Qur’aanni Akkamitti Buufame?-Kutaa 1

Qur’aanni Jecha Rabbii olta’aati. Dhala namaa dukkana keessaa gara ifaatti baasuf Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) jecha Isaa kan ta’e Qur’aana jaarraa 14 dura Nabii Muhammad (SAW) irratti buuse. Namoonni kana ajaa’ibsifachuun Rabbiin akkamitti Nabiyyi irratti kitaaba kana buusee? Sila akka amma arginu kanatti waraqaa irratti barreesse buuse moo akkamitti buufamee? In sha Allah har’a akkaata buufama Qur’aanaa gabaabbinnaan ni ilaalla. Asii gaditti waa’ee wahyii fi buufama isaa ilaalla. Qur’aanni wahyii keessaa tokko waan ta’eef akkataa buufama isa hubachuun nama hin dhibu. Barreefama keessatti “Ergamaa Rabbii (SAW)” yommuu jedhu Nabi Muhammad (SAW) akka ta’e haa hubatamu. SAW jechuun Salallahu Aleyh Wassalam (nageenyi fi rahmanni Rabbii isarratti haa jiraatu) jechuudha. Read more

Seensa İimaanaa-kutaa 2

Kutaa darbee keessatti iimaanni maal akka ta’e ilaaluf yaalle turre. Hojiin gaariin kamiyyuu fudhatama argachuu fi mataa isaati gaarii jedhamuuf bu’uura (foundation) irratti gadi dhaabbatu isa barbaachisa. Bu’uurri kuni yoo hin jiraatin, hojiin hanga fedhe gaarii haa fakkaatu Rabbiin biratti fudhatama hin argatu. Bu’uurri kuni yoo jiraate immoo hojiin gaariin hanga feete haa xiqqaattu lafa hin buutu, Rabbiin biratti fudhatama ni argatti. Bu’uura kanaan iimaana jennaan. Gara afaan keenyatti yommuu deebisnu, wanta Rabbii fi Ergamaan Isaa beeksisan dhugoomsu fi dhugaan itti amanuudha. Iimaanni amanti qofa osoo hin ta’in hojiis kan of keessaa qabuudha. Read more

Seensa İimaanaa-Kutaa 1

Akka lugaa Arabiffaatti iimaana jechuun tasdiiq (dhugoomsu) fi dhugaan amanuudha. [1] Akka shari’aatti immoo imaanni dubbii qalbii fi arrabaa, hojii qalbii fi qaamaa kan of keessatti hammateedha. Dubbii qalbii yommuu jennu wanta Rabbiin beeksise dhugoomsu fi dhugaan itti amanuudha. Fakkeenyaf, Jireenya fi tokkichummaa Rabbitti amanuu, Qiyaamatti amanuu fi kkf. Hojii qalbii yommuu jennu immoo kanneen akka jaallachuu, iklaasa qabaachu (niyyaan Rabbiif ta’uu), obsuu, Rabbiin irratti hirkachuu, galata galchuu, sodaachu fi kkf. Read more

Shakkii Qiyaamaa Qulqulleessuf-3

Guyyaa Qiyaamatti dhugaan amanuu fi guyyaa kanaaf hojii gaarii hojjachuu fi hojii badaa irraa fagaachun of qopheessun, jireenya keessatti akka tasgabbaa’anii fi kaayyoo ofii beekan nama taasisa. Kana beektu laata? Yeroo baay’ee jireenyi kan nama nuffisistu fi jibbisiistuuf amantiin Rabbii fi Guyyaa Qiyaamaatti qaban dadhabaa yommuu ta’uudha. Sababni isaas, namni dhugaan Rabbii fi Guyyaa Qiyaamatti yoo amane, wanta gaggaarii ni hojjata hojii badaa irraa immoo ni dheessa. Kuni immoo akka gammaduu fi tasgabbaa’u isa taasisa. Akkasumas, yeroo rakkoo fi balaan namatti bu’an rakkoo cimaa Guyyaa Qiyaama yaadachuun akka obsan nama taasisa. Read more

