Sababoota fi Furmaata Waliin Oduu Warra Duubatti deebi’anii-Kutaa 9.1

10-Karaa Rabbii keessatti azaa (rakkoo) baadhachuu dhiisu
Sababoota karaa fooyya’iinsa keessatti erga bobba’anii booda duubatti akka deebi’an nama taasisan keessaa tokko yeroo rakkoon namatti bu’uu rakkoo san baadhachuu dhiisudha. “Ganaa rakkoo kana hunda baadhadhaa” jedhee wanta qabate gadi dhiisa. Osoo jecha Rabbii armaan gadi kanatti xiyyeefannoo hin kennin nama karaa da’awaa hordofotu jira.

Aliif Laam Miim. Sila namoonni ‘Amanne’ jechuu qofaan osoo hin qoramiin dhiifamu yaadu?” Suuratu Al-Ankabuut 29:1-2

Karaa da’awaa keessatti fitnaan (qormaanni) sunnaa (karaa) Rabbii duraanu jiruudha. Namni Rabbiitti amanee fi seera Isaa beeke kana ni beeka. Namni karaa kana keessa deeme ba’aa isaatii fi haala isaa baadhachuun isarra jira.

Karaan da’awaa karaa diriirfamaa salphaa ta’ee miti. Kana irra, isa keessa qoree fi gooddatu jira. Kana keessaa wanta Ergamaa Rabbii (SAW) muudatetu jira.  Jecha Rabbii ol’aansuuf dirree lolaa baay’een wal qunname. Inumaa, bakka garii keessatti madaa’ee dhiigni isaa gadi jige. Inni kana waliinu obsuun mindaa Rabbiin irraa abdataa ture. Sahaabonni isaas wanti isaan qunnamu isaan qunname. Kuni hundi amantii isaanii irraa isaan hin deebisne.

Seenaan diinii Rabbii qabachuuf namoota nafsee ofii wareeganiin kan guuttameedha. Akka nu keessaa namni tokko goottottaa fi dhiirota kanniin fuunduratti bakka isaa arguuf gara fuunduraatti seenaa fi oduu garii ni dhiyeessa:

33:23

Mu’mintoota irraa dhiirota waan Rabbiif waadaa galan dhugoomsantu jiru; isaan irraa nama dirqama isaa raawwatetu jira; isaan irraas nama eeggataa jirutu jira. Jijjirraa homaatu hin jijjirre.” Suuratu Al-Ahzaab 33:23

Gammoojji Makkaa keessatti fiimaa aduu fi hoo’a irraa wanta Bilaalin (radiyallahu anhu) qunnamee seenaan hin dagatu. Hanga Yaasiri fi niitin isaa Sumayyaan ajjeefamaniitti musiiba isaan muudate seenan hin dagatu. Kana dura wanta Ergamaa Rabbii (SAW) qunname dagachuu hin qabnu. Inni nama hunda caalaa karaa da’awaa isaa keessatti kan qorameedha. Kanaafi akkana jedhe:  “Namoota hunda caalaa qormaanni kan itti cimu nabiyyoota, ergasii hundarra gaarii kan ta’e, itti aanse hundarra gaarii kan ta’edha. Gabrichi hanga amantii isaatiin qorama. Yoo amanti isaa keessatti jabaa ta’e, qormaanni isaa akkasuma itti jabaata. Amanti isaa keessatti laafinni yoo jiraate immoo, hamma amanti isaa irratti hundaa’e ni qorama. Qormaanni gabricharratti bu’uu hin dhaabbatu hanga badiin isarra kan hin jirre ta’ee dachii irra deemutti malee.” Sunan ibn Maajah 4023

