Tafsiira Suuratu As-Sajdah-Xumura

Ragaa Du’aan Booda Kaafamu Agarsiisu

32:27

“Gara lafa gogduutti bishaan oofnee biqilaa beelladoonni fi isaan irraa nyaatan akka ittiin baasnu hin ilaallee? Sila hin arganii?” Suuratu As-Sajdah 32:27

Kana jechuun sila namoonni du’aan booda kaafamu kijibsiisan akka Nuti bishaan gara lafa gogduu biqiltoota homaatu ofirraa hin qabne oofuun biqilaa gosa garagaraa beelladoonni isaaniitii fi isaan irraa nyaatan bishaan kanaan akka baasnu hin ilaallee?

Sila isaan qananii kana ija isaaniitiin ilaalanii Rabbiin namoota du’an jiraachisuu fi qabrii keessaa kaasuu irratti danda’aa akka ta’e hin beekanii?[1]

Gara lafa gogduutti bishaan oofnee…” yommuu jedhu qilleensa keessa bishaan oofnee jedhuudha moo dachii keessa oofnee jechuudha moo yookiin lamaanu ta’aa?

Deebiin: Lamaanu ta’a. Kan jalqabaa bishaan roobaa qilleensa keessa oofna. Kan lammataa immoo laggeen gara lafa gogduutti oofuun biqiltoota biqilchuudha. Laggeen kunniin takkaa laggeen gurguddaa beekkaman, takkaa immoo laggeen xixxiqoo kan akka burqaalee lafa keessaa burquun yaa’aniidha.[2]

Gara lafa gogduutti” kana jechuun lafa biqiltuu homaatu ofirraa hin qabneedha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa rooba gara lafa gogduu homaa ofirraa hin qabneetti ni oofa. Ergasii bishaan duumessa ykn laggeen irraa lafa gogduu tanatti dhangalaasa. Ergasii biqiltoota gosoota garagaraa baasa. Biqiltoota kana irraa beelladoonni isaanii kan akka gaalaa, horii, re’ee, hoolaa fi kkf ni nyaatu. Ammas, namoonnis ni nyaatu.[3]

Wanti asirraa barbaadame: lafa keessaa biqiltoota baasun du’aan booda kaafamuu irratti ragaa dhiyeessu fi sammuun haala salphaan akka hubatu taasisuufi. Lafa qullaa fi gogduu bishaan itti roobsun biqiltoota Kan magarse, namoota du’aniis akkasumatti jiraachisa. Kanaafi itti aanse ni jedha: “Sila hin arganii?” Kana jechuun sila ija isaanitiin kana ilaalanii dandeetti kana ittiin hojjadheen namoota du’an jiraachisuu fi qabrii keessaa kaasu akka danda’u hin arganii?[4] Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkuma dachii gogduu jiraachisu irratti danda’aa ta’e namoota du’an jiraachisuu irrattis danda’aadha.

Namoonni waadaa Rabbiitti hin amanne adabbii ariifachiisuu

“Dhugaa kan dubbattan yoo taatan murtiin kuni yoomi?” jedhu. Jedhi, “Guyyaa murtii warra kafaran amanuun isaanii homaa isaan hin fayyadu, yeroonis isaaniif hin kennamu.” Suuratu As-Sajdah 32:28-29

Mushrikoonni Muslimotaan akkana jedhan: wanta jettan keessatti dhugaa yoo taatan, nuti adabamuun isin immoo injifannoo nurratti argachuun murtiin nu fi isin jidduutti darbu kuni yoomi?  

