Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 1

Hanga ammaatti dubbiii fi hojii iimaana diigu ilaalun duratti seensa ilaalaa turreera. Ammas, dubbii iimaana diigan gurguddaa irraa jalqabna. Dubbii iimaana diigan jalatti: Hiika shirkii, gosoota shirkii, tawhiida asmaa wa sifaata keessatti dubbii iimaana diigu, tawhiida uluuhiyyah keessatti dubbii iimaana diigu fi kanneen biroo ni ilaalla. Isin hanga xumuraatti waliin turuuf qophiidhaa? Mata-dureen kuni mata-duree garmalee ijoo akka ta’e hin dagatinaa.

Itti Haa Fufnu

Uzrii Wallaalummaa-Kutaa 2

3-Dhimma kafarsiisu keessatti wallaallummaan akka ilaallamu yommuu mirkaneessinu, nama wallaalumma himate hundaaf wallaalummaan uzrii fudhatama argatu jechuu miti. Kanaafi, imaamu Shaafi’iin ni jedha: “Dhugumatti, beekumsa irraa nama sammuu isaa irratti haguuggame malee nama umrii saalfanna gahe hundaaf wanta wallaalluun hin danda’amnetu jira. Fakkeenyaaf kan akka salaata shanani, ji’a Ramadaanaa soomu, yoo danda’an hajjuu, zakaa, Rabbiin zinaa, ajjeechaa, hanna, khamrii fi kkf dhoowwu.” (Ar-Risaalah fuula 357)

Itti Haa Fufnu

Ulaagalee nama Muslimaa dhuunfaa kafarsiisuu

Nama Musliimaa tokko kafarsiisanii Islaama keessaa baasun dhimma salphaa miti. Kutaa darbe keessatti kafarsiisu wali galaatii fi kafarsiisuu adda baafame jechuun ilaalle turre. Kafarsiisuun wali galaa “Namni kana hojjate kafare” jechuun haala wali galaati fi dimshaashan dubbachuudha. Kafarsiisuun adda baafame immoo nama dhuunfaa tokko ykn garee tokko addatti baasun “Ati kafarte ykn isaan kafaran” jechuudha. Muslima keessaa nama dhuunfaa kafarsiisuuf ulaagaaleen guuttamu qaban ni jiru. Namni ulaagaalee kanniin osoo hin ilaalin nama Muslimaa kafarsiisutti fiigu hin qabu. Mee ulaagaale kanniin haa ilaallu.

Itti Fufi

Kafarsiisu wali galaati fi kafarsiisu adda baafame

Garaagarummaa Kafarsiisu wali galaati fi kafarsiisu adda baafame
(Kafarsiisuu wali galaa jechuun osoo nama dhuunfaa tokko adda hin baasin, haala wali galaatin “Namni hojii akkanaa hojjate ni kafara, namni kana hojjate kafaree jira” jechuun dubbachuudha. Kafarsiisuun adda baafame immoo nama dhuunfaa hojii kufrii hojjate tokkotti dhufuun, “Ati kafarte” ykn fagoo irraa eenyummaa isaa adda baasun “inni kafaree jira.” jechuudha.)

Itti Haa Fufnu

Akkuma iimaanni dubbii fi hojiin ta’u, kufriinis dubbii fi hojiin ta’a

Iimaanni dubbii fi hojii erga ta’e, kufriinis dubbii fi hojii ta’a. Kijibsiisuun dubbii qalbii kan ta’e “dhugoomsu” waan faallessuuf kufridha. Islaama jibbuun hojii qalbii kan ta’e “jaalala” waan faallessuuf kufriidha. Dubbiin arrabaas iimaana faallessu kan akka Rabbii olta’aa arrabsuu kufriidha. Ammas, hojiin qaamolee amanti keessaa nama baasan kan akka siidaaf sujuudu kufriidha.

Itti Haa Fufnu
1 3 4 5 6