Gaa’ila Islaamaa-Lakk.3.3

Muharramaat-(Dubartoota Fuudhun Haraama ta’an)-kutaa-3ffaa
Kutaa dabre keessatti dubartoota soddummaan yeroo hundaa haraama ta’anii fi dubartoota yeroo murtaa’af haraama ta’an ilaalle turre. Har’as itti fufuun rammaddi dubartoota yeroo murtaa’af haraama ta’an ni ilaalla. Akka dubbistootaaf salphatuuf wanti hanga ammaa ilaalle gabateen qophaa’e jira. Linkii gara dhumaa jiru tuquun buusun ni danda’ama. Mee itti haa fufnu kutaa darbee irraa…

Dabalata Dubbisi

Gaa’ila Islaamaa-3.2

Muharramaat-(Dubartoota Fuudhun Haraama ta’an)-kutaa-2ffaa
Kutaa darbe keessatti dubartoota fuudhun haraama ta’an bakka gurguddaa lamatti qoonne turre. Isaanis; yeroo hundaa fuudhun haraama kan ta’anii fi yeroo muraasaaf (murtaa’aaf) haraamaa kan ta’aniidha. Yeroo hundaa fuudhun haraama kan ta’an hariiroo isaanii irratti hundaa’un bakka saditti ramadamu. Isaaniis, dhiigan haraama kan ta’an, hoosisuun haraama kan ta’anii fi soddummaan haraama kan ta’an. Lamaan jalqabaa waan ilaallef har’a In sha Allah soddummaa fi yeroo muraasaf haraamaa kan ta’an ilaalla.

Dabalata dubbisi

Gaa’ilaa Islaamaa-Lakk.3.1

Muharramaat-(Dubartoota Fuudhun Haraama ta’an)-kutaa-1
Akkuma kutaa darbee keessatti jenne gaa’illi funyoo cimaa dhiiraa fi dubartii walitti hidhuudha. Garuu funyoon gaa’ilaa kuni dubartii fi dhiira hunda walitti hin hidhu. Kana jechuun dubartoonni hundi dhiira hundaaf niiti hin ta’an. Dubartoota keessaa dhiira irratti fuudhun haraama (dhoowwaa) kan ta’antu jiru. Tarii ummanni Oromoo harki caalu gosaan waan wal fuudhaniif dubartoonni isaan fuudhan haraama ta’uu irraa fagaachu danda’u. Oromoo Arsii biratti gosa tokko keessatti namoonni wal hin fuudhan. Fakkeenyaf, gosti Garjeeda jedhamtu keessatti dhiirri Garjeeda ta’ee fi dubartiin Garjeeda taatee wal hin fuudhan.

Dabalataan dubbisi

Gaa’ilaa Islaamaa-Lakk.2

Kutaa darbee keessatti gaa’ilaa fi faaydaalee isaa ilaalle turre. Gaa’illi funyoo cimaa dhiiraa fi dubartii walitti hidhuudha. Funyoon kuni yoo cite sanyiin ni cita. Tolee, dubbiin yoo akkana ta’e gaa’illi namoota hundarratti dirqama ta’uu danda’aa? Kuni murtii qorannoo barbaachisuudha. Kanaafu, murtiin gaa’ilaa maal fa’aa? Jalqaba murtii ykn hukmii yommuu jennu wanta tokkoon, “Kuni waajib (dirqama) ykn muharram (dhoowwamaa) ykn mubah (hayyamamaa) ykn mustahabb (jaallatamaa) ykn makruuh (jibbamaa)” jennee irratti murteessu keenya. Kanaafu, gaa’illi yeroo, haala fi bakka irratti hundaa’e murtiiwwan kanniin kan of keessatti qabatuudha.

Dabalata dubbisi

Gaa’ilaa Islaamaa-Lakk.1

Jireenya tana keessatti lubbuu qabeenyin yommuu cimdiin walitti dhufan wal horu. Osoo cimdiin kuni jiraachu baate silaa wal hormaanni hin adeemsifamu ture. Dhalli namaa uumamtoota biroo irraa adda ta’uun karaa kabajamaa fi jaallatamaa ta’een akka wal horan Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) seera ka’e. Kuni kan agarsiisu kabaja Rabbiin ilma namaatiif kenneedha. Akka horii walitti dhufuun akkuma argan hin ta’an. Karaan seera-qabeessa isaan walitti dhufan karaa gaa’ilaatin. Jechoonni gaa’ila, fuudhaa heeruma, nikaah fi kkf yommuu gurra irra bu’an, dargaggoonni fi shamarran ni mirqaanu. Sababni isaas, fedhii uumamaa keessa isaanii jiru karaa ittiin guuttataniidha. Gaa’illi seera mataa ofii qaba. Akkanumatti lafa olka’anii kan itti deemanii miti. In sha Allah, mata duree gaa’ila Islaamaa jedhu jalatti, hiikni gaa’ilaa, nikaha, aqd, murtii fi seerri isaa maal akka ta’an kan ilaallu ta’a. Hanga xumuraatti akka waliin turru fi barnoota guddaa irraa argannu abdii qabna.

Dabalata dubbisi
1 2 3 4