Aakhiratti amanuu-kutaa 2ffaa

Kutaa darbee keessatti Aakhiraan maal akka ta’ee fi sababni Qiyaaman itti dhaabbattuuf muraasa isaa ilaaluf yaalle turre. Har’as itti fufuun Aakhiratti amanuun maal akka of keessatti qabatu ni ilaalla. Aakhiratti amanuun hundee iimaanaati fi nama kaafiraaf mu’mina addaan baasudha. Mu’minni Rabbii fi Aakhiratti amanuun mu’mina yommuu jedhamu, kaafirri immoo nama Rabbii fi Aakhiratti amanuu dideedha. Garuu Aakhiratti amanuu jechuun “Lubbuun namaa Jannata ykn Jahannamiin seentee qaamni immoo lamuu hin deebifamu jechuudhaa?” Namni akkana jedhee yaadu yoo jiraate kuni Aakhiratti amanuu hin jedhamu. Kanaafu, namni yaada dogongoraa kana akka sirreessuf Aakhiratti amanuun maal akka ta’ee haala armaan gadiitiin ilaalu dandeenya. 

[Hubachiisa: Rabbiin Qur’aana keessatti maqdhaala Nu ykn Nuti jedhu ni fayyadama. Kuni baay’inna hin agarsiisu. Kana irra, Guddinna fi Kabaja agarsiisa. Arabiffa keessatti, namni tokko hojii tokko yommuu hojjatu Nuti jedhe fayyadamuun wanta baratameedha. Rabbiin Tokkicha wanta hundaa adda hojjatuudha. Kanaafu, Nuti yommuu jedhu Kabajaa fi Guddinna Isaa agarsiisaa malee baay’inna hin agarsiisu.] 
Aakhiratti amanuun wantoota sadii of keessaa qaba.

1ffaa- Ka’uumsatti amanuu (Al-Iimaanu bil Ba’as)

Kana jechuun yommuu xurunbaan lammataa afuufamu namoonni du’an kaafamuudha. Namoonni miila duwwaa kophee hin qabne, qaama qullaa hin uffannee fi kan hin kittaananne ta’anii Gooftaa aalamaa fuundura murtiif dhaabbatu. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) ni jedha:

“Akkuma uumama duraa jalqabnetti isa deebifna. [Kuni] waadaa Nu irra jiruudha. Dhugumatti Nuti ni hojjanna.” suuratu Anbiyaa 21:104

Kana jechuun uumamtoota deebisuun akkuma yeroo jalqabaa isaan uumneti. Jalqaba uumamtoonni homaa hin turre. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa uumamtoonni wanta tokko kan hin turre ta’anii osoo jiranu isaan argamsiisee akkuma san lamuu isaan deebisa. “[Kuni] waadaa Nu irra jiruudha. Dhugumatti Nuti ni hojjanna.” Kana jechuun wanta waadaa galle hojii irra oolchina. Dandeettin Rabbii guutuu waan ta’eef wanti Isa dadhabsiisu tokkollee hin jiru. Wanta duraan hin jirre uumuun kan Isa hin dadhabsiisin (hin dhibin) akkamitti wanta bade lamu deebisuun Isa dhibaa?

Erga du’anii ka’uun dhugaa mirkanaa’aa Qur’aanni, sunnaa fi wali galteen Muslimootaa agarsiisudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Ergasii isin sana booda ni duutu. Ergasii dhugumatti isin Guyyaa Qiyaamaa ni kaafamtu.” Suuratu Al-Mu’minuun23:15-16

Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
‏ يُحْشَرُ النَّاسُ يَوْمَ الْقِيَامَةِ حُفَاةً عُرَاةً غُرْلاً
“Guyyaa Qiyaamaa namoonni miila duwwaa, qullaa fi kan hin kittaanamne ta’anii walitti qabamu.” Sahiih Muslim

Akkasumas, Muslimoonni ilmaan namaa erga du’anii booda akka kaafaman irratti walii galanii jiru. Kuni hikmaadhaan wanta barbaachisuudha. Rabbiin olta’aan ilmaan namaa wanta gaarii akka hojjatanii fi wanta badaa akka dhiisan karaa Ergamtootatiin isaan ajaje jira. Kanaafu, wanta hojjataniif Guyyaa itti mindeefaman murteesse jira. Rabbiin ni jedha:

23:115

Sila Nuti taphumaaf waan isin uumnee fi gara Keenyatti kan hin deebifamne ta’uu ni yaaddu?” (Suuraa Al-Mu’uminuuna 23:115)

2ffaa- Qorannoo fi Jazaatti amanuu (Al-Iimaanu bil-hisaabi wal jazaa’a)

