jedha. Sababni isaas, dhimmichi baay’ee guddaadha.

“Dhugumatti, waadaan Rabbii haqa.” kana jechuun du’aan booda kaafamuun, qorannoo fi jazaan haqa. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa du’aan booda namoota akka kaasu, ergasii qoratu fi jazaa isaaniif kafalu waadaa galee jira. kanaafu, waadaa haqa ta’eedha. Kana jechuun waadaa dhugaadhaan gara fuunduraatti argamuudha.

“Kanaafu, jireenyi addunyaa isin hin gowwoomsin.” Kana jechuun addunyaan faayaa fi mi’aa ishiitiin isin hin gowwoomsin. Namni addunyaan yoo gowwoome, Aakhiraaf hojjachuu ni dhiisa, addunyaatti ni tasgabbaa’a. Kanaafu, addunyaan gowwoomun Aakhiraaf qophaa’u hin dhiisinaa.

“Gowwomsaanis waa’ee Rabbii isin hin gowwoomsin.” Kana jechuun sheyxaanni isin hin gowwoomsin. Sheyxaanni waa’ee Rabbii ilaalchisee nama gowwoomsa. Fakkeenyaaf: akkana jechuun isatti wasawasa (hasaasa): osoo ati soba irra jiraatte, silaa Rabbiin olta’aan si adabaa ture. Yookiin, “Rahmanni Rabbii bal’aadha, Rabbiin ghafuuru rahiim.” isaan jechuun badii hojjachuu akka itti fufuu isatti hasaasa. Ammas, hanga waggaa afurtama geessutti hin salaatin jechuun namoota garii gowwoomsa.[1]

Ammas sheyxaanni nafsee namaa keessatti badii miidhagsuun nama gowwoomsa. Du’aan booda kaafamni, qorannoo fi jazaan akka jireetti namatti fakkeessuun nama gowwoomsa.

Namni waa lamaan gowwooma: 1ffaa-wanta alaa mul’atuun-kuni jireenya addunyaati (faayaa fi mi’aa addunyaa), 2ffaa-wanta hin mul’anneen-kuni sheyxaana.

Jireenyi addunyaa ija namaa keessatti miidhaguun nama gowwoomsiti (Aakhiraaf akka hin hojjanne nama dagdi). Sheyxaanni immoo yaada adda addaa namatti hasaasun nama gowwoomsa (Aakhiraaf qophaa’u irraa duubatti nama harkisa).


[1] Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu Luqmaan, Ibn Useymiin- fuula 193-197

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Luqmaan-Xumura
Tafsiira Suuratu Luqmaan-Kutaa 13

Leave a Reply