Sababootaa fi furmaata waliin oduu warra fooyya’iinsa booda duubatti deebi’anii-Dursa

Seenan haa lakkaa’u namoota erga fooyya’anii fi kaabbaa iimaanaa diratanii booda ofirraa mulquun iddoo badaa duraanitti ykn san caalutti deebi’an meeqa ta’uu? Namoota akkanaatiin muntakisiina jennaan. Dhugumatti, erga qajeelanii booda jallachuun, erga kabajamanii booda salphachuun, erga milkaa’uf hammi xiqqoon nama hafu kufaatiitti kufuun hangam nama rifachiisaa, hangam nama gaddisiisaa! Salafoonni dhuma (khaatimaa) badaa sodaachuun khaatima gaarii irratti du’uuf wanta danda’an hunda godhu. Dhugumatti, xumurri hundu sababa qaba. Kanaafu, sababoonni fooyya’iinsa booda duubatti akka deebi’anii fi khaatima badaa irratti akka du’an nama taasisan baay’eetu jiru. Kitaaba “Min Akhbaaril muntakisiina” jedhu keessatti furmaataa fi seenaa waliin sababoota kanniin ni dhiyeessa. Sammubani.com’s hanga danda’uun gara Afaan Oromootti deebisuun isiniif dhiyeessa. La hawla walaa quwwata illah billah.

اللهم اجعل عملي كله صالحا واجعله لوجهك خالصا ولا تجعل لأحد فيه شيئا

Seensa
Faaruun hundi kan Rabbii Gooftaa Aalamaa ta’eeti. Nageenyi fi rahmanni nabiyyoota fi Ergamtoota hundarra kabajamaa kan ta’e Nabiyyii keenya Muhammad irratti haa jiraatu. Maatii fi sahaabota isaa hundarrattis haa jiraatu.

Itti fufuun: fooyya’insa booda duubatti deebi’uun karaa sadiin hubatamuu danda’a:
1-Amantii Rabbii (Islaamaa) irraa duubatti deebi’uu
2-Qajeelfamoota Rabbii qabachuu dhiisuu
3-Da’awaa gochuu erga jalqabanii booda gochuu dhiisu

Fooyya’iinsa booda duubatti deebi’uun yeroma biiftuun Islaamaa mul’achuu eegalu ifa bahe. Garuu yeroo ammaa kana keessa garmalee cimuun isaa daran ifa kan ta’eedha.

Fooyya’iinsa booda duubatti deebi’uun Islaamaan kan walitti hidhamee miti. Kana irra, Ibliisni uumama jalqabaa seenaa keessatti fooyya’insa booda duubatti deebi’eedha. Akkuma kana, seenaan ilmaan Israa’il oduu kana fakkaataniin kan guuttameedha. Duubatti deebi’uu kanaaf sababoota baay’eetu jira. Kitaaba kana keessatti fedhii Rabbiitiin nan dhiyeessa.

Kanaaf, wanti Muslimni hundi beeku qabu: qalbiin ilma namaa harka isaa keessaa miti, kana irra harka Khaaliqa isaati. Hanga duuti isatti dhuftutti amantii kana qabachuuf wanta danda’e hunda gochuu qaba. Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe:  

15:99

Hanga dhugaan (duuti) sitti dhuftu Gooftaa kee gabbari.” Suurat al-Hijr 15:99

Dhugumatti yommuu mata duree kana kaa’u dubbisaan kabajamaan kana akka beeku nan jaalladha:
1-Ani sababoota nan dhiyeessa. Sababoota kana irraa baay’een isaanii ilaalcha dhuunfaa dogongoraa fi sirriif saaxilamu danda’aniidha.
2-Mata duree kanaaf furmaannis akkuma kan armaan olii karaa dhuunfaatin kan ta’eedha.
3-Ani mata duree kana gara hundaan haguuge jechuun hin odeessu.
4-Ani nama fooyya’iinsa booda duubatti deebi’etti hin qoosu. Kanarraa Rabbiin eeggama. Garuu barnootaa fi gorsa irraa fudhachuufi: “Dhugumatti, seenaa isaanii keessa warra sammuu qabaniif barnootatu jira.” (Suuratu Yuusuf 12:111)
5-Namni sarara kana barreessu akkuma namoota biroo mucucaachu akkanaatti kufuu irraa of hin amanu. Kana irra, ofii fi obboleeyyan kiyyaaf gadi dhaabbannaa kadha.
6- Wanta isarratti dhiibbaa uumee ykn dogongora arge ilaalchise dubbisaa kabajamaa irraa gorsaa fi qajeelcha akka naaf kennu nan abdadha.

Jechii Rabbii olta’aa kuni akka yeroo hundaa dhaadannoo keenya ta’uuf xumura dursaa kanaa irratti obboleeyyan kiyya hundaaf ni jedha: “Gooftaa keenya! Erga nu qajeelchite booda qalbii teenya hin jallisin.” Suuratu Aali-Imraan 3:8

Yaa obboleeyyan kiyya namni eeggamaan nama Rabbiin eegedha:
Seenaa dubbisii, isa keessa barnootatu jiraa.
Namoonni seenaa hin beekne jallatanii jiruu

Seenaan namoota duubatti deebi’an kanniinin kan guuttameedha. Haa beeknu, osoo ganda godoonsaa (hijraa) keessa jiruu nama duubatti deebi’etu jira. Nama qalbii qabuuf inni fakkeenya ta’uun gahaadha. Rabbiitu nama milkeessa.

Saalih ibn Muqbil Al-Useymiyitu barreesse
Riyaad- akka lakkoofsa hijraatti bara 1415

Min Akhbaaril Muntakisiina ma’al asbaabi wal ilaaji

Print Friendly, PDF & Email
Sababootaa fi Furmaata waliin Oduu warra Fooyya'iinsa booda duubatti deebi'anii-Seensa
Hiika Iimaanaa fi Arkaana Isaa

Leave a Reply