Kanneen armaan gadi wantoota Ergamaan Rabbii (SAW) ittiin qoraman keessaa gariidha: Abdullah ibn Mas’uud akkana jedha: osoo Ergaman Rabbii (SAW) Ka’abaa biratti salaatu, Abu Jahli fi hiriyyoonni isaa achi taa’an. Gaalli kaleessa qalamte takkatu ture. Abu Jahal akkana jedhe: eenyutu macaree gaala eebalu fuudhee yommuu Muhammad sujuudu cheeku isaa lamaan jidduu kaa’aa? Namni hundarra dararamaa fi abaarramaan isaan keessaa bahe fuudhe. Yommuu Nabiyyiin sallallahu aleyh wassallam sujuuda bu’u cheeku isaa lamaan jidduu godhe. Garmalee kolfanii gariin gariitti daaqe. Ani dhaabbadhee ilaalaa ture. Osoo dhoowwu kan danda’u ta’e, silaa dugda Ergamaa Rabbii (SAW) irraa nan darbaa ture. Hanga namni tokko gara Faaximaa deemee ishiitti beeksiisuutti Nabiyyiin sujuuda godha, mataa isaa ol hin kaasu. Faaximaanis dhuftee isarraa achi gatte (darbite). Ergasii isaanitti (Abu Jahal fa’atti) qajeelte arrabsite. Yommuu Nabiyyiin (SAW) salaata isaa geessu, mataa isaa olkaase. Ergasii du’aayi isaan irratti kadhate. Yommuu du’aayi godhu si’a sadii godha, yoo kadhate si’a sadii kadhata. Ergasii akkana jedhe: Yaa Rabbii! Qureeshonni sirratti haa ta’an” (si’a sadii). Yommuu sagalee isaa dhagayan kolfi isaan irraa deeme. Kadhaa isaas ni sodaatan. Ergasii ni jedhe: yaa Rabbii! Abu Jahl ibn Hishaam, Utbah ibn Rabii’ah, Sheybah ibn Rabii’ah, Waliid ibn Utbah, Umayyah ibn Khalaf, Uqbah ibn Abi Mu’iix Sirratti haa ta’an (wanta hojjattu isaanitti hojjadhu).” Torbaffaa ni dubbate, garuu ani hin qabanne. Kan Muhammadin (SAW) haqaan ergeen kakadhe! Warroota maqaa waame kanniin Guyyaa badrii kan ajjeefaman ta’anii arge. Ergasii gara eelaatti darbaman. Eela Badrii.” Sahiih Muslim 1794

Wanta Nabiyyi (SAW) muudatee keessaa kan biraa: lola uggurri. Kuni waggaa lamaaf sholoqoo Makkaa keessatti isa, maatii fi firoota isaa hidhuudha. Yeroo kana keessatti mushriikonni Makkaa Nabiyyii (SAW) fi firoota isaa irra uggurrii diinagdee fi hawaasummaa irraa godhan. Isaanitti hin gurguran, irraas hin bitan. Isaanitti hin heerumsiisan, irraayis hin fuudhan.

Akkuma kana wanta Xaa’ifitti Nabiyyii (SAW) qunname yaadachuun ni danda’ama. Yommuu namoota gara Islaamatti waamuuf gara Xaa’iif deeme, jiraattonni Xaa’iif dhagaa isatti darban. Rakkoo cimaa danda’e. (Kuni hundi karaan da’awaa karaa qormaata qabuu fi obsa barbaachisu akka ta’e nutti agarsiisa.)

Bifa qormaataa keessaa wanta Nabii Ibraahimin (aleyh salaam) muudateedha. Innis, ibiddatti darbamuu fi ilma isaa akka gorra’uu ajajamuudha.

37:102

Yommuu isa waliin deemu gahuu, [Ibraahim] ni jedhe “Yaa ilma koo! Ani abjuu keessatti kan si gorra’u arge. Kanaafu, ilaali maal yaaddaa?” Innis ni jedhe: “Yaa abbaa koo wanta ajajamte hojjadhu, yoo Rabbiin fedhe warra obsan irraa ta’uu na argita.” Suuratu As-Saffaat 37:102

Ibn Kasiir ni jedha: isarratti akka salphatuuf, xiqqeenya isaa waliin Rabbiif ajajamuu irratti obsuu fi ijannoo isaa qoruuf kana isatti beeksise.”

