Tafsiira Suuratu Luqmaan-Xumura

Suuratu Luqmaan, boqonna bareeddu tooftaa jireenya nama barsiiftu. Hariiroon ilma namaa fi Gooftaa isaa jidduu jiru maal ta’uu akka qabu, namni haadha abbaa isaatii fi namoota biroo waliin akkamitti jiraachu akka qabu tan namatti himtu boqonnaa bareeddu kunoo amma ni xumurra. Xumura kana keessatti iccitii Rabbiin malee eenyullee hin beekne ni ilaalla:

31:34

“Dhugumatti, beekumsi Qiyaamaa Rabbiin qofa bira jira, roobas ni buusa, wanta gadaamessa keessa jirus ni beeka. Nafseen tamiyyu wanta boru argattu hin beektu, nafseen tamiyyu lafa tamiitti akka duutu hin beektu. Dhugumatti Rabbiin Aliim, Khabiir.” Suuratu Luqmaan 31:34

“Dhugumatti, beekumsi Qiyaamaa Rabbiin qofa bira jira.” Kana jechuun Rabbiin qofatu Guyyaa Qiyaamaan itti dhaabbattu beeka. Kanaafi, Jibriil Nabiyyi (Sallallahu aleyh wassallam) akkana jechuun gaafate: “Waa’ee Qiyaamaa natti himi?” Nabiyyiinis ni jedhe: “Gaafatamaan gaafataa caalaa beekaa miti.” Itti xinxalli: Ergamtoota lama, isaan keessaa tokko malaaykota hunda kan caaludha. Kan lammataa immoo ilma namaa hunda kan caaludha. Isaan lamaanu akkana jedhu: “Ana bira beekumsi Qiyaaman itti dhaabbatu hin jiru.” Sababni isaas, jechi Nabiyyi (SAW): “Gaafatamaan gaafataa caalaa beekaa miti.” jechuun: yoo ati kan hin beekne taate, ani si caalaa kan hin beeknedha.

Kanaafu, Guyyaa Qiyaamaan itti dhaabbattu Rabbi qofatu beeka. Namni “ani Guyyaa Qiyaamaan itti dhaabbattu nan beeka” jedhe kijibee jira.[1]

“roobas ni buusa” Kana jechuun Rabbiin qofatu duumessa irraa rooba buusa. Isaan ala eenyullee kana gochuu hin danda’u.  

wanta gadaamessa keessa jirus ni beeka.” Kana jechuun daa’imni gadaamessa keessa jiru dhiira moo dubartii ta’uu, kan gammaduu moo kan dararamuu ta’uu, hojii gaarii hojjata moo hojii badaa hojjata, rizqiin isaa dhiphaadha moo bal’aadha, umriin isaa gabaabadha moo dheeraa ta’uu Rabbiin ni beeka. Gadaamessa keessatti daa’ima kana Kan uume Rabbii olta’aa waan ta’eef wanta daa’ima kanaan wal qabatu hunda beeka.

Nafseen tamiyyu wanta boru argattu hin beektu.” Kana jechuun nafseen hundu wanta gara fuunduraatti hojjattu fi argattu hin beektu. Namni boru gaarii moo sharrii akka hojjatu hin beeku. Tarii sagantaa baasee wanta hojjachuu qabu ni karoorsa. Garuu gufuun isaa fi wanta karoorse jidduu seenun duubatti isa deebisa. Ammas, boru qabeenya ykn ilma argachu isaa hin beeku.[2] Tarii argachuu danda’a, tarii immoo argachuu dhiisu danda’a. Kanaafu, wanta nafseen hundi gara fuunduraatti hojjattu fi argattu kan beeku Rabbiin qofa.

“nafseen tamiyyu lafa tamiitti akka duutu hin beektu.” Kana jechuun nafseen hundu lafa ykn biyya keessatti duutu hin beektu. Biyya itti dhalatte moo biyya sanirraa fagoo taatetti moo bakka dhiyoo ta’etti duutii? Galaana keessatti moo gaaraa gubbaatti moo eessatti duuti? Akkasumas, yeroo kamiin akka duutus hin beektu.

