Karaa Qajeelaa

Torbaan darbee suura Faatiha irraa waa’ee daandii sirrii ykn qajeelaa ilaaluf yaalle turre. “Daandii sirrii jechuun haqa beeku fi [wanta beekan] hojii irra oolchudha.”jenne turre. Namni hunduu ani daandii sirrii irra jira jedhe yaadu danda’a. Garuu daandii sirrii irra jiraachu isaa ragaa maalii qabaa? Namoota fakkeenya (role model) isaaf ta’an kan addunyaa fi aakhiratti milkaa’an ni qabaa? Sirritti itti xinxalli, addunya qofa hin jenne, aakhirattis kan milkaa’an ni qabaa? Tarii addunyatti milkaa’anii aakhiratti kasaaru danda’u. Kanaafu, warroota addunyatti milkaa’ani aakhiratti kasaaran hordofuun bu’aa maalii qabaa? Keeyyanni Faatiha ishiin dhumaa jireenya keessatti eenyun akka fakkeenyatti (role model) fudhachu akka qabnu fi eenyun akka fakkeenyatti fudhachuu akka hin qabne nutti akeekti. Haa jalqabnuu… Read more

Hiika Faatiha Beekuf-kutaa 1

Suuratu Al-Faatihan “Faatiha” jedhamte tan moggaafamteef Qur’aanni waan ittiin banamuufi. Suuraa tana ilaalchisee Aalimman akki jedhan “Hiika Qur’aanaa tawhiida, Ahkaama (murtiwwaan), mindaa, daandii ilmaan Aadam fi kan biroo ilaalchise tan of keessatti cuunfite qabatteedha. Kanaafi, Ummul Qur’aan (Haadho Qur’aana)” jedhamte tan moggaafamteef.”[1]  Read more

Daandii Milkaa’inna fi Gammachu-kutaa-19

Jireenya kee keessatti kitaabota lama dubbisuu/qo’achuu hin dagatin. Tokkoffaa Jecha Rabbii kan ta’e Qur’aana. Lammaffaan immoo yuniversii nu marsee jiruudha. Yommuu Qur’aana dubbisnu, hubannaa fi xinxalliin dubbisuu qabna. Yommuu kitaaba yuniversii jennu immoo, wantoota Rabbiin uume irratti xinxalluu fi dandeetti Rabbii hubachuudha. Guyyaa guyyaan yommuu uumama samii, dachii, biqiltootaa, bineensota fi beeladoota, gaara fi kkf irratti xinxallitu, qalbiin tee ni kakaati, dandeetti Rabbii ni hubatta. Halkan samiin urjiile fi ji’aan akkamitti akka bareechifamte mee ilaali. Ganamas, bulee qulqulluu, qaawwa wayitu tan hin qabne fi aduudhaan akkamitti akka ibsamte mee itti xinxalli. Yoo akkana goote sammuu kee iddoo sirriitti fayyadamaa jirtaa jechuudha. Imaanni kee sii dabala. Read more

Sadaqaa- Bantu Hulaa Rizqii

Sadaqaa jechuun hojii gaarii kamiyyuu gara Rabbii ittiin dhiyaatun ajrii (mindaa) itti argataniidha. Fakkeenyaf, Subhaanallah, Alhamdulillah, Allahu akbar jechuun sadaqaadha, maallaqaan nama gargaarun sadaqaadha. Garuu yeroo baay’ee sammuu namaatti kan dhufuu maallaqa namoota harka qalleeyyitiif kennuudha. Eeti, sadaqaan isaan qofa irratti kan daangeefamu osoo hin ta’in firoota fi hawaasa bal’aaf gargaarsa fi deeggarsa kennu kan of keessatti hammatuudha. Read more

Jireenya Du’aan Boodaa

Dur irraa kaase hanga ammaatti gaafin, “Eessaa ka’ee garam deemaa jira?” jedhu sammuu dhala namaa dhamaasaa kan jiruudha. Deebii kanaa ima barbaadu. Garuu madda sirrii keessa waan hin barbaannef baay’een isaanii argachuu hin dandeenye. Gaafiin “Du’aan booda jireenyi ni jiraa?” jedhu wal-dhabbii fi mormii baay’ee kan kaase fi ammas kan kaasaa jiruudha. Namni erga du’ee ni kaafamaa moo akkanumatti biyyee ta’ee hafaa? Read more

Daandii Milkaa’inna fi Gammachuu-Lakk.18

Barruun tuni barreefamoota gaggabaabo ji’a Sadaasa (November) 2016 fuula Fesbuuki Jireenya Badhaatu irraa walitti funaannamtedha.

Mallatoole fedhii lubbuu hordofuu agarsiisan keessaa tokko, wanta badaa ta’e garuu gaarii fakkaatu hojjachuuf ni ariifatta. Mirqaanaa fi kokolfaa hojjachuu jalqabda. Sheyxaanni hojii badaa kana garmalee miidhagsa. Haa ta’uu malee, boodarratti gaabbii fi gadda laalessaatu sitti dhagahama. Haalli akkanaa si qunnamee beekaa? Yoo si hin qunnamiin, namoota naannoo kee jiran baditti kan lixan ilaali. Fakkeenyaf, gurbaa fi intalli, mirqaansu fi kokkolfaa karaa haraamatin walitti dhufu. Akkuma yeroon darbuun hariiroon isaan jidduu jiru gaabbii fi gadda akka ibiddaatti nama gubuutti jijjirama adeema. Kanaafu, hojiin badaan gaarii yommuu sitti fakkaatu fi hojjachuu yommuu eegaltu kokolfituu fi kan gammaddu yoo taate, fedhii lubbuu hordofaa akka jirtu yaadadhu, dhumti hojii keeti gaabbii fi gadda hamaa akka ta’u beeki. Nafsee tee faallessi. Obsii. Kuni mallattoo jalqaba dhukkuba fedhii lubbuu hordofuuti. Read more

Badhaadhinnaaf Utubaa 2ffaa- Qusannaa

Mana barnoota keessa taanee yommuu siviks barannu boqonnaan “Qusanna (Saving)” jedhu tokko hin hafu. Bara baraan boqonna kana barataa turre. Garuu wanti ach irratti barraa’u tiyoori qofa moo shaakala qabaa? Rakkoon mana barnootaa guddaan tiyoori qofaan sammuu hadoochu, barattoota shakalsiisun ykn akka shaakalan karaa itti agarsiisun hin jiru. In sha Allah har’a bal’innaanis ta’uu baatu hanga ta’e waa’ee qusannaa ni ilaalla. Read more

Amaloota Milkaa’inna Saddeet

Daldala keessattis ta’ii jireenya keessatti namni tokko milkaa’uf amaloota filatamoo fi gaggaarii ta’an qabachun isarra jira. amaloonni kunniin takkaa uumaman takkaa immoo adeemsa keessa argamu. Namni amala badaa yoo qabaate jireenya keessatti milkaa’u akka hin dandeenye beekun amala badaa kana ofirraa kaasuf haa carraaqu. Namni tokko milkaa’uf xiqqaate xiqqaatu amaloota armaan gadii saddeet horachu qaba. Read more

1 66 67 68 69 70 79