Wanta Ibraamin qunname keessaa kan biraa haadha manaatii fi ilma isaa iddoo fagoo fi namni hin jirreetti dhiisudha. Bukhaarin ibn Abbaas irraa akka gabaasetti: Namni jalqabaa Safaa fi Marwaa jidduu fiige haadha Ismaa’il. Namni jalqabaa caafii uffataa lafarraa harkisuu argamsiisee haadha Ismaa’il. Yommuu Saarah jalaa dheessitee, faana ishii balleessuuf caafi uffata ishii gadi buustee lafarra harkiste. Hanga bakka Ka’abaa gahaniitti Nabii Ibraahim ishii fi Ismaa’ilin fuudhee deeme. Ergasii achitti dhiisee deebi’e. Ishiinis isa hordoftee akkana jetteen: “Maalitti nu dhiistaa? Nyaata maalitti, dhugaati maalitti nu dhiistaa?” Innis deebii homaatu ishiif hin deebisne. Ishiinis ni jette: “Rabbitu kanatti si ajajee?” Innis, eeyyen jedhe. Ishiinis ni jette, “yoo akkas ta’e Inni nu hin gatu.”

Ishiin ni deebite. Inni immoo karaa gaara gubbaan itti darban hanga gahuu deemu itti fufee. Ergasii akkana jechuun du’aayi godhe:

14:37

“Gooftaa keenya! Sanyii kiyya irraa mana Kee Kabajamaa bira sulala biqilaa hin qabne keessa qubsiise. Gooftaa keenya! Salaata akka gadi dhaabaniif [achi isaan qubsiise]. Qoma namootaa gara isaaniitti tan dabdu taasisi, akka galateefataniif firiiwwan irraas isaan razzaqi (soori).”  Suuratu Ibraahim 14:37

Bishaan ishiin of biraa qabdu ni dhumate. Ishiinis ni dheebotte, aannan ishii addaan cite. Daa’imnis ni dheebote. Gaara dhiyoo ni ilaalte. Gara Safaa olbaate. Sagalee dhageefachuu fi nama arguuf ni yaalte. Homaa hin dhageenye, ergasii ni buute. Yommuu gara sululaa dhufte ni sussukte. Ergasii gaara kamtu dhiyoo akka ta’e ni ilaalte. Ergasii gara Marwaa korte (olbaate). Sagalee dhageefachuu ykn nama arguuf ni yaalte. Ergasii sagalee wayii dhageesse. Akka nama dhageettin isaa isa sobuu hanga mirkaneefatutti “Cal’isi” ofiin jette. Itti fufuun ni jette: sagalee kee na dhageessistee jirta, bishaan na obaasi. Anaa fi namni waliin jiru bade.” Ergasii Malaykaan dhufee bakka Zamzam ishii geesse. Innis luka isaatiin ni rukute. Burqaanis ni dhooye. Ishiinis ariifachuun qodaa bishaanii keessatti kuufatte. Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan: Rabbiin haadha Ismaa’iliif rahmata haa godhu. Osoo ariifachuu baatte silaa Zamzam burqaa yaa’u ta’aa ture.” Sahiih Al-Bukhaari

Kunniin bifoota qormaataa nabiyyoonni, Ergamtoonni fi saalihonni saaxilamaniidha. Kana waliinu kuni da’awaa irraa isaan hin deebisne. Bifa qormaataa nabiyyoota irraa hamma kana irratti of qusadha.

Guduunfa
✒Islaama qabachuu fi gara Islaamatti waamu keessatti rakkoolee fi qormaanni baay’een nama muudata. Namni “Ani Islaama waan qabadheef rakkoon ykn qormaanni na hin qunnamu” jedhee yaadu hin qabu. Akkuma Islaama qabatuun qormaanni isatti baay’achuu akka danda’u beekun of qopheessu qaba. Kana hubachuuf namoota armaan oli haa ilaalu.
✒”Lakki! Ani kana hunda baadhachu hin barbaadu” jechuun Islaama irraa yoo duubatti deebi’e, qormaata irraa dheesse caala adabbiin gara fuunduraatti (Aakhiratti) isa qunnamu guddaa fi cimaadha.

Madda:
Min Akhbaaril Muntakisiina ma’al asbaabi wal ilaaji
-fuula 64-68

Print Friendly, PDF & Email
Seenaa Warra Boollaa
Walitti Dhufeenya Keessatti Dogongora Barsiistonni gariin hojjatan-kutaa 2

Leave a Reply