Kuni hikmaa (ogummaa) Rabbii azza wa jalla irraayyi. Namni guyyaa ykn bakka itti du’uu osoo beeke, jireenya isaa keessatti garmalee jeeqama. Yaaddon isaa wanta hafee lakkaawu malee homaayyu hin ta’u ture. Kana jechuun du’uuf waggaa haganaatu, ji’a haganaatu, guyyaa haganaatu hafe jechuun lakkaa’aa ture. Ifaajee guddaas ifaaja.

Garuu yeroo ammaa guyyaan hundi namatti ni dhufa. Inni jiraachuuf abdata. Tarii duuti hidhaa kophee isaa caalaa isatti dhiyoo ta’uu dandeessi. Garuu isa bira abdii dheeratu jira. Guutumaan guututti gara dhimma kanaa (du’aa) hin mil’atu. Sababni isaas, beekumsa kanaa akka hin qabne ni beeka. Beekumsi kanaa Rabbiin qofa bira jira. Kuni Rabbiin azza wa jalla rahmata nuuf godhuu irraa kan ka’eedha.

Namni biyya akkanaatti akka du’u tilmaamu danda’aa?
Deebiin: kana tilmaamu ni danda’a. Yeroo garii yommuu akkana isaan jedhamu: “Sila hin imaltuu?”, akkana jedha: “Gonkumaa hin imalu. Ani biyya tiyya keessa jiraadhe keessatti du’a.” Garuu yommuu ajalli (yeroon du’aa) isaa dhiyaatu, ni imala. Hanga biyya itti du’uutti baadhatamutti haajaan isa qabatti.

Ani namticha waggootaa dheeraaf biyya isaa Uneyzaa keessaa hin baane nan beeka. Yommuu dhukkubsatu, wal’aansi isaa Misriin keessatti akka ta’uu murteefame. Inni umrii isaa guutuu hajjiif yoo ta’e malee Uneyza keessaa bahee hin beeku. Innis ni dulloome, umriin isaa ni dhumate. Garuu subhaanallah! Yommuu Rabbiin biyya itti du’utti geessu barbaadu, namtichi kuni gara Misrii geefamee achitti du’e.[3]

“Dhugumatti Rabbiin Aliim, Khabiir.”
Aliim jechuun Kan waan hundaa beekudha. Rabbiin keessaa ala, ifaa dhoksaa hunda Kan beekudha. Khabiir jechuun immoo keesso wantootaa kan beekudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa keessaa fi dhoksaa wantoota hundaa Kan beekudha.

Aayah tana ilaalchise wanta Al-Ma’udiidi jedhe itti haa daballu: Dhugumatti aayan tuni gaafi kaafirotaa “Guyyaan Qiyaamaa yoom dhufa?” jedhuuf deebii taati. Kaafironni yommuu Nabiyyiin waa’ee Aakhirah fi waadaa Aakhira dubbatu, waadaan kuni yoom jechuun gaafatu. Qur’aanni yeroo garii gaafii isaanii kana kaasun deebii deebisaaf, yeroo garii immoo osoo gaafi kana hin kaasin deebii deebisa. Sababni isaas, namoonni dubbiin itti qajeelu wanta gaafachaa jiran ni beeku. Aayanni armaan olii aayaata osoo gaafi hin kaasin deebii deebisan keessaa tokkoodha.

Himni jalqabaa: “Beekumsi Qiyaamaa Rabbiin qofa bira jira.” jedhu, gaafi “Qiyaamaan yoomi?” jedhuuf deebii dhugaati. Himoonni itti aanan afran, kana deeggaruuf ragaa ta’u. Ragaan kuni akkana jedha: “Yaa nama! Wantoota jireenya keessatti garmalee xiyyeefannoo itti kennituyyuu ilaalchisee beekumsa hin qabdu. Kanaafu, akkamitti yeroo addunyaan guutuun xumura irra geessu beekuun siif danda’amaa? Badhaadhinni fi rakkinni kee rooba irratti hundaa’a. Garuu rooba kana too’achuun harka Rabbii qofa jira. Yeroo fi bakka kamiyyu, hamma fedheen ni buusu, yeroo fedhetti immoo ni qaba. Roobni hangami yeroo murtaa’aa keessatti bakka murtaa’atti akka bu’u hin beektu…

