Tafsiira Suuratu As-Sajdah-Kutaa 6

Mu’minaa fi Faasiqni wal-qixxaa’u?

32:18

“Sila namni mu’mina ta’e akka nama faasiqa ta’eeti? Wal hin qaxxaa’an.” Suuratu As-Sajdah 32:18

Mu’mina jechuun nama Rabbii fi wanta Isarraa dhufe hundatti amanee fi Isaaf ajajamuudha. Faasiqa jechuun immoo nama fincilaa ajaja Rabbii faallessuu fi haqa keessaa bahuudha. Faasiqni asitti barbaadame kaafira.

Kanaafu, namni Rabbii fi Ergamaa Isaatiif ajajamuu fi waadaa Isaa dhugoomsu nama Rabbii fi Ergamaa Isaatti kafaree fi Guyyaa Aakhirah kijibsiiseetin wal qixxaa’aa? Rabbiin biratti gonkumaa wal hin qixxaa’an. Kaafirri osoo addunyaa keessatti sadarkaa guddaa fi qabeenya baay’ee qabaateyyu mu’mina hiyyeessa ta’eetu isa caala. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jedha:

32:19

Warri amananii fi hojii gaggaarii hojjatan, wanta hojjataa turaniif jecha akka nuzulaatti Jannata itti galantu isaaniif jira.” Suuratu As-Sajdah 32:19

Nusula jechuun wanta keessummaaf qophaa’udha. Sababa isaan amananii fi hojii gaarii hojjataniif Jannani wanta Rabbiin keessummoota Isaa Guyyaa Qiyaamaa kabajuuf qopheesseedha.[1]Jannata itti galantu” kana jechuun Jannata itti galanii fi keessa qubatantu isaaniif jira.

“Warri faasiqa ta’an immoo itti galli isaanii ibidda. Dhawaatuma isaan ishii (ibidda) keessaa bahuu fedhaniin ishii keessatti gadi deebifamu. “Adabbi ibiddaa kan isin kijibsiisaa turtan dhandhamaa.” isaaniin jedhama.” Suuratu As-Sajdah 32:20 

Kana jechuun namoonni ajaja Rabbii keessaa bahanii fi badii hojjatan, iddoon qubannaa isaanii Jahannami. Akkuma ibidda keessaa bahuu fedhaniin, gara ibiddaatti gadi deebifamu. Isaan waqqasuuf akkana isaaniin jedhama: Adabbii ibiddaa addunyaa keessatti kijibsiisaa turan dhandhamaa.”[2]

Mu’minaa fi kaafirri hojii fi mindaadhaan gonkumaa wal hin qixxaa’an. Hojiin mu’minaa gaarii fi hundee kan qabuudha. Hundeen kunis iimaana. Hojiin kaafiraa immoo badaadha. Osoo hojii gaarii kan hojjatu ta’eyyu hundee waan hin qabneef kan baduudha. Dhumarratti, mindaanis wal hin qixxaa’an. Mindaan mu’minaa Jannata qananiiti. Jazaan kaafiraa immoo adabbii ibiddaati. Kanaafu, mu’minaa fi kaafirri wal qixxaa’uu?

Maaliif adabbii fi rakkoon adda addaa namootatti bu’aa?
Dhugumatti, gaafi kana namoonni baay’een of gaafatu. Madda sirrii keessa yoo barbaadan deebii gahaa ni argatu. Sababni guddaan namootatti adabbii fi rakkoon bu’uuf badii isaanii irraa buqqa’uun gara Rabbii isaanii akka deebi’aniif. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

32:21

Dhugumatti, akka isaan deebi’aniif adabbii guddaa dura adabbii xiqqaa isaan dhandhamsiifna.” Suuratu As-Sajdah 32:21

Adabbiin xiqqaan rakkoolee, musiibaa, dhibee fi balaa adda addaa addunya tana keessatti nama muudataniidha. Adabbiin guddaan immoo adabbii Aakhiraati. Akka namoonni badii irraa buqqa’uun gara Rabbii deebi’anii amananii fi hojii gaggaarii hojjataniif, adabbii Aakhirah guddaa dura adabbii xiqqaa isaanitti buusa. Yoo isaan gara Isaatti deebi’an, tawbaa isaanii irraa qeebalun isaaniif araarama, adabbii guddaa irraa isaan baraara. Dhugumatti kuni rahmata guddaadha.

32:22

Nama aayaata Gooftaa isaatiin yaadachiifamee ergasii isaan irraa garagale caalaa namni zaalimni eenyuu? Dhugumatti, Nuti yakkamtoota irraa haloo bahatoodha.” Suuratu As-Sajdah 32:22

Kana jechuun nama ragaalee Rabbiitiini fi keeyyattoota Qur’aanaatiin gorfamee ergasii fudhachuu dide caalaa namni nafsee ofii miidhee hin jiru. Namni kuni ammaa amma aayaata Qur’aanaatin ni gorfama. Ergasii inni fedhii nafsee isaatii fi faayda addunyaa hordofuun aayaata kanniin irraa garagala. (Kana jechuun hin fudhatu, itti hin bulu. Kana irra, of tuula.) Kanaafu, irraa garagaluu isaatiif yakkamaa adabbii Rabbiitiif saaxilamu ta’e.[3]Dhugumatti, Nuti yakkamtoota irraa haloo bahatoodha” kana jechuun warra aayata Rabbii fi ragaalee Isaa irraa garagalan ni adabna.[4]

Qataadan akkana jedha: Zikrii Rabbii irraa garagaluu irraa of eeggadhaa. Namni zikrii (yaadannoo) Isaa irraa garagalee dhugumatti gowwummaa guddaa gowwoome jira, jallinna badaa jallatee jira, badii guddaa hojjate jira. Kanaafi, Rabbiin olta’aan nama kana hojjatetti zaatun akkana jedhe: “Dhugumatti, Nuti yakkamtoota irraa haloo bahatoodha”[5]

Asitti Nuti yommuu jedhu baay’inna agarsiisuuf osoo hin ta’in Guddinna agarsiisuufi. Kiristaanni tokko dhufuun kuni baay’inna agarsiisa yoo jedhe, akkana isaan jenna: ati warra jallinnaa kan Qur’aana irraa wanta hiikni isaa wal fakkaatu hordofuudha. Osoo jecha Rabbii olta’aa kanatti deebitee silaa wanti ati jettu sirraa deema. Jechi kunis:

2:163

“Gabbaramaan keessan Gabbaramaa tokkicha. Haqaan gabbaramaan Isa malee hin jiru. [Inni] Ar-Rahmaan Ar-Rahiim.” Suuratu Al-Baqarah 2:163[6]

Aayan tuni yaanni sillaase soba akka ta’e mirkaneessiti. Rabbiin tokkicha haqaan gabbaramu (waaqefatamuu) dha. Gooftaan Isa qofa. Isa waliin wanti biraa gabbaramaa (kan waaqefatamu) ta’uu hin danda’u.


Kitaabban wabii:
[1] Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-14/551
[2] Tafsiira Muyassar-416
[3] Ma’aarij Tafakkuri wa daqaa’iq tadabburi-14/553
[4] Tafsiir Muyassar-416
[5] Tafsiir Ibn Kasiir-6/149
[6] Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu As-Sajdah, Ibn Useymiin- fuula 105

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu As-Sajdah-Kutaa 7
Tafsiira Suuratu As-Sajdah-Kutaa 5

One comment

Leave a Reply