Sababootaa fi Furmaata walıın oduu warra duubatti deebi’anii-Kutaa 6

Kutaa darbe irraa itti fufuun sababoota erga fooyya’anii booda duubatti nama deebisan ni ilaalla.

5- Wanta darbeef dharra’uu fi haftee isaa irratti murteessu dhiisu
Sharxiiwwan tawbaa keessaa tokko wanta nama jala darbeef gaabbuu fi gara saniitti akka hin deebinee ijjannoo cimaa qabaachudha. Garuu kunoo nama osoo haftee wanta darbee irratti hin murteessin gara Rabbii deebi’utu jira. Inumaa nama yeroo darbe isaa kan badii fi ma’asiyaan guuttame yaadannoo gaarii godhatutu jira. Inumaa gariin isaanii badii duraaniitti deebi’uuf hawwu. Badii isaa itti dabaluuf fedhii guddaa qaba. Akka isaatti yeroon isa darbe isa biratti garmalee mi’aawaa ta’eera. Hiikni kanaa akka sammuutti dhiyaatuuf seenaa Ahmad Al-Qaxaani kaassetti isaa keessatti dubbate kaasa:

Artistiin tokko tawbatee gara Rabbii isaa deebi’e. namoota gaggaarii waliin taa’ee hamma yeroo ta’ee isaan waliin ture. Sheykhni ni jedha: Haftee wanta darbee irratti akka murteessu isa ajajaa turre. Isaan keessaa wanti ijoon maasinqoo cabsuudha. Inni kana akka hojjatu waadaa ni seena. Garuu hojii kanarraa (maasinqoo ittiin sirbaa ture) cabsuu irraa ni ceem’a. Hiriyyoonni isaa akka maasinqoo cabsan itti deddeebi’anii isa kadhatu. Haa ta’uu malee, inni gara fuunduraatti dabarsa. Yeroo muraasaaf haala isaa kanarratti itti fufe. Ergasii gaafa tokko kutaa ciisicha isaa ni seene. San booda maasinqoo dhaaba manaa irratti rarraatetti ija rakkisee ilaale. Maasinqoo awwaarri gara hundaan marsee jira. Ammas inni itti deddeebi’e gara meeshaa kanaa ilaale. San booda wanti inni duraan dabarsee (sirbii) isa keessatti kaka’e. Ergasii osoo of hin beekin gara maasinqoo kanaa kan deemu ta’ee of argee. Harka isaatiin fuudhee daaraa irraa haxaawe. Akka waan halaala ta’ee weeddu amantii weeddisuu jalqabee. Hanga geengoo Islaama qabachuu keessaa bahee geengoo warra badii hojjatanii keessa seenutti fedhii kana duuka bu’uu itti fufe.

Wanta mata-duree kana jala seenu qabu keessaa tokko hiriyyoota darban dharra’uudha. Kuni wanta balaafamaa dargaggoota muudatuudha. Namoonni gaggaariin gariin akkana jechuun dubbatan: dargaggeessi tokko garmalee kan sirbuu (weeddisu) ture. Ergasii gara Rabbii deebi’ee hiriyyoota isaa duraa irraa ni fagaate. Ramadaana keessa guyyaa dhumaa kurnaan irraa guyyaa tokko masjiida waliin deemuu fi faayda halkan kanaa akka hin dhabneef gara hiriyyoota isaa duraaniitti qajeele. Ergasii yommuu isaan bira dhaquu, jallinna isaanii keessa kan dhama’an ta’anii isaan argate. Innis Rabbiin isaan yaadachise, salaatatti isaan ajaje. Garuu isaan wanta inni duraan hojjate dabarse isatti kaasanii baacan (qoosan). Ergasii hanga isaanitti harkifamu gahuutti miira isaa ni kakaasan. Wanta darbe akka isaan yaadachisuuf maasinqoo itti kennan. Innis sirbuu ni jalqabe. Hoo’a aduutiin malee machii isaa keessaa hin dammaqne.

Wanti darbe kuni halkan sadarkaa guddaa qabu kana akkamitti akka wareegu fi warra dharaa (sharrii) waliin akka taa’u taasise mee ilaali. Seenaan kuni fi kan biroo balaa nama wanta darbe irraa of hin qulqulleessinee akeekachiisa. Hiriyyoota darbanitti deebi’uuf dharra’uun Islaama qabachuu balaa irra kan buusudha. Sheyxaanni karaalee baay’ee qaba. Isaan keessaa: isaan irratti dhiibbaa fiduu akka danda’uu isatti hasaasu. Ergasii namni kunis gorsaaf jedhee gara hiriyyoota duraaniitti deema.  Garuu muxannoon akka mirkaneesseetti, namni osoo beekumsaan of hin cimsin hiriyyoota darban gorsuuf yaale ni kufa, yoo Rabbiin fedhe malee. Sababni isaas, isaan sirraa gorsa fudhachuuf qophii miti. Isaan gorsuu garmalee yoo barbaadde, kophaa kee hin deemin. Yommuu isaan gorsitu yeroo yeroon isaanitti deddeebi’uu osoo hin ta’in yeroo gorsa tokkoffaa fi gorsa itti aanu addaan fageessi. Sababni isaas, yoo isaaniitti deddeebi’uu itti fufte isaan keessaa namoonni dhara ykn khabiisa ta’an wanta darbe si yaadachiisu. Tarii gara isaaniitti akka deebituuf karaa ittiin si amansiisan argachuu danda’u.