Haati manaa tee maniyyi keetiin ulfoofti. Garuu ati gadaamessa ishii keessatti wanta boca qabataa jiruu fi haala kamiin, gaariin ykn badaan bahuu isaa hin beektu. Inumaa wanta guyyaa kee itti aanu keessatti si qunnamu hin beektu. Balaan tasaa dhuma kee jijjiruu danda’a. Garuu balaan kuni uumamuun dura sakandii takkaafiyyuu dursitee hin beektu. Jiruun kee ammaa eessatti akka dhumatu hin beektu. Rabbiin odeefannoo kanaa hunda Of biratti qabe. Beekumsa kanniin keessaa tokkollee siif hin kennine. Qophii barbaachisu gochuuf beekumsa kanniin hundaa qabaachuuf ni dharraata. Garuu dhimmoota kanniin keessatti murtii Rabbii irratti hirkachuu malee karaan biraa siif banaa ta’e hin jiru. Haaluma kanaan, xumura addunyaa (Qiyaamaa) ilaalchisee murtii Rabbii irratti hirkachuu malee filannoon biraa hin jiru. Beekumsi kanaa eenyufillee hin kennamne, kennamuus hin danda’u.”[4] (Qiyaaman yoom akka dhaabbattu Rabbii olta’aa malee eenyullee hin beeku.)

Warri Qiyaamaatti hin amanne gowwoomuudhaan “Yeroo Qiyaamaan dhaabbattu namootatti beeksisuu dhiisuun mallattoo Qiyaamaan akka hin jirre agarsiisuudha” jechuun yaadu. “Dhugaa yoo taataan Qiyaamaan yoomi?” jechuun gaafatu. Yeroo Qiyaamaan itti dhaabbattu Rabbiin malee eenyullee waan hin beeknef deebiin isaaniif malu: “Rabbiin malee eenyullee yeroo Qiyaamaan itti dhaabbattu hin beeku.” ta’a.

Yeroo wanta tokkoo dhoksuun wanti suni hin argamu jechuu miti. Jireenyuma keenya guyyaa guyyaa keessatti nama irraa yeroo wanti tokko itti raawwatamu ni dhoksina. Fakkeenyaaf, diinatti duulu yoo barbaanne, yeroo itti duullu diinatti ni beeksifnaa? Hin beeksisnu. Yeroo dhoksuun keenya diinatti hin duullu jechuu keenyaa?

Kanaafu, yeroo Qiyaamaan itti dhaabbattu dhoksuun Qiyaamaan hin dhuftu jechuu miti. Shakkii tokko malee Qiyaamaan ni dhufti. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa rahmata Isaatiin akkuma yeroo du’aa nurraa dhoksee yeroo Qiyaamaan itti dhaabbattus nurraa dhokse. Sababni isaas, osoo namoonni yeroo Qiyaamaan itti dhaabbattu beekanii silaa haala lama keessa ta’u:
1ffaa-Warri Qiyaamaa irraa fagoo ta’e, Qiyaamaan fagoodha jechuun hojii gaggaarii hojjachuu dhiisu, of dagatu. Hojii badaa keessatti taruun addunyaa balleessu. Kanaafu, wanti guddaan tasa akka isaanitti dhufu yoo beekan, of eeggannoo cimaa godhu. Wanta hojjatan hundaaf itti gaafatamummaa fudhatu.
2ffaa-Warri Qiyaamatti dhiyoo ta’an immoo Qiyaamaan dhooyuf jechuun ni jeeqamu. Addunyaa ofii fooyyessuu dhiisu.

Akkasumas, yeroo Qiyaamaan itti dhaabbattu dhoksuun namni Qiyaamatti amanuu fi hin amanne addaan baafama.

Alhamdulillahi Rabbil aalamiin. Tafsiirri suuratu Luqmaan asirratti xumuramee jira.


[1] Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu Luqmaan, Ibn Useymiin- fuula 202
[2] Madda olii-205-207
[3] Madda olii
[4] https://www.englishtafsir.com/Quran/31/index.html#sdfootnote63sym

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu As-Sajdah-Kutaa 1
Tafsiira Suuratu Luqmaan-Kutaa 14

Leave a Reply