Sababootaa fi Furmaata Waliin Oduu Warra Duubatti Deebi’anii-kutaa 9.2

Kutaa darbe keessatti biifota Qormaata nabiyyootaa fi saalihoota garii irra gahu ilaalle jirra. Qormaanni hanga fedhe baay’atus Islaama irraa duubatti isaan hin deebisne. Har’as itti fufuun bifa qormaataa nama Islaama qabate irra gahu ni ilaalla. Tarii kuni Islaama akka qabannuuf jajjabeenna nuuf ta’a.

Bifoota qormaataa keessaa wanta Abdullah ibn Mas’uud qunnameedha. Guyyaa tokko sahaabonni Nabiyyii (SAW) bakka tokkotti walitti qabamanii akkana waliin jedhan, “Rabbiin kakanne! Qureeshonni Qur’aana kana kan ifa bahee isaaniif dubbifamu hin dhageenye. Eenyutu isaan dhageessisaa?” Abdullah ibn Mas’uud ni jedhe: “Ana” Isaanis ni jedhan, isaan sirratti sodaanna. Nuti nama gosa isa eegdu qabu barbaanna.” Innis ni jedhe, “Na dhiisaa, Rabbiin na eegati.” Abdullah Ibn Mas’uudis ganamaan yommuu Qureeshonni walitti qabaman Maqaama Ibraahima bira dhaabbate, Suuratu Ar-Rahmaan qara’uu jalqabe. Innis gara Qureeshotatti garagalee sagalee olkaase qara’e. Qureeshonnis wanta inni jedhu itti xinxallanii akkana waliin jechuu jalqaban: Mucaan Umm Abd maal jedhee?” Isaanis walitti deebisuun ni jedhan: Inni wanta muraasa Muhammad fide dubbisa.” Isaanis gara isaatti ka’anii fuula isaa irra rukutuu jalqaban. Innis hanga Rabbiin fedhe hanga gahuutti qara’u itti fufe. Fuula isaa miidhani osoo jiranu gara sahaabotaa deebi’e. Isaanis ni jedhaniin: Kuni wanta sirratti sodaannedha!” Innis ni jedhe: Dur caalaa amma diinonni Rabbii na biratti gatii kan hin qabne ta’an. Yoo feetan borus haala wal fakkaatan isaaniif bariisifadha.” Isaanis ni jedhan: Si gaha. Wanta isaan jibban isaan dhageesistee jirta.”

Tarii zinaan yakkuun wanti Aa’ishaa (radiyallahu anhaa) qunname wanta garmalee cimaa daa’iwwan qunnamuudha. Hanga bifa ishii jijjiruutti, namoonni oduu ishii walirraa fuffudhan. Humna cimaa beeksisa munaafiqotaatiin sahaabonni gurguddoon ni dhiibbaman. Hanga maqaa xurreessu guddaa kana irraa Rabbiin ishii qulqulleessutti, ishiin kana waliin ni obsite. Kuni gahuumsa nama daa’awaa godhuu hundaati. Maqaa xureessuu fi rakkoo cimaa lafa qabateef kan saaxilamuudha. Kanaafu, kuni ijjannoo isaa laamshessuu hin qabu, wanta dhagayuu fi azaa isa qunnamuuf jedhee da’awaa isaa dhaabu hin qabu. Isaaf namoota darban keessa fakkeenya gaariitu jira. Daa’in gadi dhaabbannaa fi ijjannoon isaa akka dabaluuf dhaabbannaa iimaanaa garii asitti nan kaasa:

Ustaaz Abdullah Mayranii Saalih kitaaba isaa “Al-Ibtilaa’u wa asarahu fii hayaatil mu’miniin kamaa jaa’a fil Qur’aanil Kariim” jedhu keessatti akkana jedha: wanti warra Fira’awnaaf sihrii hojjatanii fi warra boolloo qunname akka armaan gadi kanatti: Dhugumatti, aqiidaan qulqulluun qalbii keessatti hidda yoo qabate, humni sharrii fi diinummaa, bifoonni qormaata, rakkoo fi laalaa hundi hin hurgufu. Kuni saahirota Fira’awa irraa ni mul’ata yommuu isa irraa sodaachisaa fi zaacha qunnaman iimaana irratti gadi dhaabbatan. Rabbiin olta’aan ni jedha:

 “Warri sihrii hojjattan kan sujuudan ta’anii kufan. Ni jedhan, “Gooftaa aalamaatti amanne. Gooftaa Muusaa fi Haaruun.” Fira’awn ni jedhe, “Osoo ani isiniif hin hayyamin isatti amantanii? Dhugumatti kuni jiraattota [magaalaa] keessaa baasuuf shira magaalatti keessatti baastaniidha. Gara fuunduraatti ni beektu. Harkaa fi miila keessan wal-faallessuun nan kukkuta, ergasii hunda keessanu nan fannisa.” Isaaniis ni jedhan: Dhugumatti nuti gara Gooftaa keenyaatti deebina. Mallattooleen Gooftaa keenyaa yommuu nutti dhufan isaaniitti waan amanneef malee homaafu nurraa haalo (gadoo) hin baatu. Gooftaa keenya! Obsa nurratti dhangalaasi, Muslimootas godhi nu ajjeesi.” Suuratu Al-A’araaf 7:120-126

