Barzakha fi Guyyaa Qiyaamaa

Faaruu fi galanni hundi kan Rabbii olta’aati. Nageenyi fi rahmanni Ergamaa
Rabbii irratti haa jiraatu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa addunyaa tana iddoo qormaata taasise. Namoonni iddoo qormaataa tana keessatti yeroo muraasaaf erga qoramanii booda gara iddoo turtii (qabriitti) darbu. Iddoo turtii kana keessa hanga umriin addunyaa tuni xumuramu ni turu. Yommuu umriin addunyaa xumuramu, samii, dachii fi wantoonni isaan lamaan keessa jiran diddigamuu fi jijjiramu eegalu. Guyyaan wantoonni kunniin itti raawwataman Guyyaa Qiyaamaa jennaan. Guyyaan Qiyaamaa kuni Guyyaa namoonni wanta hojjataa turaniif itti qoratamaniidha. Qorannoo booda takkaa Jannata qananii keessa qubatu, takkaa
immoo adabbii Jahannam keessa seenu. Kitaabni armaan gadii hanga ta’ee waa’ee Guyyaa Qiyaamaa ni dubbata:

Mallattoolee Gurguddoo Qiyaamaa

Kutaalee darban keessatti mallatoolee gurguddoo Guyyaan Qiyaamaa dhiyaachu agarsiisan ilaalle turre. Isaaniis, Dajjaal bahuu, Iisaan (aleyh salaam) bu’uu fi Ya’juuj fi Ma’juuj. Har’as itti fufuun kutaa kana keessatti maallatoole hafan saddeettan gabaabbinnaan ni ilaalla.

Dabalata Dubbisi

Ya’juuj fi Ma’juuj

Mallattoo Gurguddoo Guyyaa Qiyaamaa-Lakk.3
Ya’juuj fi Ma’juuj saboota gurguddoo lama sanyii Aadam irraa ta’aniidha. Sababa badii gurguddaa dachii keessatti babal’isaa turaniif Mootiin Zul-Qarnayn jedhamu bakka tokkotti isaanitti cufe. Suuratu Al-Kahf keessatti waa’ee kana ni dubbata. Garuu Qiyaamaan yommuu kalooftu cufaa diiganii gara addunyaa bahu. Qur’aana keessatti waa’ee isaaniitii fi Zul-Qarnayn akkana jechuun dubbata:

Dabalata Dubbisi

Iisaa (Iyyasuus)-Kutaa 3

Ragaalee Iisaan (aleyh salaam) itti bu’uu Agarsiisan
Akkuma kutaa darbe keessatti jennee yeroo Yahudonni isa ajjeesuf dhufan Iisaan (aleyh salaam) gara samii ol fuudhamee jira. Qiyaamaan yommuu kalooftu akka bu’uu ragaaleen shari’aa ni agarsiisu. Bu’iinsi isaa kunis mallattoo Qiyaamaa ta’a. Mee ragaalee kanniin gabaabbinaan haa ilaallu:

Dabalata Dubbisi

Iisaa (Iyyasuus)-Kutaa 1

Mallattolee Gurguddoo Guyyaa Qiyaamaa-2
Guyyaan Qiyaamaa garmalee yommuu dhiyaatu mallatooleen gurguddoon mul’achuu eegalu. Isaan keessa yeroo darbe Dajjaal ilaalle turre. Dajjaalitti aanee mallattoon guddaan Nabii Iisaan (nageenyi isarratti haa jiraatu) samii irraa bu’uudha. In sha Allah, mata duree kana jalatti seenaa Nabii Iisaa fi haadha isaa ni ilaalla. Kutaa itti aanu keessatti immoo dhimmoota biroo isaan wal-qabatanii fi bu’iinsa isaa ni ilaalla.

Dabalata Dubbisi

Dajjaal

Mallatoolee Gurguddaa Guyyaa Qiyaamaa
Mallattolee Gurguddoon Guyyaa Qiyaamaa mallattoolee Qiyaamaan garmalee dhiyaachu agarsiisanii fi erga hundii isaanitu dhufanii booda Qiyaamaan kan itti dhaabbattuudha. Mallatooleen Gurguddaan Qiyaamaa akka calleeti. Haanni (jibriin) callee yoo cite, calleen wal duraa duuban harca’u. haaluma kanaan mallattooleen Gurguddoon Qiyaamaas tokko yoo argame kan biraas itti aanaa. Mallatoolee Gurguddoo Qiyaamaa keessaa tokko Dajjaal. Dajjaal kan bahuu namoonni waa’ee isa dubbachuu yommuu dagataniidha. Kanaafu, Dajjaal tasa bahuun dura waa’ee isaa beekun baay’ee nama fayyada.

