Sababootaa fi Furmaata waliin oduu warra duubatti deebi’anii-Kutaa-3

Kutaa darbe keessatti sababoota fooyya’iinsa booda duubatti akka deebi’an nama taasisan keessaa sababa tokko ilaalle turre. Innis, “Du’aayitti xiyyeefannoo kennuu dhiisudha.” Akka yaadannootti namni du’aayi gochuun Rabbii olta’aa irraa gargaarsa argata. Karaa Islaamaa irra deemuuf gargaarsa cimaa barbaachisa. Kanaafu, gargaarsa kana argachuuf du’aayin wanta hafuu hin qabneedha. Namni yeroma du’aayi gochuu dhiisu, gargaarsa dhaba. Sababa kanaan, Islaama qabachuu irraa ni laafa. Har’as itti fufuun sababoota fooyya’iinsa booda duubatti akka deebi’an nama taasisan keessaa sababa 2ffaa ni ilaalla:

2-Rabbiin irraa qajeelcha kadhachuu dhiisu
Sababni kuni sababoota Islaama irraa duubatti deebi’uu fi irraa fagaachuutti nama geessan keessaa tokko ta’uu danda’a. Warra Islaamaa keessaa namoonni baay’een karaa qajeelaa irraa fagaatan Gooftaa isaanii qajeelinna kadhachuu irraa of tuulu. Inumaa, gariin isaanii haalli isaanii ammaa gaarii akka ta’etti dhaadhessu.

Hanga qalbii isaanii irratti tuqaan gurraattin mul’atutti namoonni jallattoota ta’an gariin ma’asiyaa isaanii itti fufu. Ergasii sanirraa qulqullaa’un garmalee itti ulfaata. Akkuma hadiisa Huzeyfaan gabaase keessatti dhufe:  

“‏ تُعْرَضُ الْفِتَنُ عَلَى الْقُلُوبِ كَالْحَصِيرِ عُودًا عُودًا فَأَىُّ قَلْبٍ أُشْرِبَهَا نُكِتَ فِيهِ نُكْتَةٌ سَوْدَاءُ وَأَىُّ قَلْبٍ أَنْكَرَهَا نُكِتَ فِيهِ نُكْتَةٌ بَيْضَاءُ حَتَّى تَصِيرَ عَلَى قَلْبَيْنِ عَلَى أَبْيَضَ مِثْلِ الصَّفَا فَلاَ تَضُرُّهُ فِتْنَةٌ مَا دَامَتِ السَّمَوَاتُ وَالأَرْضُ وَالآخَرُ أَسْوَدُ مُرْبَادًّا كَالْكُوزِ مُجَخِّيًا لاَ يَعْرِفُ مَعْرُوفًا وَلاَ يُنْكِرُ مُنْكَرًا إِلاَّ مَا أُشْرِبَ مِنْ هَوَاهُ ‏”‏ ‏.

“Akkuma saleeniin mukaa harcummee harcummeen hojjatamu fitnaanis qalbii irratti takka takkaan ni dhiyeefama. Qalbiin tamiyyu fitnaa kanatti cuubamte, tuqaan gurraattin ishii (qalbii) irra kaa’amti. Qalbiin tamiyyuu fitnaa kana fudhachuu didde immoo tuqaan adiin ishii irra kaa’amti. Kanarraa qalbii gosa lamaatu argama: tokkoffaan qalbii adii akka dhagaa adii lummuxxiiti. Hanga samii fi dachiin turaniitti fitnaan qalbii tana hin miidhu. Tan lammataa immoo qalbii gurraatti fi bifa awwaaraa qabdu akka meeshaa dhugaati gadi gonbifamteeti. Qalbiin tuni fedhii ofii hordofuu malee wanta gaarii hin beektu, wanta badaas hin mormitu.” Sahiih Muslim 144

Badiin nama dhimmoota akkanaa hin hubanne irratti ta’a. Badiin nama ma’asiyaa hojjachuu itti fufe irratti ta’a. Kufaatii fi gaabbiin isarratti ta’a yoo dafee irraa hin qulqullaa’in. Muslimni Gooftaa isaa qajeelcha kadhachuu irraa of gahaa akka ta’etti amanuu hin qabu. Yookiin haalli kiyya tasgabbaa’a gonkumaa hin jijjiramneedha jedhee yaadu hin qabu. Iimaanni qalbii keessatti uumama. Niyyaa fi tawbaa haaromsu barbaachisa. Kanaafu, Muslimni qajeelcha irraa hin quufu. Nabiyyiin tiikfamaa ta’e (SAW) Gooftaa isaa qajeelcha kadhataa ture. Namni badiin isatti maxxanuun jireenya isaatirraa adda bahuu hin dandeenye hoo akkam ta’inna laataa? Nama sheyxaanni qalbii gogduu irra akka fedheetti naanna’uu fi daaku maal ta’inna ree laataa?

Nama haala akkanaa irra jiru Gooftaa isaa fuunduratti boo’u fi qajeelcha kadhachuun wanta garmalee isaaf maluudha.

Nuuf Ergamaa Rabbii keessa fakkeenya gaariitu jira. Ina kunoo, ilma intala isaa (Hasan ibn Ali) akkana jechuun isa qajeelcha:

“‏ اللَّهُمَّ اهْدِنِي فِيمَنْ هَدَيْتَ وَعَافِنِي فِيمَنْ عَافَيْتَ وَتَوَلَّنِي فِيمَنْ تَوَلَّيْتَ وَبَارِكْ لِي فِيمَا أَعْطَيْتَ وَقِنِي شَرَّ مَا قَضَيْتَ إِنَّكَ تَقْضِي وَلاَ يُقْضَى عَلَيْكَ وَإِنَّهُ لاَ يَذِلُّ مَنْ وَالَيْتَ تَبَارَكْتَ رَبَّنَا وَتَعَالَيْتَ ‏”‏ ‏.

Allaahumma-hdinii fiiman hadeyta wa’aafinii fiiman aafeyta. Watawallanii fiiman tawalleyta. Wa baariklii fiimaa a’axeyta, wa qinii sharra maa qadeyta, innaka taqdii walaa yuqdaa aleyka. Wa innahu laa yazillu man waaleyta, tabaarakta Rabbanaa wata’aaleyta.”

“Yaa Rabbii! Namoota qajeelchite waliin na qajeelchi, namoota irra darbiteef waliin irra naaf darbii. Namoota tiiksaa taateef waliin anaafis tiiksaa ta’i. wanta naaf kennite keessatti barakaa naaf godhi. Sharrii wanta murteessitee irraa na tiiksi. Dhugumatti, Ati ni murteessita, Sirratti hin murteefamu. Namni Ati tiiksitee fi jaalallo taateef hin salphatu. Gooftaa keenya tolli Kee baay’ate, Ol’aanaas taate.” Sunan Nisaa’i- 1745

Sababoota fooyya’iinsa booda duubatti akka deebi’an nama taasisan keessaa:

1.Du’aayitti xiyyeefannoo kennuu dhiisu
2-Rabbii olta’aa irraa qajeelcha kadhachuu dhiisuu
3-sababa kana kutaa itti aanu keessatti ni ilaalla. In sha Allah
Print Friendly, PDF & Email
Sababootaa fi Furmaata Waliin Oduu Warra duubatti deebi'anii-Kutaa 4
SABABOOTAA FI FURMAATA WALIIN ODUU WARRA FOOYYA’IINSA BOODA DUUBATTI DEEBI’ANII-KUTAA-2

Leave a Reply