Fiixee Gaarummaa Irra Ijjachuuf

Gaarummaa jechuun amala/aklaaqa gaarii nama hawwatu qabaachu, hojii gaggaarii hojjachuu fi hojii badaa irraa dheessudha. Faallan gaarummaa gadhummaa ykn fafee, badaa, fokkuudha. Namni tokko gaarummaa qaba yommuu jennu amalli fi hojiin isaa gaariidha jechuu keenya.

Namoonni gaarummaa wantoota baay’ee keessa barbaadu. Gariin isaanii maallaqaa fi qabeenya keessa, gariin immoo beekkamtii argachuu keessa, gariin beekumsa keessa, gariin immoo aangoo fi kkf keessa barbaadu. Kunniin hundii niyyaan (yaanni) duuba jiru gaarii yoo hin ta’in gaarummatti osoo hin ta’in baditti nama geessa. Read more

Iccitiwwan Galii-Kutaa 2ffaa

6.Karaa sirrii irratti fi haala sirriin baasu– namoonni baay’een qabeenya yommuu argatan eessatti fi akkamitti akka baasan hin beekan. Fasaanni (badiin) guddaan addunyaa irratti kan babal’ataa jiru sababa baay’inna qabeenyaatin. Boombii fi nuwkilariin namoota nagahatitti roobsan sababa baay’inna qabeenyatinii mitii? Qabeenya sirnaan yoo itti hin fayyadamiin namtichaaf badii taati. Iccitiwwan galii gaarii itti argatan keessaa tokko qabeenya sirnaan itti fayyadamuudha. Wantuma arganirratti bitteennessu dhiisudha. Qabeenyi amaanaa Rabbiin nama bira kaa’edha. Guyyaa fedhe namarraa fudhata. Qabeenyi kiyya jedhanii akkuma fedhan itti taphachuun of gowwomsuudha. Qabeenya sirnaan fayyadamuuf: Read more

Iccitiiwwan Galii-Kutaa 1ffaa

Galii jechuun soorata namni tokko addunyaa tana keessatti jireenya ofii itti fufsiisuuf argatuudha. Yeroo baay’ee galii maallaqaan wal qabsiisna. Addunyaa tana keessatti jireenya ofii itti fufsiisuuf namni hunduu madda adda addaa irraa galii adda addaa argata. Gariin immoo inumaa kan galii hin qabne jira. Yoo argatan nyaatan, yoo dhaban ni obsan yookiin beelan miidhamuun namoonni du’an manni haa lakkaa’u. Gariin immoo galii ofiitin machaa’un yommuu addunyaa balleessanii fi badii babal’isan argina. Galiin isaani haraama ta’ee halaala ta’ee haajaa itti hin qaban, kan argan hundaa walitti haruudha. Namoota miidhuun qabeenya walitti guuruf fiigu. Hanga yoomi akkanitti walitti haruuf fiigu, hanga yoomi akkanatti nama miidhu? Read more

Daandii Haqaa

Akkuma kutaale darban keessatti jenne daandiin haqaa lama ta’uu hin danda’u tokko qofa malee. Daandiin haqaa tokko ta’uun namatti dhiphachuun namoonni muraasni kan irra deeman osoo hin ta’iin daandii bal’aa dhala namaa guutu keessumeessu danda’uudha. Daandiin kuni nama kamuuf kan ta’uufi kan gahuudha. Daandiin haqaa kuni bal’achuu qofaa mitii ifaa fi qajeelummaan kan guuttameedha. Nama of balleessu fi kufaati mataa ofi irratti fidu barbaade malee eenyullee daandii kan irraa hin goru. Read more

Daandiin haqaa kami laata- kutaa 2ffaa

Torbaan darbee keessa daandiin haqaa maal akka ta’ee fi warroota daandii haqaa irra fagaatan addeessuuf yaalle turre. Daandiin haqaa karaa tokkicha ilmi namaa badii fi adabbii adda addaa irraa baraaramuun nageenya, gammachuu fi milkaa’inna dhugaa galmaan itti gahuudha. Daandiin haqaa karaa ifaa fi qajeela ta’ee kan dukkanni fi jallinni keessa hin jirreedha. Daandiin haqaa rakkoo ilma namaatif furmaata guutu kan qabuudha. Kanaafu daandiin haqaa kamiin akka ta’e hubachuuf faaydaa armaan olii kan irraa argannu yookiin isa keessatti kan argamu ta’uu qaba. Read more

