Tafsiira Suuratu As-Sajdah-Kutaa 5

Aayaata Rabbiitti kan amanuu eenyu fa’aa?
Namni jireenya keessatti mi’aa iimaanaa dhandhamuu fi tasgabbii dharra’uu argachuuf jalqaba aayaata Rabbii olta’aa irraa dhufanitti amanuun isarraa eeggama. Ergasii akkaataa ajajameen yoo hojjate, mi’aa iimaanaa fi tasgabbii dharra’u ni argata. Gara fuunduraattis mindaa ijji isaa takkuu hin argine, gurri takkuu hin dhageenyee fi qalbii isaa hin qaxxaamurretu isa eeggata. Mee warra aayaata Rabbiitti amanan eenyu fa’a akka ta’an, hojii isaan hojjatanii fi mindaa isaanii kutaa kana keessatti haa ilaallu:

32:15

“Aayaata Keenyatti kan amanuu warra yommuu isaaniin yaadachiifaman sujuuda bu’anii fi faaruu Gooftaa isaanitiin [Isa] qulqulleessan qofaadha. Isaan of hin tuulan.” Suuratu As-Sajdah 32:15

Kana jechuun keeyyattoota Qur’aana kan dhugooomsu fi hojii irra oolchu warra yommuu keeyyattonni (aayaanni) kunniin isaan irratti dubbifaman, Gooftaa isaaniitiif sujuuda bu’anii fi sujuuda isaanii keessatti Rabbiin faaruu Isaa waliin qulqulleessan qofaadha. Isaan Rabbiin gabbaruu fi Isaaf ajajamu irraa of hin tuulan.

faaruu Gooftaa isaanitiin [Isa] qulqulleessan” kana jechuun qulqulleessu fi faarsu walitti makan. Fakkeenyaf, akkana jechuu subhaanallah wabihamdihi.

32:16

Cinaachi isaanii ciisicha isaanii irraa fagaata. Sodaa fi kajeellaan Gooftaa isaanii ni kadhatu, wanta isaaniif kennine irraas ni baasu.” Suuratu As-Sajdah 32:16

Cinaachi ykn dirri warra amananii fi Qur’aana hordofanii, bakka rafan irraa hirriba mi’aawa keessaa gara wanta caalatti mi’aawa ta’etti ka’u. Wanti isaan biratti garmalee jaallatamaa fi mi’aawa ta’e salaata halkanii (salaatu leyli) fi Rabbii olta’aa waliin maqoo dhaabbachuudha. Kanaafi, ni jedhe, “Gooftaa isaanii ni kadhatu” kana jechuun faayda addunyaa fi Aakhirah akka isaaniif fidu fi wanta miidhaa qabu akka isaan irraa deebisu ni kadhatu. “Sodaa fi kajeellaan” kana jechuun adabbii Isaa sodaachuun, rahmataa fi mindaa Isaa kajeelun Isa kadhatu. “waan isaaniif kennine irraas ni baasu” Baasi dirqamaa fi jaallatamaa ni baasu. Baasin dirqamaa kanneen akka zakaa, ijoollee fi niiti irratti baasu, firoota irratti baasi baasu fi kanneen birooti. Baasin jaallatamaan kanneen akka sadaqa kennu, hojii kheeyri garagaraa hojjachu fi kkf.[1]

Aayata lamaan armaan oli keessatti amala mu’mintootaa iimaana cimaa qaban jaha tarreesse:
1ffaa- Yommuu keeyyattoota Qur’aanatiin gorfamanii fi hiika isaanii itti xinxallan, Rabbii olta’aaf sujuuda bu’u. Hiikni kanaa: Aayata Qur’aanaatiif ni masakamu (ni ajajamu). Bakka sujuunni barbaachisaa ta’etti ni sujuudu.
2ffaa-Faaruu Isaa waliin Gooftaa isaanii ni qulqulleessu. Rabbiin qulqulleessu jechuun hanqinnaa fi wanta Isaaf hin mallee hundarraa Isa qulqulleessudha.
3ffaa- Gooftaa isaanii gabbaruu irraa of hin tuulan. Isaaf gadi ni jedhu, ajaja Isaatiif ni bulu. Faallaa kanaa, kaafironni Isaaf gadi jechuu fi ajajamu irraa of tuulu.

4ffaa-Dukkana halkanii keessatti salaatan, du’aayiin, zikrii fi Qur’aan qara’uun Gooftaa isaanii gabbaruuf cinaachi ykn dirri isaanii firaasha isaanii irraa fagaata.
5ffaa-Adabbii Isaa sodaachuu fi rahmata Isaa kajeeluun Gooftaa isaanii ni kadhatu. Isaan yommuu hanqinna ofii, guddinna Rabbiitii fi ciminna adabbii Isaa yommuu ilaalan, ni sodaatu. Yommuu bal’inna rahmata Rabbii fi dhiifama Isaa ilaalanii fi wanta hojjachuu qaban akka hojjatan ilaalan, rahmata Isaa kajeelu (abdatu). Kanaafu, isaan koola lamaan deemu. Koola sodaati fi koola kajeellaa.
6ffaa-Wanta Rabbiin isaaniif kenne irraa ni arjoomu. Kan akka maatii irratti baasi madaallamaa baasu, zakaa fi sadaqaa kennu.

Kanaafu, mindaan namoota akkanaa maal ta’inna laata? Mindaan isaanii:

32:17

 Wanta isaan hojjataa turaniif mindaa akka ta’uuf gammachuu ijaa irraa wanta isaaniif dhokfame lubbuun tokkoyyuu hin beektu.” Suuratu As-Sajdah 32:17

Kana jechuun guddinna qananii turaa fi mi’aa fakkaataa isaa eenyullee hin arginee kan Rabbiin isaaniif Jannata keessatti dhoksee eenyullee hin beeku. Akkuma isaan hojii isaanii dhoksan, Rabbiinis mindaa isaaniif dhokse. Hasan al-Basrin ni jedha: “namoonni hojii gaggaarii isaanii ni dhoksan. Kanaafu, Rabbiinis wanta ijji hin agarree fi qalbii namaa irra hin qaxxaamurre dhokseef.” Akkuma isaan halkan dukkanaa keessa salaatan, du’aayi godhanii fi hojii dhoksan, gosa hojii isaanitiin mindaa isaaniif kafale. Mindaa isaanii ni dhokseef. Akkuma isaan namoota irraa hojii gaggaarii dhoksan, Innis mindaa isaanii ni dhokseef. Kanaafi ni jedhe, “Wanta hojjataa turaniif mindaa akka ta’uuf”[2] Kana jechuun sababa isaan addunyaa keessatti hojii gaggaarii hojjataa turaniif mindaa guddaa ijji itti tasgabbooftu Rabbiin olta’aan Jannata keessatti isaaniif dhokse.  

Aayah tana ilaalchisee Rasuulli (sallallahu aleyh wassallam) akkana jedhan, “Rabbiin olta’aan ni jedha, “Gabroota Kiyya gaggaariif wanta ijji hin agarre, gurrii hin dhageenye fi qalbii namaa irra hin qaxxaamurree qopheessefi jira.” Sahiih Al-Bukhaari 4780



[1] Tafsiiru Sa’dii fuula 769
[2] Tafsiiru Ibn Kasiir 6/145, Tafsiiru Sa’dii fuula 769
Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu As-Sajdah, Ibn Useymiin- fuula 79

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu As-Sajdah-Kutaa 6
Tafsiira Suuratu As-Sajdah-Kutaa 4

Leave a Reply