Arkaana Salaataa

Arkaana (rogoota) salaataa yommuu jennu salaatatti erga seenanii booda wantoota dirqamaan guuttamu qabanii jechuudha. Wantoonni kunniin yoo hafan akka shari’aatti salaanni guutuu hin ta’u. Shuruuxa fi Arkaana akka walitti hin naqne. Shuruuxa yommuu jennu salaatatti seenun dura hal-dureewwan guuttamuu qaban yommuu ta’uu harkaanni salaataa immoo erga salaatatti seenanii booda ulaagaalee guuttamu qabaniidha. Read more

Qur’aanni Akkamitti Buufame?-Kutaa 1

Qur’aanni Jecha Rabbii olta’aati. Dhala namaa dukkana keessaa gara ifaatti baasuf Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) jecha Isaa kan ta’e Qur’aana jaarraa 14 dura Nabii Muhammad (SAW) irratti buuse. Namoonni kana ajaa’ibsifachuun Rabbiin akkamitti Nabiyyi irratti kitaaba kana buusee? Sila akka amma arginu kanatti waraqaa irratti barreesse buuse moo akkamitti buufamee? In sha Allah har’a akkaata buufama Qur’aanaa gabaabbinnaan ni ilaalla. Asii gaditti waa’ee wahyii fi buufama isaa ilaalla. Qur’aanni wahyii keessaa tokko waan ta’eef akkataa buufama isa hubachuun nama hin dhibu. Barreefama keessatti “Ergamaa Rabbii (SAW)” yommuu jedhu Nabi Muhammad (SAW) akka ta’e haa hubatamu. SAW jechuun Salallahu Aleyh Wassalam (nageenyi fi rahmanni Rabbii isarratti haa jiraatu) jechuudha. Read more

Sharrii Ittisuu fi Gaarii Argachuuf

Imaam ibn Al-Qayyim akkana jedha: Wantoonni afran armaan gadii haadho wantoota namoonni Rabbal Aalamiina irraa barbaadaniidha. Isaanis;
1. Sharrii (wanti badaan) amma keessa jiru akka isa irraa ka’u namni tokko Rabbiin kadhachuu
2. Sharriin akka isatti hin dhufne kadhachuu
3. Wanti keyriin (toltuun) isa bira jirtu akka itti fuftu fi irraa hin fudhatamne kadhachuu
4. Keyriin ammatti hin arganne gara fuunduraatti akka argatu kadhachuu  Read more

Isa Gorsitee ishii galateefachuuf dhufee Zinatti kufan

Ani shamara maatii beekkamaa irraa taatedha. Akkuma namoonni ragaa bahan ani nama amantii qabatee fi amala gaarii qabuudha. Garuu dargageessa tokko baruuf sababa na kakaase hin beeku. Balaa abbaan isaa du’uutin waan rukutamee fi itti-gaafatamummaan obboleeyyani fi haadha horachuu isarratti waan kufeef isa gargaaru barbaade. Dargaggeessi kuni karaa hiriyyoota badaa qabate. Anis isa nan gorse. Isa cinaa dhaabbachuu fi dhugaan isa gorsuun dirqama kiyya akka ta’e natti dhagahame. Dhumarratti, gara barnoota isaatti ni deebi’e, hiriyyoota badoo ni dhiise, guutumaan guututti ni jijjirame. Read more

Seensa İimaanaa-kutaa 2

Kutaa darbee keessatti iimaanni maal akka ta’e ilaaluf yaalle turre. Hojiin gaariin kamiyyuu fudhatama argachuu fi mataa isaati gaarii jedhamuuf bu’uura (foundation) irratti gadi dhaabbatu isa barbaachisa. Bu’uurri kuni yoo hin jiraatin, hojiin hanga fedhe gaarii haa fakkaatu Rabbiin biratti fudhatama hin argatu. Bu’uurri kuni yoo jiraate immoo hojiin gaariin hanga feete haa xiqqaattu lafa hin buutu, Rabbiin biratti fudhatama ni argatti. Bu’uura kanaan iimaana jennaan. Gara afaan keenyatti yommuu deebisnu, wanta Rabbii fi Ergamaan Isaa beeksisan dhugoomsu fi dhugaan itti amanuudha. Iimaanni amanti qofa osoo hin ta’in hojiis kan of keessaa qabuudha. Read more

Zinaa Irraa Akkamitti Tawbatanii?

