Tooftaa Ijoolle Barsiisu-Kutaa 1ffaa

Yaa haadha abbaa kabajamoo ilma gaarii jireenya keessatti argachuuf hawwitan hundaaf! Xiqqaate xiqqaatu bu’uuralee 7 guddinna ijoolletif garmalee barbaachisoo ta’anii fi kan haadha fi abbaan dagachuu hin qabne torbii lamaan darbe ilaalle turre.  Wantoonni torban sunniin maaliin akka guuttamuu isinitti akeeku? Akka aalimni beekkamaan Abdullah bin Naasir Ulwaan ka’eetti, “Bu’uuraaleen torban kunniin wantoota lamaan guuttamu. Isaaniis; 1.wanta ifa jiru qorachuu, hordofuu fi xiyyeefannoo itti kennuu fi 2. Yeroo bilisaa (free) saamachuun”[1] 

Read more

Guddinna Ijoollee- Kutaa 1

Dhiira fi dubartiin wal-jaallatan erga walitti dhufanii hawwiin isaanii guddaan ilmaan gaarii horuudha. Jalqaba irratti walitti dhufuuf dheebochaa turan. Amma immoo ilma gaarii argachuudha. Garuu sababa adda addaa irraa kan ka’ee wanti isaan yaadan galma osoo hin gahin abdiin isaanii jalaa dukkanaa’a. Tarii sababni kanaa guddaan akkaataa maatii gaarii itti ijaaran wallaalu irraa kan burqe ta’uu danda’a. Beekumsi ibsaa dukkanaa waan ta’eef, beekumsaan yoo hin tarkaanfatin jireenyi ni dukkanoofti. Read more