Miira Gadi-aantummaa

Miira gadi aantummaa yommuu jennu namni tokko mataa ofii shakkuu, “Ani nama gadi aanaa amala cimaa fi ol’aanaa hin qabneedha.” Jedhee ofi ajifachuu fi of gadi xiqqeesudha. Miirri gadi aantummaa ijoollumma irraa jalqabee hanga du’aa kan itti fufu ta’uu danda’a. Miirri kuni nama dhuunfaa qofa osoo hin ta’in hawaasa fi biyya kan miidhudha. Biyyi gadi aantummaan itti dhagahamu biyya biraatif gabra fi kajeelattu taati. Miira gadi aantummaa bakka saditti qoonne mee haa ilaallu. Read more

Amala Gaarii-Kutaa 1ffaa

Gaalee husnul khuluq (amala gaarii) jettu gurri yommuu dhagahu, qalbiin ni mirqaanti. Inni/ishiin amala gaarii qaba/qabdi yommuu jedhamu, namoonni isa/ishii marsu, waliin hiriyyoomu barbaadu. Kanaafi, amalli gaariin sadarkaa ol’aanaa qabate. Garuu amala gaarii (husnul khuluq) jechuun maal jechuudhaa? Gosoonni isaa hoo maal fa’aa? Kana beeknaa laataa? In sha Allah har’a yeroo keenya kanarratti dabarsina. Wanta baranne immoo hojii irra oolchuf tattaafanna. Isin qophiidhaa? Haa jalqabnu… Read more

Karaa Qajeelaa

Torbaan darbee suura Faatiha irraa waa’ee daandii sirrii ykn qajeelaa ilaaluf yaalle turre. “Daandii sirrii jechuun haqa beeku fi [wanta beekan] hojii irra oolchudha.”jenne turre. Namni hunduu ani daandii sirrii irra jira jedhe yaadu danda’a. Garuu daandii sirrii irra jiraachu isaa ragaa maalii qabaa? Namoota fakkeenya (role model) isaaf ta’an kan addunyaa fi aakhiratti milkaa’an ni qabaa? Sirritti itti xinxalli, addunya qofa hin jenne, aakhirattis kan milkaa’an ni qabaa? Tarii addunyatti milkaa’anii aakhiratti kasaaru danda’u. Kanaafu, warroota addunyatti milkaa’ani aakhiratti kasaaran hordofuun bu’aa maalii qabaa? Keeyyanni Faatiha ishiin dhumaa jireenya keessatti eenyun akka fakkeenyatti (role model) fudhachu akka qabnu fi eenyun akka fakkeenyatti fudhachuu akka hin qabne nutti akeekti. Haa jalqabnuu… Read more

Hiika Faatiha Beekuf-kutaa 1

Suuratu Al-Faatihan “Faatiha” jedhamte tan moggaafamteef Qur’aanni waan ittiin banamuufi. Suuraa tana ilaalchisee Aalimman akki jedhan “Hiika Qur’aanaa tawhiida, Ahkaama (murtiwwaan), mindaa, daandii ilmaan Aadam fi kan biroo ilaalchise tan of keessatti cuunfite qabatteedha. Kanaafi, Ummul Qur’aan (Haadho Qur’aana)” jedhamte tan moggaafamteef.”[1]  Read more

Sadaqaa- Bantu Hulaa Rizqii

Sadaqaa jechuun hojii gaarii kamiyyuu gara Rabbii ittiin dhiyaatun ajrii (mindaa) itti argataniidha. Fakkeenyaf, Subhaanallah, Alhamdulillah, Allahu akbar jechuun sadaqaadha, maallaqaan nama gargaarun sadaqaadha. Garuu yeroo baay’ee sammuu namaatti kan dhufuu maallaqa namoota harka qalleeyyitiif kennuudha. Eeti, sadaqaan isaan qofa irratti kan daangeefamu osoo hin ta’in firoota fi hawaasa bal’aaf gargaarsa fi deeggarsa kennu kan of keessatti hammatuudha. Read more

Jireenya Du’aan Boodaa

Dur irraa kaase hanga ammaatti gaafin, “Eessaa ka’ee garam deemaa jira?” jedhu sammuu dhala namaa dhamaasaa kan jiruudha. Deebii kanaa ima barbaadu. Garuu madda sirrii keessa waan hin barbaannef baay’een isaanii argachuu hin dandeenye. Gaafiin “Du’aan booda jireenyi ni jiraa?” jedhu wal-dhabbii fi mormii baay’ee kan kaase fi ammas kan kaasaa jiruudha. Namni erga du’ee ni kaafamaa moo akkanumatti biyyee ta’ee hafaa? Read more

Badhaadhinnaaf Utubaa 2ffaa- Qusannaa

Mana barnoota keessa taanee yommuu siviks barannu boqonnaan “Qusanna (Saving)” jedhu tokko hin hafu. Bara baraan boqonna kana barataa turre. Garuu wanti ach irratti barraa’u tiyoori qofa moo shaakala qabaa? Rakkoon mana barnootaa guddaan tiyoori qofaan sammuu hadoochu, barattoota shakalsiisun ykn akka shaakalan karaa itti agarsiisun hin jiru. In sha Allah har’a bal’innaanis ta’uu baatu hanga ta’e waa’ee qusannaa ni ilaalla. Read more

1 2 3 4 8