Faaydaa fi Mindaa Soomaa

Namni hojii tokko yommuu hojjatu wantoonni isa kakaasanii fi dhiiban jiraachu qabu. Keessattu hojichi hojii nafsee irratti ulfaatu yoo ta’e, kakaa’umsa cimaa barbaachisa. Islaama keessatti wanti nama ajaa’ibu guddaan hojii tokkotti yommuu nama qajeelchu mindaa (ajrii) guddaan nama abdachiisa. Ammas hojii badaa irraa yommuu nama dhoowwu, adabbii badaan nama sodaachisa. Kuni hundii nafseen nama tuni akka qulqullooftu fi sadarkaa ol’aana irra geessu taasisa. Soomni hojiwwan nafsee irratti ulfaatan keessaa tokko waan ta’eef, Islaamni faaydaa fi mindaa sooma irraa argamuun nama abdachiisun kaka’uumsa, injinnoo fi humna namaa dabala. Namoonni faayda fi mindaa soomaa yoo beekan kaayyoo soomaa galmaan gahu. Ta’uu baannan, aadaa godhachuun faayda homaatu osoo irraa hin argatin dabarsu. Qur’aana fi Hadiisa keessatti gabaabbinaanis ta’i dheerinnaan faaydalee fi mindaan soomaa dhufani jiru. Yeroo darbe, aayah waa’ee soomaa dubbattu irratti xinxalline turre. Har’as itti fufuun hadiisota muraasa faayda fi mindaa soomaatin wal qabatan ni ilaalla.

Dabalata Dubbisi
Kana Raabsi

Soomaa fi Ramadaana

Bismillah. Alhamdulillah Rabbil aalamiin. Yommuu Ramadaanni gahu, namoonni of tottolchuu fi of fooyyessuuf ni qophaa’u. Barreefama waa’ee Ramadaana dubbisuuf Google irratti ramadaana ykn sooma jechuun barreessun keessan hin oolu. Sababni kanaa waa’ee Ramadaanaa fi sirrittti irraa fayyadamuuf fedhii waan qabdaniifi miti ree? Alhamdulillah waggoota darban keessatti waa’ee Ramadaana ilaalchise barruulee garagaraa ilaalle jirra. Isaan keessaa; Qophii Ramadaanaa, Ramadaana keessa ramaddi namoota, wantoota sooma balleessanii fi kan biroo. Kana sammubani.com irraa ni argattu. Har’as wantuma duraan barreefame irratti dabaluun yaad-rimee soomaa fi Ramadaanaa ni hubanna.

Dabalata Dubbisi
Kana Raabsi

Ji’a Ramadaanaa

Assalamu aleykum wa rahmatullahi wa barakaatuh. Akkam fayyaa qabdu kabajamtoota hordoftoota keenyaa? Ramadaana, faayda ramadaanaa, walaloo ramadaanaa jechuun interneeti irra akka barbaadaa jirtan WordPress irraa ni argina. Deebii keessan guutullee deebisuu baannu muraasa isaa deebisuuf ni yaalla.  Waggaa kana wanta adda ta’e hojjachuuf karoorfannee jirraa? Yoo hin karoorfatin, barruun armaan gadii ji’a Ramadaanaa keessa akka karoorfannu tooftaa muraasa nutti akeekti. Barruulee bara darbee irraa kan walitti funaanamte fi mata-duree hunda jalatti guduunfan dhiyaate jira. Ji’a Ramadaanaa kana keessa maal jijjiruu barbaannaa? Linkii armaan gadi tuquun buusu dandeessu.

QOPHII RAMADAANAA

http://www.sammubani.com/wp-content/uploads/2018/05/QOPHII-RAMADAANAA.pdf 

Kana Raabsi

Leenjii Ramadaanaa itti Fufsiisuuf

Ramadaanni buufata leenjii ol’aanaa namni tokko jireenya ofii ittiin jijjiratuudha. Ramadaanni tokko darbee ramadaanni biraa yommuu dhufu namni tokko ‘Ramadaana kana keessaa jijjirama maalii ykn akkami agarsiise?’jedhe of gaafachu qaba. Fakkeenyaf Ramadaana baranaa dheebu, beela fi dadhabbii qofaan dabarsine moo jireenya keenya keessatti jijjiramni wayii argamee jiraa? Fkn, salaata sirnaan salaatu, wanta haraamaa dhaabu, qalbiin namaaf rahmata gochuu, dallansuu too’achu fi kkf. Ramadaana kana keessa jijjirama kana fi kan kana fakkaatan yoo argine, jijjirama kanniin itti fufsiisuuf qophiidhaa ree? Jijjirama kanniin itti fufsiisuuf tarkaanfilee kanniin fudhachuu dandeenya. Isaanis; Read more

Kana Raabsi

Ramadaana Keessa Ramaddi Namootaa-kutaa 2ffaa

Ramaddii 7ffaa- Karaa deemaa

Namni karaa deemu imala isaa keessatti tahayyula yoo hin niyyatin, sooma hiikun isaaf ni hayyamama. Garuu tahayyula yoo niyyate, sooma hiikun isarratti haraama. Soomun isarratti dirqama. ( Tahayyula jechuun tooftaa wanta tokko jalaa bahaniin. Karaa deemun ykn biyya biraa deemun sooma jalaa nan baha jedhe yoo niyyate, sooma hiikun isarratti haraama.) garuu namni karaa deemu tahayyula yoo hin niyyatin, yeroo imala isaa filannoo soomu fi sooma hiiku qaba. Read more

Kana Raabsi

Ramadaana Keessa Ramaddi Namootaa-Kutaa-1ffaa

Nama barbaachisummaa (ulaagaalee) kanniin guutef soomni isa irratti dirqama. Ishiin/inni Musliima, aaqila (waa hubachuu kan danda’u) ta’uu, umrii saalfannaa kan gahe ta’uu, fayyaa qabaachu, imala (adeemsa) irra kan hin jirre (iddoo jireenyaa kan jiraatu) ta’uu, dubartiif laguu fi nifaasa (dhiiga dahaa) irraa qulqulluu ta’uu qabdi. Namtichi/ dubartiin barbaachisummaa armaan olii guunnan soomni isa/ishii irratti dirqama fi sirriidha. Dhugumatti ramaddi hundaa tokko tokkoon ilaalun irra gaariidha.  Isin qophiidha? Kanaafu obsaan dubbisaa. Read more

Kana Raabsi

Qophii Ramadaanaa

“Akka lugaatti sooma jechuun wanta tokko irraa of qabuufi hidhuudha. Fakkeenyaf dubbii irraa, nyaata irraa fi kkf irraa of qabuu danda’a.
Akka shari’aatti sooma jechuun fajrii (subii) irraa eegalee hanga aduun seentutti wantoota sooma balleessan irraa of qabuudha. Asitti wanta biraatif kan soomu osoo hin ta’in niyyaan isaa Rabbiin gabbaruuf ta’uu qaba. “ Read more

Kana Raabsi

Piroojektii Ramadanaa

Ramadaanni akka lakkoofsa hijriitti ji’a saglaffaa irratti argama. Ramadaanni ji’a kabajamaa Qur’aanni itti bu’ee fi leylat-ul qadr (halkan ji’aa kuma caaltu) of keessaa kan qabudha. Jinni Ramadanaa ji’aa rahmataa, barakaa fi jaalalaati. Ji’a diinni ilma namaa kan ta’ee sheyxaanni itti hidhamuudha. Sheyxaanni waan hidhamuuf namoonni ibaadatti ka’u, wanta gaariitti fiigu. Read more

Kana Raabsi