Maallaqa Irratti Too’anna Argachuuf

Yeroo ammaa dhimmi maallaqaa sammuu namoota baay’ee maraachisaa fi dhiphisaa kan jiruudha. Gara tokkoon hoji-dhabdummaan baay’achuun yaaddoo fi rakkinnaaf kan nama saaxilaa jiru yommuu ta’u gara biraatin immoo maallaqni warroota dureeyyi biratti baay’achuun ibidda dhiphinnaa isaanitti qabsiisa jira. Kabajamtoota barruu tana dubbisaa jirtan, tarii baay’een keessan maallaqa argachuuf oli gadi jettu. Akkamitti maallaqa argachuu danda’aa? Jechuun halkanii guyyaa yaadda’u dandeessu. Keessattu, warroota yeroo ammaa Saa’ud Arabiyaan ariite gara biyyaa galchite, yaaddo cimaa keessa jiru. Yaaddoo fi dhiphinna isaanii Rabbiin isaan irraa haa kaasu jechuun gara barruu teenyatti ceena.

Read more

Kana Raabsi

Imimmaan Hiyyeessaa

Hiyyeessa jechuun nama homaa hin qabne yookiin waa qabaate bu’uuraalee sadan sirnaan guuttachuu kan hin dandeenyedha. Bu’uuraalen sadan sunniin: nyaata, uffataa fi mana jireenyati. Akkuma namni kamu bu’uuraalee kanniin guuttachuuf battisu hiyyeessis ni battisa. Bu’aa bayii jireenyaa keessatti rakkoolee fi daraara baay’ee arga. Rakkoo fi daraaran kunniin kallatti garagaraatiin isa qunnamuu danda’a. Jireenya hiyyeessa keessatti rakkoon guddaan kan isa qunnamu miidhaa karaa ilma namaatiin itti dhufuudha. Har’a yoo Rabbii fedhe imimmaan hiyyeessaa ni ilaalla. Read more

Kana Raabsi

Qalbii Cabdee

Jireenya keessatti rakkoolee fi daraaran baay’een nama muudatu. Bosona jireenyaa keessa darbanii milkaa’inna fi gammachuu argachuun aarsa baay’ee fi obsa kan gaafatudha. Akkuma bosonni jireenyaa xaxamaa ta’uun aarsi (wareegamni) namni kafalu akkasuma guddaadha. Obsaan carraaqqi kana yoo itti fufan firiin isaas akkasuma guddaadha. Bosona jireenya kana keessa osoo deemtu qoreen si waraanti, ni aadda, dhukkubbiin onne tee irratti ni dhagahama. Qalbiin tee ni cabdi. Bosona jireenyaa yommuu jedhu maal jechuu akka barbaade hubattanii? Bosona jireenyaa yommuu jedhu mukkeen bakka tokkotti baay’atan jechuu osoo hin ta’in, rakkoolee, tola fi haala jireenya ilma namaati. Akkuma bosonni qoree, daraaraa, habaabo, gaalee, fi kkf qabu jireenyi teenyas rakkoolee, badhaadhinna, dhiphinna, fi kkf of keessatti tan hammattedha. Kanaafu, haala jireenya teenyaa bosona jireenya jenne yoo moggaafne nama hin saalfachiisu mitiree?  Read more

Kana Raabsi

Hayy Rakkoo Koo!

Ilmi namaa jiruu fi jireenya isaa keessatti rakkoo adda addaa waliin wal’aanso baha. Takkaa rakkoon tuni isa kuffisti takkaa immoo isatu rakkoo tana kuffisa. Haalli fi dandeettin namoota gargar waan ta’eef dandeettin rakkoo irraa dandamachu garagara. Namoonni gariin yommuu rakkoon xiqqoon isaan tuqxu kan garmalee iyyanii fi obsa hin qabnetu jiru. Faallaa kanaa immoo namoonni gariin rakkoon gurguddoon yommuu itti roobu obsa ajaa’ibsiisa kan qabanii fi cal’isantu jiru. Namoonni jalqabaa rakkoon yommuu isaan tuqxu nama kanattis, kaanittis ni himatu garuu furmaata quubsa hin argatan. Inuma rakkoo irratti obsa dhabanii yommuu iyyan, rakkoon isaani itti abaasa. Read more

Kana Raabsi

Niyyaa keenya qulqulleessuf

Torbaan darbee waa’ee niyyaa tuttuquuf yaalle turre. Yaadachisaf, hojiin kamiyyuu niyyaa irratti kan ijaarrameedha. Sababa namoonni niyyaa garagaraa qabaniif milkaa’inni fi gammachuun isaani garagara. Hojiima walfakkaatu osoo hojjatun niyyaan isaanii garagara waan ta’eef milkaa’inni fi bu’aan isaan buusan akka ardii fi samii addaan fagaata. Iccitiin kanaa niyyaa ofii qulqulleessu fi qulqulleessu dhiisu irratti hundaa’a. Nama waggaa kudhaan keessatti garmalee osoo hojjatu bu’aa gaarii hin buusne fi nama waggaa shan ykn sanii gadi keessatti bu’aa hangana hin jedhamne yommuu buusu yeroo argite si hin dinqisiisin. Read more

Kana Raabsi

Shakkii-kutaa 2ffaa

Torbaan darbee shakkii bakka lamatti erga qoonne booda shakkii gosa tokkoffaa ilaalle turre. Har’a In sha Allaah shakkii gosa lamattaa ilaalla. Innis shakkii namoota jiddu, shakkii dhiirsa fi niiti jiddutti uumamu. Shakkiin namoota jiddutti uumamu yoo daangaa hin qabaatin miidhaa guddaa fidu danda’a. Akkuma torbaan darbee kaasne shakkiin dhibee qalbii waan ta’eef sababa fi dawaa qaba. Namtichi sababaa fi dawaa beeke dhibee kana wal’aanu qaba. Read more

Kana Raabsi

Xurree Milkaa’innaa fi Gammachuu-Lakk.16

Wanta jibbituu fi badaa sadaqaa hin kenniin. Osoo wanti sun siif kenname, ijaan duununfatte malee hin fudhattu. Wanta gaarii Rabbiin irraa eegaa akkamitti wanta jibbituu fi badaa sadaqaa kennitaa? Namoonni gariin midhaan irraa yommuu sadaqaa kennaan, kan gatiin isaa gadii bu’aa fi qulqullinna hin qabne namaa kennu. Rabbiin waan gaarii akka sadaqaa kenninu itti nu ajaja. Read more

Kana Raabsi

Shakkii-Kutaa 1ffaa

Shakkii jechuun faalla dhugaa yaadu. ‘Kuni soba moo dhugaadha? Ni jira moo hin jiru? Gochii kuni adeemsifamee moo hin adeemsifamne? Ta’a moo hin ta’u?’jedhanii yaadu fi keessi namaa tasgabbii dhabuudha. Namni shakkii qabu takkaa gara funduraa hin deemu, takkaa gara duubaa hin deebi’u takkaa immoo achi hin dhaabbatu. Oli gadii raata’a. Dhama’iinsi fi dukkanni isa haguuga. Shakkiin hundee hin qabne baay’ee badaa fi miidhaa guddaa kan geessudha. Sababa shakkitiin maatiin bittinaa’e. Haadha warraa isaa wantuma argeen shakkuun jireenya ofii daaraa kan itti afu meeqatu jira. shakkii bakka lamatti qoonne ilaalu dandeenya. Read more

Kana Raabsi
1 2 3 4 5 8