Dabalata Dubbisi

Firii Guyyaa Aakhiraatti Amanuu

Ilmaan namaa yommuu jireenya tana keessa jiraatan gaafin akkana jedhuu yeroo hundaa sammuu isaanii quuqa. “Eessa deemaa jiraa? Xumurri ykn gahuumsi kiyya eessaa? Du’ee achumaan nan badaa?” Kuni gaafi guddaa deebii barbaadudha. Namni gaafi kanaaf deebii argate, jireenya keessatti tasgabbiin jiraata. Sababni isaas, gahuumsa itti deemu waan beekuf. Kanaafi, namoota Rabbii fi Guyyaa Aakhiraatti amanan tasgabbaa’oo fi abdii kan hin kunne ta’anii argina. Balaa ykn gadda cimaa keessa yommuu ta’an, wanta abdatan tokko qabu. Yommuu hojii gaggaarii hojjatan wanta kajeelan tokko qabu. Yommuu nafseen isaanii gara baditti isaan kakaastu, wanta tokko sodaachun of qabu. Kuni hundii jireenya keessatti aannan tasgabbii akka dhugan isaan taasisa.

Dabalata Dubbisi

Hundee Iimaanaa-5ffaa

Aakhiratti Amanuu-Kutaa 1ffaa

Yoomul Aakhirah (Guyyaa Dhumaa)-jechuun guyyaa Qiyaamaa namoonni du’an qorannoo fi mindaaf itti kaafamaniidha.Aakhira jechuun dhuma ykn xumura wanta tokkoo jechuudha. Guyyaan Qiyaamaa guyyaa Aakhirah jedhamee kan waamameef yommuu warri Jannataa Jannata keessa qubatan, warri ibiddaa ibidda keessa seenan isa booda guyyaan biraa waan hin jirreefi.[1]

Dabalata dubbisii

Aakhiratti amanuu-kutaa 2ffaa

Kutaa darbee keessatti Aakhiraan maal akka ta’ee fi sababni Qiyaaman itti dhaabbattuuf muraasa isaa ilaaluf yaalle turre. Har’as itti fufuun Aakhiratti amanuun maal akka of keessatti qabatu ni ilaalla. Aakhiratti amanuun hundee iimaanaati fi nama kaafiraaf mu’mina addaan baasudha. Mu’minni Rabbii fi Aakhiratti amanuun mu’mina yommuu jedhamu, kaafirri immoo nama Rabbii fi Aakhiratti amanuu dideedha. Garuu Aakhiratti amanuu jechuun “Lubbuun namaa Jannata ykn Jahannamiin seentee qaamni immoo lamuu hin deebifamu jechuudhaa?” Namni akkana jedhee yaadu yoo jiraate kuni Aakhiratti amanuu hin jedhamu. Kanaafu, namni yaada dogongoraa kana akka sirreessuf Aakhiratti amanuun maal akka ta’ee haala armaan gadiitiin ilaalu dandeenya. 

Dabalata dubbisii

Aakhiratti amanuu-kutaa 3ffaa

Dhalli namaa guyyaa guyyaan ni du’u, akkasumas, ni dhalatu. Namoonni dhibbaatamatti lakkaawaman gara addunyaa yommuu dhufan, namoonni biroo immoo bakka isaanii gadi furuun gara Barzakh godaanu. Barzakh jechuun maal jechuudhaa? Barzakh jechuun wanta addunyaa tanaa fi Qiyaamaa jidduu jiruudha. Akka lugaatti barzakh jechuun girdoo (cufaa) wantoota lama addaan baasudha. Kanaafu, namoonni erga du’anii booda qabrii (awwaalcha) keessatti awwaalamu. Qabriin tuni barzakh isaaniif taati. Hanga Qiyaamaan dhaabbattu namoonni du’an gara addunyaa akka hin deebine isaan dhoowwiti. Qur’aana keessatti waa’ee barzakha akkana jechuun dubbata:

dabalata dubbisi
1 2 3