Muslimoonni Rabbiin akka injafannoo Nabii Muhammad (SAW) fi sahaabota isaatiif kennu, namoota Nabiiyyitti hin amannee fi hin hordofne immoo akka adabu mushrikootatti dhaadachaa turan. Mushrikoonnis oduu isaanii kana itti qoosun (qishnaa godhachuun) “Dhugaa kan dubbattan yoo taatan, nu adabudhaan murtiin nuu fi isin jidduutti murtaa’u kuni yoomi?” jedhuun. Deebiin isaas akkana jechuun dhufe:

“Jedhi, “Guyyaa murtii warra kafaran amanuun isaanii homaa isaan hin fayyadu, yeroonis isaaniif hin kennamu.” Kana jechuun Guyyaa murtii fi adabbiin dhufuu namoota Rabbii fi aayaataa Isaatti kafaran Guyyaa san amanuun homaa hin fayyadu. Akka tawbataniifis hin tursiifaman.[5]

Yommuu adabbiin dhufu, “Amannee jirra” osoo jedhaniillee namoota haqa kijibsiisan homaa hin fayyadu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jedha:

Yeroo adabbii Keenya argan, ni jedhan, ‘Rabbitti amanne, waan Isatti qindeessaa turrettis kafarre.’ Erga adabbii Keenya arganii amanuun isaanii gonkumaa isaan hin fayyanne. [Suni] karaa Rabbii kan gabroota Isaa keessatti dabreedha. Kaafiroonni achitti hoonga’an.” Suuratu Ghaafir 40:84-85[6]

Namni duraan badii hojjataa ture ykn kaafira ta’e, yommuu adabbiin isatti bu’uu arguu, “Amma tawbadhee ykn amanee” jechuun adabbii isarraa hin deebisu. Sababni isaas, yeroon qormaataa dhumatee jira, yeroon jazaa dhufe. Addunyaan tuni iddoo qormaataa waan taateef, namni yeroon qormaata isaa du’aan dhumachuun dura tawbachuu fi amanuu qaba. Osoo hin tawbatinii fi hin amaniin yeroon qormaata isaa dhumatee yeroon jazaa yommuu dhufu, “Ani amma amane ykn tawbadhe” yoo jedhe, kuni homaa isa hin fayyadu. Kuni akka barataa yeroo qormaata isaa keessatti wanta isarraa eeggamu hojjachuu dhiiseti. Qormaata hojjachuu dhiisee yoo taphatee fi wanta badaa hojjate, yommuu yeroon qormaataa dhumatu “Qormaata nan hojjadha, deebii sirrii nan deebisa, kanaafu yeroo naaf kennaa” yoo jedhe, kuni isarraa ni fuudhamaa? Gonkumaa hin fuudhamu. Inni barataa qormaata kufu ta’a. Haaluma kanaan, namni kafaree Gooftaa isaatiif ajajamu dide, yommuu adabbiin dhufu “Amma amane ykn hojii sirrii hojjadhaa yaa Rabbii yeroo naaf kenni” jechuun homaa isa hin fayyadu. Kana jechuun adabbii isarraa hin deebisu.

32:30

Kanaafu, isaan irraa garagali. Eegi, isaanis ni eegu.” Suuratu As-Sajdah 32:30

Kana jechuun Yaa Rasuula! Mushrikoota kanniin irraa garagali, kijibsiisuu isaanitti dantaa hin kenniin. Wanta Rabbiin isaanitti hojjatu eegi. Mushrikoonni wanti badaan akka si fi sahaabota keetitti bu’u ni eegu.[7]

Asitti isaan irraa garagali jechuun gara Islaamatti isaan waamu dhiisi jechuu miti. Kana irra, danta isaanitti hin kenniin, nafseen tee isaanitti tan rarraatu hin taasisin.[8]

Alhamdulillah Rabbil aalamiin. Tafsiirri Suuratu As-Sajdah asirratti xumurame.


Kitaabban Wabii:
[1] Tafsiir Muyassar-417
[2] Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu As-Sajdah, Ibn Useymiin- fuula 124
[3] Tafsiir Sa’dii-771
[4] Tafsiir Xabarii-18/643
[5] Tafsiir Xabarii-18/645
[6] Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu As-Sajdah, Ibn Useymiin- fuula 128
[7] Tafsiir Muyassar-417
[8] Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu As-Sajdah, Ibn Useymiin- fuula 130

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu As-Sajdah-Kutaa 7

Leave a Reply