Karaalee wanta darban irraa ittiin of qulqulleessan keessaa:
1-Rabbiin sodaachu
2-Namni wanta tokko Rabbiif jedhee dhiise Rabbiin wanta san caalu bakka isaaf akka buusu yaadachuu. Kuni wanta sabrii gaafatu irraayyi.

Hafteen wanta badaa Muslimni irraa of qulqulleessu akka fakkeenyaatti: vidiyoo ta’ii sirbas ta’ii waraabbii badaa hunda. Suuraa dhiiraa fi dubartii fi kkf. Ammas, wanta duraaniin wal qabatu hundaarraa of qulqulleessu qaba. Hiriyyoota isaa darban irraa addaan bahuu, isaan waliin taa’uu fi isaaniin wal qunnamu irraa of qusachuu qaba.

Dargaggeessa hiriyyoota isaa waliin iddoo itti bashannan kireesse tokko nan beeka. Bakki kuni iddoo badii irratti raawwatanii fi yeroo isaanii kubbaa miilaa taphachuun, sigaaraa aarsun, filmii ilaaluun, wal dorgommii taphaatiin, hamaan dabarsaniidha. Yommuu inni badii irra akka jiran isaanitti beeksisuu, isatti dallanu. Akkana jedhu: Wanta hundaa nurratti haraama gootu.”

Inumaa dhaadhessuun akkana jedhan: nuti kheeyri irra jirra. Kanaafis “salaataa fi soomaa jirra” jechuun ragaa dhiyeessu. Dargaggeessi kuni yommuu sababa isaaniitiin qomni isaa dhiphatu, isaan irraa fagaate. Amanti isaatiin baqachuuf, nafsee isaatiin nagaha bahuuf isaan gatee biraa deeme. Gariin isaanii akka deebi’uuf amansiisuuf yaalan. Garuu inni ni dide. Kuni nama wanta darbe balleessuu fi haftee isaa xumuraan gahuu barbaadeef fakkeenya gaarii ta’a.

3-fedhii lubbuu kee wanta kakaasu hundarraa fagaadhu. (Fakkeenyaaf, filmii ilaalu kan baay’istu yoo taate, filmii irraa fagaadhu, iddoo Tv hin gahin.)

Wanta darbe irraa qulqullaa’u dhiisuun Islaama qabachuu keessatti dargaggoota baay’eef gufuu ta’ee jira. Akkana jechuu hin dagadhu: kunoo asitti nama hadiisa “Nuti jaahiliyyah wal yaadachiisaa turre. Rasuulli (SAW) nu dhageefata ture. Tarii seeqachus danda’a” jedhuu ragaa godhachuun nama wanta darbee yaadatu fi dubbatutu jira.

Ani akkana jedha: sahaabonni dhimmoota jaahiliyyah yaadachuun isaanii jallinna irra turanii fi qajeelinna amma irra jiran wal bira qabuufi. Yeroon jaahilummaa isaan wal yaadachisan yeroo gurraacha dukkanaa isaan keessaa namni tokko wanta darbe kanatti deebi’u mannaa ibiddatti darbamu hawwuudha.

Isaan yommuu wanta darbe yaadatan iimaanni isaanii ni dabala. Ati yoo akka isaanii taate, hojjadhu. Ta’uu baannan, kanarraa of eegi.

Hiriyyoota babbadoo yommuu gorsitu takkaa beekumsaan of cimsi takkaa immoo nama beekumsa qabu waliin isaan gorsi. Ta’uu baannan, hojii badaa ofii hojjataniitti si harkisu.

Sababoota fooyya’iinsa booda duubatti akka deebi’an nama taasisan keessaa:

1.Du’aayitti xiyyeefannoo kennuu dhiisu
2-Rabbii olta’aa irraa qajeelcha kadhachuu dhiisuu
3-Gara Kophaa ta’uutti dabuu
4-Fedhii Lubbuu hordofuu
5-Wanta darbeef dharra’uu fi haftee isaa irratti murteessu (balleessu) dhiisu
Itti fufa…….
Print Friendly, PDF & Email
Sababootaa fi Furmaata Waliin Oduu warra fooyya'iinsa booda duubatti deebi'anii-kutaa-7
Diishii

Leave a Reply