Sababoota Gammachuu fi Milkaa’innaa

Sababoota Laafinnaa, Gammachuu fi Milkaa’innatti nama geessan.
Akkuma halkanii fi guyyaan, dhiira fi dubartiin garagaraa, hojiin ilma namaas garagara (adda adda). Qur’aana keessatti: Read more

Ibidda Waraanaa fi Fitnaa Sheyxaanaa-2

Ibiddi waraanaa fi fitnaan sheyxaanaa wantoota lama nageenya addunyaa fi tasgabbii dhuunfaa booressaa fi jeeqaa jiraniidha. Gar-tokkeen addunyaa ibidda waraanatiin yommuu reebamtu gara biraatin immoo fitnaa sheyxaanatiin jeeqamti. Ibiddi waraanaa haaluma beeknuun boombii fi rasaasan namoota fixu fi qabeenya barbadeessu yommuu ta’uu, fitnaan sheyxaanaa immoo bifa lakkaawamee hin dhumne qaba.  Sheyxaana jechuun ajaja Gooftaa isaa didee namoota gara badiitti kan waamu jechuudha. Kanaafu, sheyxaana kan ijaan mul’atu fi hin mul’anne jechuun bakka lamatti qoodu dandeenya. Kan ijaan hin mul’anne gosa jinni yoo ta’u, karaa namni hin beeknen namatti dhufuun gara badiitti nama waama. Read more

Ibidda Waraanaa fi Fitnaa Sheyxaanaa-kutaa-1

Guyyaa guyyaan lubbuun ilma namaa ibidda waraanaatin yommuu darbu, takkaa garmalee nama gaddisisa takkaa immoo akka abdii muratanii fi qalbiin gogdu nama taasisa. Dhalli namaa hanga jireenya tana keessa jiraatu waan badaa fi gaariin ni qorama. Rabbiin subhaanahu wa taa’alaa ni jedha: Read more

Dukkana Keessaa Ifatti-Lakk.2

Jireenya keessatti badiiwwan adda addaatti lixuun yommuu of irraanfatanii fi Rabbii ofii dagatan, dukkanni jireenya hangam akka ulfaatu tilmaamun nama hin dhibu. Hojii fokkataa akka gaaritti, hojii gaarii immoo akka fokkuutti ilaalun yeroo itti machaa’antu jira. Machaa’insa fi gaflaa kana keessaa wantoota nama dammaqsan keessaa duuti isa tokko. Takkaa du’a ofiitin takkaa immoo du’a nama biraatin. Dargaggeessi armaan gadi kunis namoota akkanaa irraa ture. Mee amma seenaa isaa haa hordofnu… Read more

Dukkana Keessaa Ifatti-lakk.1

Jireenya keessatti namni hunduu dukkana keessaa bahuun jireenya ifaa fi gammachuu jiraachu barbaada. Namoota kanniin keessaa aktarii fi artistii beekkamaa Morooko “Sa’iid az-Zayyaani “ kan jedhamuudha. Seenaa kana kan ani asitti isiniif dhiyeessuf nama ifa dhabee akkamitti akka ifa argatu, nama dhiphinna keessa jiraatu akkamitti dhiphinna keessaa akka bahuuf karaa itti agarsiisufi. Kanaafu, isin na hordofuuf qophiidhaa? Seenaan nama gammachiisa, nama barsiisa, fakkeenya namaaf ta’a, malaa fi furmaata namatti akeeka. Haa jalqabnu… Read more

Namootan Walitti Makamuu

Namootan walitti makamuun takkaa akka qorichaa nama fayyisa takkaa immoo akka summii nama ajjeesa. Namootan yommuu walitti makaman of eeggannoo cimaa gochuu fi namoota itti makaman haala fi amala isaanii beeku barbaachisa.
Namootan walitti makamuu bakka afuritti qoodu dandeenya. Read more

Miira Gadi-aantummaa

Miira gadi aantummaa yommuu jennu namni tokko mataa ofii shakkuu, “Ani nama gadi aanaa amala cimaa fi ol’aanaa hin qabneedha.” Jedhee ofi ajifachuu fi of gadi xiqqeesudha. Miirri gadi aantummaa ijoollumma irraa jalqabee hanga du’aa kan itti fufu ta’uu danda’a. Miirri kuni nama dhuunfaa qofa osoo hin ta’in hawaasa fi biyya kan miidhudha. Biyyi gadi aantummaan itti dhagahamu biyya biraatif gabra fi kajeelattu taati. Miira gadi aantummaa bakka saditti qoonne mee haa ilaallu. Read more

Amala Gaarii-kutaa2ffaa

Torbaan darbee waa’ee amala gaarii fi ramaddii isaa kaasne turre. Yaadachisaf amala gaarii jechuun keessi fi hojiin namaa toluu fi bareedudha. Namni hanga fedhe fuulli isaa yoo fokkate, keessi fi hojiin isaa yoo bareede, Rabbii fi namoota biratti fudhatama kan argatu nama kana. Read more

Amala Gaarii-Kutaa 1ffaa

Gaalee husnul khuluq (amala gaarii) jettu gurri yommuu dhagahu, qalbiin ni mirqaanti. Inni/ishiin amala gaarii qaba/qabdi yommuu jedhamu, namoonni isa/ishii marsu, waliin hiriyyoomu barbaadu. Kanaafi, amalli gaariin sadarkaa ol’aanaa qabate. Garuu amala gaarii (husnul khuluq) jechuun maal jechuudhaa? Gosoonni isaa hoo maal fa’aa? Kana beeknaa laataa? In sha Allah har’a yeroo keenya kanarratti dabarsina. Wanta baranne immoo hojii irra oolchuf tattaafanna. Isin qophiidhaa? Haa jalqabnu… Read more

Karaa Qajeelaa

Torbaan darbee suura Faatiha irraa waa’ee daandii sirrii ykn qajeelaa ilaaluf yaalle turre. “Daandii sirrii jechuun haqa beeku fi [wanta beekan] hojii irra oolchudha.”jenne turre. Namni hunduu ani daandii sirrii irra jira jedhe yaadu danda’a. Garuu daandii sirrii irra jiraachu isaa ragaa maalii qabaa? Namoota fakkeenya (role model) isaaf ta’an kan addunyaa fi aakhiratti milkaa’an ni qabaa? Sirritti itti xinxalli, addunya qofa hin jenne, aakhirattis kan milkaa’an ni qabaa? Tarii addunyatti milkaa’anii aakhiratti kasaaru danda’u. Kanaafu, warroota addunyatti milkaa’ani aakhiratti kasaaran hordofuun bu’aa maalii qabaa? Keeyyanni Faatiha ishiin dhumaa jireenya keessatti eenyun akka fakkeenyatti (role model) fudhachu akka qabnu fi eenyun akka fakkeenyatti fudhachuu akka hin qabne nutti akeekti. Haa jalqabnuu… Read more

1 2 3 7