Gufuwwan Tawbaa

Ilmi nama jireenya isaa keessatti badii fi dogongoratti osoo hin kufin hin hafu. Badii fi dogongora kanniin keessaa bahuun jireenya ofii akka foyyefatu balballi tawbaa isaaf baname jira. Carraa kanatti fayyadame yeroon yoo tawbate fi jireenya ofii foyyeesse dhugumatti namni suni qaroodha. Gara biraatin immoo carraa kanatti osoo hin fayyadamin namni hafe, mataa ofii malee eenyullee hin ajiifatu (hin waqqasu).  Fakkeenyaf mootummaan gamoo (kondominiyeemi) ijaare, ergasii namoonni akka fudhataniif carraa bana. Carraan kuni yeroo hundaa kan turu osoo hin ta’in yeroo dhumaa (deadline) qaba. Namni ulaagaale sirrii guute yoo carraa kanatti fayyadame Insha Allah mana san ni argata yoo mootummaan haqaan kan hojjatu yoo ta’e. Namni carraa kanatti osoo hin fayyadamin “boru biiroo nan deema, boru biiroo nan deema“osoo jedhu yeroon jala darbee mataa ofii malee eenyuun ajiifata ree? Read more

Ulaagaalee (Sharxiwwan) Tawbaa

Sharxiwwan (Ulaagaalee) Tawbah
Kutaalee darban keessatti waa’ee tawbah fi istighfaara fi faaydaalee isaanii ilaalaa turreera. Namni hiikaa fi faaydaa isaanii erga beeke, jireenya ofii jijjiruu fi sirreessuf tawbah fi istighfaaran tarkaanfi ni jalqaba. “Hanga yoomi dukkanaa fi dhiphinna keessa jiraadhaa? Hanga yoomi ba’aa badii baadha!” jechuun dukkana fi dhiphinna keessa bahuuf, ba’aa badii ofirraa buuse boqonnaa fi tasgabbii argachuuf ni tattaafata. Namni erga haala kanaan tarkaanfi jalqabe, firii yaade argachuuf uulaagaleen guuttamuu qaban ni jiru. Ulaagaalee kanniin yoo hin guutin abdii kutuun karatti hafuu danda’a. Jalqaba, ulaagaalee ykn sharxiwwan jechuun wanti tokko sirrii ta’uu fi bu’aa buusuf wantoota ykn haala-dureewwan guuttamuu qabaniidha. Tawbaan qulqulluun Rabbiin biratti fudhatamu qabdu fi bu’aa namaaf buustu sharxiiwwan armaan gadii qabdi:

Dabalata Dubbisi

Qulqullinna Qalbii-Kutaa 4ffaa

Marii qulqullinna qalbii Insha Allah har’as kunoo itti fufna. Qalbii qulqulleessun naafa keenya qulqulleessu caalaa iddoo qabachuu qaba. Yoo qalbiin tolte haalli namaa hundi tola. Qalbii qulqulleessun nageenya, tasgabbii, gammachuu fi milkaa’innaaf karaa bana. Namni osoo wal jibbuu, wal waanyu, boonu akkamitti gammachuu fi milkaa’inna dhugaa argachuu danda’aa? Bi iznillah har’as qulqullinna qalbii kutaa itti aanuu waliin mari’anna. Read more

Qulqullina Qalbii-Kutaa 3ffaa

Insha Allah har’as dhukkuba qalbii fi qoricha ishii itti barbaaduf ni carraaqna. Yommuu namni dhukkuba qaamatin qabamuu ‘Ah, na dhukkube, gara mana yaalaa na geessaa, ogeessa natti barbaadaa…’jedhaa mitiree? Kan dhukkuba qalbiitin qabamee hoo maal jedhinna laata? Yeroo baay’ee dhibeen qalbii namatti hin beeksisu. Gadaa dhaloonni itti bade kanatti dhukkuba qalbii namni ofirratti beeke fayyisuuf carraaqu Insha Allah dhugumatti inni nama qaroo fi milkaa’uf carraaqudha. Jijjirama yeroo jedhamuu ‘Keessaa gara alaati’ moo ‘Alaa gara keessati’? Baay’een keenya jijjirama fiduuf ‘alaa gara keessatti’ carraaqa jirra. Kana jechuun keessa keenya osoo hin jijjiriin alaa fi naannoo keenya jijjiruuf carraaqna. Read more

Qulqullinna Qalbii-Kutaa 2ffaa

Yeroo darban keessa dhibeewwan qalbii tuttuuquf yaalle turre. Muraasa isaani maqaa dhoofne turre. Qalbiin yeroo hundaa karaa adda addaatin dhukkubsatti. Garuu qaamni yeroo hundaa kan dhibamu osoo hin ta’in yeroo muraasa. Namni dhibee qalbiitin du’ee dhumni/ga’uumsi isaa nama sodaachisa akkuma kutaa 1ffaa keessatti jenne. Namni dhibee qaamatin du’ee yoo qalbiin isaa qulqulluu taate malkaa’inna ol’aanaa galmaan gaha. Aalimoonni tokko tokko akkana jedhu,”Dhibeen qalbii azaaba(adabbii) Rabbiiti, dhibeen qaamaa immoo rahmata Rabbiiti.” Sababni isaas dhibeen qaama cubbuu namarraa haaqa, dhibeen qalbii immoo cubbuu/badii namatti dabala. Qalbiin namticha yoo dhibamte namtichi cubbuu irratti cubbuu biraa hojjata. Kanaafu qalbii teenya qulqulleessuf carraaqun bu’uura milkaa’inna fi gammachuu jiruu fi jireenya keenyati. Read more

Qulqullinna Qalbii-Kutaa 1ffaa

Qalbii ofii qulqulleessun maaliif barbaachise? Dhukkubni dhukkaba caalu dhukkuba qalbii akka ta’ee sirritti hubanne jirraa sila? Baay’een keenya qalbii teenya irraanfanne jirra. Xurii adda addaa irraa ishii qulqulleessu dhiisne addunyaa qofa jala fiigaa jirra. Galaana duniyaa tana jala lixne jirra. Gaafi qalbii ofii qulqulleessun maaliif barbaachise kan jedhutti yoo deebi’u, qalbii ofii qulqulleessun furtuu milkaa’innaati,tuqaa ka’uumsa jijjiramaati. Namni xurii akka munifiqummaa, of tuuluu, jibbaa, waanyoo, fi kkf irraa of qulqlulleessuf carraaqu dhugumatti ni milkaa’a. Read more

Ofitti Amanamummaa

“Ofitti amanamummaan guutumaan guututti Rabbitti hirkachuu fi Isatti amanuu irraa kan burquudha. Tarkaanfi  hundaa kee keessatti Rabbiin akka si gargaaru beekudha. Yeroo hundaa dadhabaa fi homaa hojjachuu kan hin dandeenye fi hanqinna xixxiqaa irratti of ajiifachuun(blame) yoo duubatti of harkiste,kufaatif saaxilamta.  Yaada Rabbiin haqa malee akka si kunuunse yookin wanta nafseen tee hin dandeenye sirra akka godhe jedhu  gonkumaa of amansiisu hin qabdu. Rabbiin  wanta nafseen baadhachuu hin dandeenye gonkumaa irra hin kaa’u.” – Khurram Murad Read more

1 2 3