Shakkii Qiyaamaa Qulqulleessuf-Kutaa 2

Jireenya keessatti sababni guddaan namoonni yeroo baay’ee gammachuu fi milkaa’inna itti dhaban maal akka ta’ee beektu? Tarii qarshii dhabuu, namni jaallatan du’uu, qabeenyi barbadaa’u fi kan biroo jechuu dandeessu. Eeti, kunniin sababa ta’uu danda’u. Garuu sababa guddaa ta’uu danda’u? Sababa guddaa ta’uu hin danda’an. Dhugumatti, sababni guddaan jireenya keessatti gammachuu fi milkaa’inna itti dhaban, Guyyaa Qiyaamatti kafaruu ykn shakkuudha. Read more

Shakkii Qiyaamaa Qulqulleessuf-Kutaa 1

Guyyaan Qiyaamaa shakkii akka hin qabne kutaalee darban keessatti irra deddebi’uun ilaalle jirra. Ammas, shakkii sheyxaanni namatti darbu balleessu fi qulqulleessuf irra deebinee ni ilaalla. Guyyaa Qiyaamaa fi wantoonni Guyyaa san adeemsifaman wantoota gara fuundurraatti dhufanii fi geeybii ta’aniidha. Seenan darbe akkuma nuuf geeybi (nurraa dhokata) ta’ee, wanti gara fuundurraatti dhufus geeybi (nurraa dhokataadha). Garuu wanta dhokataa ykn fagoo kana akkamitti beeknaa? Wantoota kanniin karaa lamaan beekun ni danda’ama. Isaanis; mallattoolee fi odeefannoo dhugaa (haqa) ta’eeni. Read more

Guyyaa Qiyaamaa Haala Muslimootaa

Yeroo darbee haala kaafirtoota muraasa isaanii ilaalle jirra. Tarii mata dureen Guyyaa Qiyaamaa dheerachuun nuffiin isinitti dhagahamu danda’a. Garuu yeroo amma keessa jiraannu kanatti mata dureen kuni garmalee barbaachisaa waan ta’eef dheerassuun dirqama nutti ta’e. Dhugumatti, namoonni baay’een Guyyaa Qiyaamaa dagatanii jiru. Maaliif jiruu tana keessa jiraatta? Eessaa deemaa jirta? Jedhamanii yommuu gaafataman, “hin beeku” jechuun deebisu. Dhugumatti Guyyaa Qiyaamatti amanuu fi itti qophaa’u dhiisun jireenya keessatti akka dhama’an nama taasisa. Dabalataanis, hojiin gaariin Rabbiin biratti fudhatama kan argatu Rabbii fi Guyyaa Qiyaamatti yoo amananiidha. Qur’aana keessa yoo ilaaltan Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) irra deddeebi’un guyyaa kana ilma namaa akeekachisa. Read more

Mallatoolee Guyyaa Qiyaamaa-Kutaa 1ffaa

Guyyaa Qiyaamaa jechuun Guyyaa namoonni du’an hundi awwaalcha isaanii keessaa kaafamuun murtiif Rabbiin fuunduratti dhiyaataniidha. Guyyaa sirnii samii fi dachii itti jijjiramuudha. Guyyaa samiin itti dhodhootu, urjileen harca’an, garreen bakka isaaniti buqqifaman, dachiin garmalee sochootu fi wantoonni nama rifachisanii fi naasisan biroo itti adeemsifamuudha. Guyyaan kuni guddinnaa fi ulfaatinna isaatirraa kan ka’e maqaa adda addaa qaba. Isaan keessaa As-Saa’ah (Sa’aa), Guyyaa Aakhirah (Dhumaa), Yawmul Jam’i (Guyyaa Walitti qabamaa), Yawmud-Diin (Guyyaa Murtii), Yawmul Taghaabun (Guyyaa mu’minoonni bu’aa buufatanii, kaafironni immoo kasaaraniidha), Al-Haaqqah (Guyyaa haqni (dhugaan) ifa bahu), Al-Qaari’a (Rukuttaa jabaa), Gaashiya (wanta hundaa tan Haguugdu) fi kan biroo. Read more

1 4 5 6