Akkuma aayaata kabajamoo ta’an kanarraa nuuf ifa ta’uutti, saahironni Fira’awnaa Gooftaa aalamaatiif harka kennu fi Rabbiif gadi jechuu isaanii labsuu fi Tokkichummaa Isaa mirkaneessuun isaanii Fira’awnaaf balaa tasaa ta’e. Kabaja isaa ni kuffise, aangoo isaa ni sochoose, zufaani isaa ni hurgufe. Kanarraa kan ka’e dallansuun ni gubate, shiraan, ganuu fi humna abbaa irree fayyadamuun dhaabbata irratti too’annaa argachuuf carraaqe. Saahirota adeemsa isaanii ni morma, isaaf dhugaa ta’uu dhabuun, isarratti dhara yaaduu fi ajaja isaa keessaa bahuun isaan yakke. Ergasii adabbii fi salphinnaan isaan sodaachise. Harkaa fi lukaa muruun ergasii jirma teemiraa irratti isaan fannisuun isaanitti zaate.  Rabbiin olta’aan ni jedha:

“Warri sihrii hojjatan sujuuda bu’anii “Gooftaa Haaruuni fi Muusaatti amanne” jedhan. [Fira’awnis] ni jedhe: osoo ani isiniif hin hayyamin isaaf amantanii? Dhugumatti inni hangafa keessan kan sihrii isin barsiiseedha. Dhugumatti, wal faalleessuun harkaa fi luka keessan nan mummura. Jirma muka teemiraa irrattis isin fannisa. Eenyu keenyatu adabbiin isaa garmalee cimaa fi turaa akka ta’e ni beektu?’ Isaaniis ni jedhan, ‘Ragaalee irraa wanta nutti dhufee fi Kan nu uumee caalaa gonkumaa si hin filannu. Wanta murteessitu murteessi. Ati jireenya addunyaa tana qofatti murteessita. Dogongora keenyaa fi sihrii itti nu dirqiisiste akka nuuf araaramuu Gooftaa keenyatti amanne. Rabbitu caalaa fi turaadha.’ ” Suuratu Xaahaa 20:70-73

Garuu saahironni Gooftaa isaaniitti amanan, warra amantii qulqulluu qaban ta’an, qalbiin isaanii haqaaf tan gadi jettu fi iimaanan misoomte taate. Iimaanni (amanuun) kuni nafsee isaanii keessatti tasgabbii dhangalaase. Sodaachisaa fi zaachaa Fira’awnaatti hin dhimamne, hin naanees, hin hurgufamnes. Fira’awnaaf gadi hin jenne. Isaaf harka hin kennine, beekumsaa fi yaqiina isaaniif dhufee caalaa isa hin filanne. Kana irra, humna isaa irratti ol’aantummaa agarsiisan, adabbii, qabaa fi abbaa irrummaa isaa akka salphaatti ilaalan. Haqaan gara fuuldura isaatti bahan. Dhugumatti, isaan mi’aa iimaanaa ni argatan. Kanaafu, Rabbii fi Ergamaan Isaa Muusaan addunyaa fi wanta ishii keessa jiru caalaa isaan biratti jaallatamoo ta’an. Kanaafu, harkaa fi luka isaanii mummuruu, isaan fannisuu, adabbii fi du’a waliin kufrii, badii fi ma’asiyaatti deebi’u caalaa iimaana irratti gadi dhaabbachuu filatan. (Nuti osoo harkaa fi miilli keenya cicciramee ergasii fannifamne iimaana dhiisnee kufriitti hin deebinu jedhan.) Rabbiin olta’aan dubbii isaan jedhan akkana jechun dabarsa:

“Isaan ni jedhan, ‘Miidhaan hin jiru. Dhugumatti, nuti gara Gooftaa keenyaatti deebina. Dhugumatti, nuti jalqaba mu’mintootaa waan taaneef Gooftaan keenya badii keenya akka nuuf araaramu kajeella.’” Suuratu Ash-Shu’araa 26:50-51

Kunoo akka kanatti nafseen gareen warra amananii rakkoo, dhiphinnaa fi adabbii qunnaman. Humna amantiitiin kana hunda irratti ol’aantummaa argatan. Qalbiin isaanii ollummaa Rabbii kajeelte, eeggumsa Isaas barbaadde. Qabeenya, faayaa fi wanta biraa fira’awni qabu irraa ni garagalte. Ergasii obsaanii fi mindaa abdachuun gara adabbii fi fannifamuutti qajeelan. Fir’awnis wanta isaanitti zaate hojii irra oolche. Kana keessatti tooftaa adabbii gara-jabeenyaan guuttame fi kabaja namummaa irraa fagaate ni hordofe. Ajjeechaa badaa isaan ajjeese. Ergasii jirma muka temiraa irratti isaan rarraase. Isaanis shahiidota ta’uun du’an. Rabbiin isaan irraa haa jaallatu.

Seera Rabbii itti fufaa ta’e keessaa tokko mu’mintoonni rakkoof, qormaataaf, shiraaf saaxilamuudha. Kunis iimaana isaanii qoruuf, mirkaneessuuf, akkasumas qormaataa fi balaadhaan warraa dhugaa fi sobaa ifatti baasuufi. Tarii qabaan warra boollaa bifa qormaata kanaa keessaa tokkoodha. Akkuma ifa ta’u, harka diinota isaanii garmalee dhara ta’an, daangaa darbitootaa fi balleessitoota amantii isaanii irraa akka deebi’anii fi dhiisan barbaadan keessatti gubamuun rakkoo fi du’aaf ni saaxilaman. Garuu mu’mintoonni akka gaaraatti iimaanaa isaaniitiin dhaabbatan. Kutaa itti aanu keessatti seenaa warra boollaa ni ilaalla, in sha Allah.

Print Friendly, PDF & Email
Tarkaanfi Gara Gammachuu-Kutaa 3

Leave a Reply