Jazaa jechuun mindaa ykn adabbii namni tokko wanta hojjateef argatuudha.
Gabrichi hojii isaatiif ni qoratama. Ergasii hojii gaarii yoo hojjatee fi ulaagaalee yoo guute, ni mindeefama,ta’uu baannan ni adabama. Qur’aanni, sunnaah fi wal-galteen Muslimoota kana ni agarsiisu.
Rabbiin olta’aan ni jedha:

Dhugumatti deebiin isaanii gara Keenya. Ergasii, qorannoon isaanii Nurra jira.” Suuratu Al-Gaashiyah 88:25-26
Kana jechuun uumamtoonni gara Rabbii deebi’uun Guyyaa Qiyaamaa qorannoof walitti qabamu. Gaariis ta’i badaa wanta hojjataa turaniif ni qoratamu. Ergasii, mindaan isaaniif kafalama.Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

6:160

Namni toltuun dhufe, isaaf [toltuu] ishii fakkaattu kudhantu jira. Namni hamtuun dhufe, inni fakkaattuu ishii malee hin mindeefamu. Isaaniis hin miidhamanu.” Suuratu Al-An’aam 6:160 
Kana jechuun namni dhugaan amanee fi toltuu hojjatee Guyyaa Qiyaamaa dhufe, isaaf toltu san kan fakkaattu toltuu kudhantu isaaf jira. Kanaafu, mindaan isaa isaaf baay’ata. Namni hamtuu hojjatee Guyyaa Qiyaamaa dhufe immoo hamtuun isaaf hin baay’attu. Hamtuu (badii) hojjate qofaaf adaba. 
Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa)ni jedha:

Nuti Guyyaa Qiyaamaatiif madaala haqaa lafa keenya. Lubbuun takkas homaa hin miidhamtu. Yoo waan ulfinna hanga firii raafuu qabus ta’e, Nuti ishii ni fidna. Qorannaafis Nuti gahoodha.”Suuratu Al-Anbiya 21:47

Kana jechuun Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoota hundaaf mindaa kafaluuf Guyyaa Qiyaamaa madaala haqaa dhaaba (lafa kaaya). Hojiin namni hojjate hundi ni madaallama. Hojiin isaa xiqqeenya irraa kan ka’e osoo hanga firii raafuu ykn xaafii taateyyuu Rabbiin ni fida. Eenyullee waan gaarii hojjate irraa hir’ifamuun ykn waan badaa hojjateen ala badiin biraa isatti dabalamuun hin miidhamu.

Namni wanta hojjateef qoratamuu fi mindaan isaaf kafalamuun haqa eenyullee hin kaanne (hin kijibsiisnedha). Mee amma of haa gaafannu, namni aangoo qabu hojjattoota isa jala jiran wanta tokko akka hojjatan ni ajaja. Dhumaratti abbaan aangoo (maanejarrii) kuni hojjattoonni kunniin wanta san hojjachuu fi hojjachu dhiisu isaanii gaafate mindaa ni kafalaaf moo ni dhiisa? Bu’aa wanta hojjatanii osoo hin gaafatin mindaa kafaluufi danda’aa? Mindaa kan hin kennineef yoo ta’e, wanta sanitti ajajuun bu’aan isaa maaliidhaa? Eeti, maanejarri hojjattoota wanta tokkotti ni ajaja. Hojii isaanii irratti hundaa’e mindaa kafalaaf.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aala fakkaata hin qabnee fi kana hundaa olta’e namoota wayitti ajajee dhumarratti jazaa (mindaa) osoo isaanii hin kenniin ni dhiisaa? Subhaanallah! (Rabbiin qulqullaa’e)! Dhugumatti, wanta itti ajaje hojjachuu fi hojjachuu dhiisu isaanii dhumarrattti ni gaafata ykn ni qorata. Ergasii hojii isaanii irratti hundaa’e isaan mindeessa. Nama toltuu hojjate, mindaa gaarii kennaaf. Nama badii hojjate, adabbii irratti murteessa.

Ali Ibn Abi Xaalib akkana jedha: Har’a hojitu jira qorannoon (hisaabni) hin jiru. Boru immoo qorannotu jira, hojiin hin jiru.” Kana jechuun addunyaa tana keessa yommuu jiraatan, hojii hojjachuu malee guutumaan guututti qoratamun hin jiru. Guyyaa Qiyaamaa immoo wanta addunyaa keessatti hojjataa turaniif qoratamu malee hojiin hin jiru. Kanaafu, “Qoratamuun dura of qoradhaa, madaallamuun dura of madaalaa!” Umar ibn Al-Khaxxaab.

