Sababootaa fi Furmaata Waliin Oduu warra fooyya’iinsa booda duubatti deebi’anii-kutaa-7

Sababoota erga fooyya’anii booda duubatti nama deebisan beekuun irraa fagaachuun wanta milkaa’innaa fi khaatimaa gaariitti nama geessudha. Sababni guddaan khaatimaa badaatti nama geessu wanta khaatima nama jalaa balleessuu beekuu dhiisuu fi irraa fagaachu diduudha. Tarii namni jireenya isaa guutuu ibaadaa hojjachuu danda’a. Garuu dhukkubni qalbii inni qabuu tokko ibaadaa kana jalaa balleessuu fi khaatimaa badaatti isa geessu danda’a. Kanaafu, sababoota erga fooyya’anii booda haala badaatti nama deebisan beeknee irraa fagaachuuf qophiidhaa?

6-Islaama qabachuu keessatti ikhlaasaa fi sidq dhabuu
(Jalqaba ikhlaasa jechuun Rabbiif qofa jedhanii wanta gaarii hojjachuu ykn wanta badaa dhiisudha. Sidq jechuun immoo wanta dubbatanii fi hojjatan keessatti dhugaa ta’uudha. Islaama hanga duuti namatti dhuftutti qabachuu fi hordofuuf ikhlaasa fi sidq barbaachisaadha.)

Garuu namoota kaayyoo addaa galmaan gahuuf Islaama hordofantu jiru. Kan akka qabeenya argachuuf ykn namoota biratti beekkamaa ta’uu. Yommuu wanta barbaade kana hin arganne, karaa kana (Islaama qabachuu) ni dhiisa. Namoonnis erga fooyya’ee booda duubatti waan deebi’e isaanitti fakkaata. Garuu inni hundema Islaama hin qabanne. Dirqamni nama karaa Islaama qabachuu keessa deemu irra jiru, of xiqqeesse ilaalu qaba, Islaama qabachuu isaatiif akka waan namootatti tola ooletti yaaduu hin qabu. Kanaafi hadiisa keessatti akkana jechuun dhufe: Namni baadiyaa tokko gara Nabiyyi (SAW) dhufuun akkana jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii! Namtichi tokko boojiif lola (qabsaa’a), namtichi biraa immoo akka yaadatamuuf lola, namtichi biraa immoo bakki isaa akka mul’atuuf lola. Kanniin keessaa eenyutu karaa Rabbii keessatti lolaa (qabsaa’aa) jiraa? Nabiyyinis (SAW) ni jedhan: “Namni kalimaan (jechi) Rabbii ol’aantu akka taatuuf lolee, inni karaa Rabbii keessatti lolaa jira.” (Al-Bukhaari fi Muslimtu gabaase)

Sahaabonni Rasuulaa (SAW) gama kanaan ni sodaatu turan. Ibn Mas’uud barattoota isaa yommuu isa hordofan argu ni ari’ee. Ni jedhe: “Kuni hordofamaaf fitnaadha, hordofaaf immoo xiqqeenya.” (Kana jechuun namoonni baay’een nama tokko hordofuun isa duuba deemuun nama hordofamuuf fitnaadha (namni kuni of jajuu danda’a). Namoota isa duuka deemaniif immoo xiqqeenya.)

Namni dirree da’awaa keessa seene baay’inna hordoftootaa ykn barattootaatti xiyyeefannoo kennu hin qabu. Yookiin namoonni baay’een waan isa hordofaniif gowwoomu hin qabu. Yookiin baay’inna hordoftootaa kaayyoo isaa godhachuu hin qabu. Dhugumatti hordoftoota baay’ee argachuu kaayyoo yoo godhate, dhumti isaa kufaatidha. Namoota meeqa sababa hin faarfamiiniif da’awaa dhiisaniif Muslimni gaddaa.

Dirqamni nama Islaamaa qabate irra jiru hojii isaa Rabbiif qulqulleessu qaba. Jaalala Rabbii kaayyoo fi gahuumsa isaa godhachuu qaba. Namoota biratti beekkamaa ta’uuf ykn namoonni qubaan akka sitti akeekaniif Islaama hin hordofin. Kana irra, jechi Rabbii akka ol’aantu taatuuf Islaama qabadhu. (Gabaabumatti yommuu Islaama qabattu fi hordoftu namoota irraa mindaa hin barbaadin. Mindaan kuni maallaqa qofa osoo hin ta’in beekkamtii, faaruu, dubartii fi kkf hammata. Yommuu Islaamaaf hojjattu dhaadannoon kee kana haa ta’u:

26:109

“Isa (Ergaa Islaamaa) irratti mindaa homaatu isin hin gaafadhu. Mindaan kiyya Gooftaa aalamaa qofa irraayyi.” Suuratu Ash-Shu’ara 26:109, 127, 145, 164, 180

Islaama hordofuu fi qabachu keessatti ikhlaasa fi sidq yoo hin qabaatin, duubatti deebi’uuf sababa guddaa akka ta’uu hubachuuf seenaa kana haa dubbisnu: https://sammubani.wordpress.com/2020/12/22/hojiin-xumuraan-madaallama/ )

Namni ikhlaasa fi dhugaan Islaama qabachuu dhiisee qabeenyaaf ykn beekkamtiif ykn faayda addunyaa biraatiif yoo qabate, wanta barbaade kana yoo dhabe, Islaama hordofu ni dhiisa. Namni ikhlaasa fi sidq qabu immoo yeroo hundaa Islaama hordofu itti fufa.