Daandiin Haqaa kami laata?-kutaa 1ffaa

Dhalli nama ka’uumsa tokko irraa ka’ee gahuumsa isaa gahuuf daandii irra adeemu qaba. Daandiin irra deemu kun tarii waan gaarii fi milkaa’innatti isa geessa yookiin immoo badii fi kufaatitti isa geessa. Kanaafu dhalli nama daandii lama irra adeemaa jira jechuudha. Tokkoffaan daandii milkaa’inna fi gammachutti isa geessu, lamaffaan immoo daandii kufaati fi baditti isa geessudha. Read more

Hama Ittisuuf

Yeroo darbee keessatti waa’ee hamaa fi jette jette ilaalchise irratti mari’achuun keenya ni yaadatama. Yeroo baay’ee hamni miidhaa baay’ee akka geessu hubanne irraa fagaachuf hin carraaqnu. İnuma akka madda gammachuutti fudhanna. Namoota lakkoofsa isaani baay’ee xiqqaatu hojii fafee kana irraa fagaata. Hama ittisuuf tarkaanfiwwan fudhachuu qabnu maal fa’aa?

1.Cimanii hojjachuu- Hojii malee taa’un hundee badiiti fi dhiphinnaati. Sammuun hojii gaarii hojjatee of bashanansiisu barbaada. Garuu yoo hojii dhabee akka ibiddaa of gubee fixa,ni cinqama. Read more

Hama-kutaa 2ffaa

Jette jettee (namiimah)

Akkuma kutaa darbee keessatti ilaalu yaalletti jette- jette jechuun namni tokko namoota walitti naquu fi oduu baadhachuun hariiroo isaani balleessuf yommuu adeemudha, hariiroon isaani gaarii fi gammachiisaa ta’ee osoo jiru. Dhugumatti amalli gadheen akkanaa hawaasa keenya garmalee miidhaa kan jiruudha. Haalli namoota lama yookiin garee gaarii taanan jette jette itti fiduun karaa adda addaan isaan diigu barbaada. Niiti fi dhiirsi walitti tollaan waanyoon hanga isaan addaan baastu hirriba hin qabdu. Jette jettee itti guurun isaan addaan bittineessite. Read more

Hama- kutaa 1ffaa

Hamni dhibee hamaa hawaasa kamuu huuba jiruudha. Badiwwan arrabaan dhufan keessa hamni iddoo ol’aana qabata.hamni miidha fi rakkoo hangana hin jedhamne geessa. Mee duraan dursine hamni maal akka ta’e haa ilaallu. Hiikkan isaa maalidha? Hiika isaa yoo hin beekin fi hin hubatin adabbii fi miidha inni fidu irraa baraaramu hin dandeenyu. Read more

Arraba Kee Eeguf- Kutaa 1ffaa

Arrabni foon diimtu baay’ee laaftu, akka feete sochuuti fi dubbiif bu’uura tan taatedha. Arrabni meeshaa dubbiti. Arrabaan ala jechoota sagaleen baasun ni ulfaata. Haasofti arrabaan uumamu nama dubbatu irratti hundaa’e gariin isaani gaarii, gariin isaani immoo badaadha. Waa’ee badii arrabaa ilaalchise wanti baay’ee jedhame, wanti baay’een barreefame garuu dubbii fi barreefamonni sunniin hundii badii arraba keenya dhowwuu danda’aniiru? Eeti badii arraba keenya barreefamni yookiin dubbii namoota biraa kan dhowwuu osoo hin ta’iin matama keenyatu badii arrabaa dhowwuu qaba, matama keenyan arraba keenya lugaamu danda’a. Read more

1 4 5 6 7 8 9