3ffaa- Jannataa fi Ibiddatti amanuu

Kana jechuun Jannani warroota amananii fi hojii gaggaari hojjataniif akka qophoofte amanu. Ammas, ibiddi Jahannam warroota kafaranii fi badii hojjataniif akka qophoofte amanuudha. Jannata keessa wanta ijji takkuu argitee hin beekne, gurri dhagahee hin beekne fi qalbii nama qaxxaamuree hin beeknetu jira. Rabbiin ni jedha:

32:17

Waan isaan hojjataa turaniif jecha akka mindaatti gammachuu ijaa irraa waan isaaniif dhokfame lubbuun tokkoyyuu hin beektu.” Suuratu As-Sajdah 32:17
Kana jechuun eenyullee guddinna qananii Rabbiin Jannata keessatti isaaniif dhokse hin beeku. “Dhugumatti, isaan amananii fi hojii gaggaarii hojjatan, Jannanni Firdaws iddoo simannaa (qubannaa) isaaniif taatee jirti. Ishee keessa yeroo hunda jiraatu. Ishee irraa jijjiramuu hin barbaadan.” Suuratu al-Kahf 18:107-108

Ibiddi Jahannam immoo mana adabbi warra kafaranif Rabbiin qopheessedha. Warri ibidda seenu warra Isatti amanuu didanii fi Ergamtoota Isaatiif ajajamuu didaniidha. Salphinna hangana hin jedhamnetu achi keessa jira. Rabbiin ibidda irraa nu haa tiiksu. Rabbiin ni jedha: 
“Ibidda kaafirotaaf qopheeffamte san sodaadhaa.” Suuratu Aali-Imraan 3:131

Dhugumatti, Rabbiin kaafirota abaaree fi ibidda boba’aa isaaniif qopheessee jira. Yeroo hundaa ishii keessa kan jiraatan ta’anii tiiksas ta’ee gargaaraa [isaan baraaru] hin argatan. Guyyaa fuulli isaanii ibidda keessatti gara gaggalfamtu, “Yaa hawwii keenya! Osoo ajaja Rabbiitii fi ajaja Ergamaa [Isaa] fudhannee [jiraannee maal qabaa]” jedhu.” Suuratu Al-Ahzaab 33:64-66

“Isaan fincilan immoo teesson isaanii ibidda. Dhawaatuma isaan ishii (ibidda) keessaa bahuu fedhaniin ishii keessatti gadi deebifamu. “Adaba ibiddaa kan kijibsiisaa turtan dhandhama.” isaaniin jedhama.” Suuratu As-Sajdah 32:20 (Isaan fincilan- Rabbitti kafaranii fi Isaaf ajajamuu didan. Warri kuni “ibiddi Jahannam hin jiru, lamu hin kaafamnu” jechuun mormaa ykn kijibsiisaa turan.)

Guduunfaa
➤ Aakhiratti amanuu jechuun ilmaan namaa erga du’anii lamuu kaafamanii akka qoratamanii fi mindeefaman amanuu fi Jannataa fi Jahannam jiraachu shakkii tokko malee amanuudha.
➤Rabbiin olta’aan akkuma uumamtoota jalqaba uume, lamuu isaan deebisa.
➤ Jalqaba irratti kan hin jirre ta’anii kan isaan uume lamuu deebisuun Isatti ni ulfaataa?
➤Kana hubachuuf copha bishaan saalaa (maniyyii) namni irraa uumame fi nama badee biyyee ta’e wal bira qabaa. Lamaan isaanitu lubbuu kan hin qabneedha. Rabbiin bishaan saalaa furri fakkaatu irraa nama kan uumee, namni biyyee erga ta’ee akkamitti deebisuu dadhabaa?
➤Inuma dhugaa lamuu deebifamu kan dhugoomsu keessaa, Rabbiin jalqaba Nabii Aadamin biyyee irraa uume. Kanaafu, abbaa namaa biyyee irraa kan uumee, Guyyaa Qiyaamaa namoota biyyee erga ta’anii deebisuun Isatti hin ulfaatu.
➤Guyyaa Qiyaamaa namni hunduu wanta hojjataa tureef ni qoratama.
➤Hojiin isaa xiqqaa fi guddaan ni madaallama. Ergasii mindaa gaarii ni argata ykn ni adabama.
➤Gahuumsi namoota amananii fi hojii gaggaarii hojjatanii Jannata, kan kafaranii fi badii hojjatan immoo Jahannam. Rabbiin Jahannam irraa nu haa tiiksu.

Kitaabban Wabii
Sharih Usuuli salaasa Fuula 100-103 Ibn Useymiin  fi kitaabota tafsiiraa garagaraa

Print Friendly, PDF & Email
Hundee Iimaanaa-5ffaa
Aakhiratti amanuu-kutaa 3ffaa

Leave a Reply