7-Nifaaqa
Sababni kuni sababa armaan olii kan itti guutudha. Garuu barbaachisummaa isaatiif addatti baase. Nifaaqni dhibee guddaa hawaasni Rasuulaatu (SAW) nagaha jalaa hin baanedha. Miidhaa warra nifaaqan dhukkubsatanii jalaa Rasuulli (SAW) nagaha hin taane. Kanarratti seenaan Aa’ishaa maqaa xureessu ragaa ta’a.

Munaafiqni kaayyoo fi fedhii isaa dhuunfaa galmaan gahuuf Islaama keessa seenee Islaama qabachuu odeessu, areeda dheeressu fi surree gabaabsu danda’a. Inumaa, masjiida ijaaruu danda’a. Namoota salaachisuu fi kuxbaa isaanitti gochuu danda’a. Masjinni Diraar jedhamu kanarratti ragaa ta’a.

Namoota akkanaa keessaa namni tokko haala isaa duraatti deebi’uu danda’a. Namoonnis fooyya’iinsa booda duubatti akka deebi’e godhanii yaadu.

Namoonni kunniin (munaafiqonni) namoota dadhaboo ni gowwoomsu, warra ciminnaan hojjataniis duubatti harkisu. Isaan ilaalchisee Rabbiin olta’aan akkana jedhee jira:

9:47

“Osoo isin waliin bahaniyyuu dhama’iinsa malee homayyuu isiniif hin dabalan. Fitnaa (jeequmsa, wal dhabbii) isiniif barbaadun isin jidduu ni fiigu turan. Isin keessa isaan kan dhageefatantu jiru. Rabbiin zaalimota ni beeka.” Suuratu At-Tawbah 9:47

Kanaafi Sayyid Quxbin (rahimahullahu) akkana jedha: qalbiin dhamaatun hiriiraa fi nafsee namaa keessatti dadhabbinnaa fi laamshinnaa facaasti. Raayyaa waraanaa irratti gantuu badduudha. Osoo munaafiqonni kunniin Muslimoota waliin gara waraanaa bahanii Muslimootaaf jeequmsaa malee homaayyu hin dabalan. Isaan keessa fitnaa, addaan facaasu fi duubatti harkisuun isaan jidduu fiigu turan. Yeroo kanatti Muslimoota keessa namoota munaafiqota dhageefatantu jira. Garuu Rabbiin da’awaa Isaa eegu fi dhiirota mukhliisana ta’an tiiksu Mu’mintootaaf ni gahe. Munaafiqoota immoo duubatti kan hafanii fi mana taa’an taasise.

Ijaarsa wal qabataa keessatti kunniin tuqaa dadhabbinnaa tokko uumuu. Dhibee badaa qaama keessatti dhokataa ta’een wal fakkaatu…”

Kanaafu, nifaaqni dhimmi isaa tamsa’uu, adeemsa ummataa irratti dhiibbaa fiduu fi hiriira isaanii faffacaasu danda’a. Garuu yeroon turtii isaa hin dheeratu. Wanti Musliima irra jiruu argaa gubbaatinii fi dubbii dammaatin gowwoomu hin qabu.

63:4

Yommuu isaan (munaafiqota) argitu qaamoleen isaanii si dinqiisisuu. Yoo dubbatan dubbii isaanii ni dhageefatta. Isaan akka qoraan [dhaaba manaatti] hirkifameeti. Iyyansi hundi isaan irratti ta’uu yaadu. Isaan diinota, kanaafu isaan irraa of eegi. Rabbiin isaan haa abaaru akkamitti garagalfamuu?” Suuratu Al-Munaafiquun 63:4

Munaafiqni na argaaf ykn faayda addunyaa argachuuf ykn miidhaa ofirraa deebisuuf Islaama qabata. Yommuu wanta yaade kana dhabu Islaama irraa garagala. Dhugumatti kuni kasaara guddaadha.

Kanaafu, ikhlaasni fi sidq (dhugaa ta’uun) doonii nagaha nama baastudha.

Madda:
Min Akhbaaril Muntakisiina ma’al asbaabi wal ilaaji
-fuula 45-48

Print Friendly, PDF & Email
Sababootaa fi Furmaata Waliin Oduu Warra Duubatti deebi'anii-Kutaa 8
Sababootaa fi Furmaata walıın oduu warra duubatti deebi'anii-Kutaa 6

Leave a Reply