Zinaan (sagaagalummaan) hojii fokkuu ta’ee fi miidha hangana hin jedhamne geessudha. Dubartin akka durbummaa fi kabaja dhabdu, sanyiin akka wal dhayuu taasisa. Dubartiin zinaadhaan yoo ulfoofte hangam salphinni ishii akka haguugu tilmaamun nama hin dhibu. Daa’imni kuni yoo dhalate jireenya akkami akka gaggeessu itti haa xinxallinu. Dhibee gadaa kanaa HIV Eedisiin akka saffisaan babal’atuuf balbala kan banu zinaadha. Read more

Dubartiin Zinaa Dhiira Qulqulluutti Ni Heerumti?

Dubartiin takka zinaa (sagaagalummaa) yoo raawwattee fi dhiira qulqulluu zinaa hin raawwatinitti akka heerumtu yoo dirqisiifamte, fuudhaa heerumni (gaa’illi) kuni sirrii ta’uu danda’aa?

Gaafii: Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) Qur’aana keessatti, “Dhiirri zinaa (sagaagalummaa) raawwate dubartii zinaa raawwatte yookiin mushrika taate malee hin fuudhu. Dubartiin zinaa raawwattes dhiira zinaa raawwate yookiin mushrika ta’e malee namni biraa ishii hin fuudhu. Suni warroota amanan irratti dhoorgamee jira.” (An-Nuur 24:3) jechuun dubbata. Akkasumas, hadiisa, namticha zinaa raawwate haddiin (adabbiin) irratti dhaabbame fi dubartii akka isaa malee dubartii qulqulluu fuudhu irraa dhoowwame dhagahee jira. (Haddi jechuun seera adabbii Islaama namni yakkamaan adabamuudha. Fakkeenyaf, dhirri fi dubartiin hin fuune yoo zinaa (sagaagalummaa) raawwatan si’a dhibba (100) reebamu (garafamu)). Read more

Seensa İimaanaa-Kutaa 1

Akka lugaa Arabiffaatti iimaana jechuun tasdiiq (dhugoomsu) fi dhugaan amanuudha. [1] Akka shari’aatti immoo imaanni dubbii qalbii fi arrabaa, hojii qalbii fi qaamaa kan of keessatti hammateedha. Dubbii qalbii yommuu jennu wanta Rabbiin beeksise dhugoomsu fi dhugaan itti amanuudha. Fakkeenyaf, Jireenya fi tokkichummaa Rabbitti amanuu, Qiyaamatti amanuu fi kkf. Hojii qalbii yommuu jennu immoo kanneen akka jaallachuu, iklaasa qabaachu (niyyaan Rabbiif ta’uu), obsuu, Rabbiin irratti hirkachuu, galata galchuu, sodaachu fi kkf. Read more

Ibidda Waraanaa fi Fitnaa Sheyxaanaa-2

Ibiddi waraanaa fi fitnaan sheyxaanaa wantoota lama nageenya addunyaa fi tasgabbii dhuunfaa booressaa fi jeeqaa jiraniidha. Gar-tokkeen addunyaa ibidda waraanatiin yommuu reebamtu gara biraatin immoo fitnaa sheyxaanatiin jeeqamti. Ibiddi waraanaa haaluma beeknuun boombii fi rasaasan namoota fixu fi qabeenya barbadeessu yommuu ta’uu, fitnaan sheyxaanaa immoo bifa lakkaawamee hin dhumne qaba.  Sheyxaana jechuun ajaja Gooftaa isaa didee namoota gara badiitti kan waamu jechuudha. Kanaafu, sheyxaana kan ijaan mul’atu fi hin mul’anne jechuun bakka lamatti qoodu dandeenya. Kan ijaan hin mul’anne gosa jinni yoo ta’u, karaa namni hin beeknen namatti dhufuun gara badiitti nama waama. Read more

1 62 63 64 65 66 79