Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 8.3
B- Bu’aa Maqaalee Ar-Raaziq, Ar-Razzaaq beeku fi itti amanuun argamuu–Kutaa 2ffaa
3-Sababoota haraama ta’an dhiisu fi rizqiif jedhanii haqa faalleessu dhabuu– Namoonni amantin isaanii yommuu xiqqaatu karaa haraamatin rizqii argachuuf carraaqu. Fakkeenyaaf, hanna, malaamaltummaa, mattaa, gowwoomsu fi kkf. Ammas, yeroo garii namni haqa Islaamaa qabate, yommuu abbaan aangoo haqa akka dhiisu ykn wanta sobaa akka hojjatu ajaju, “Rizqii narraa kuta” jedhee sodaachun haqa dhiisa ykn wanta sobaa hojjata. Namni kana hundarraa baraaramee gammachuu fi milkaa’inna argachuuf, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Ar-Razzaaq akka ta’e mirkaneefachuudha. Rizqiin harka namaa osoo hin ta’in harka Rabbii waan hundaaf rizqii kennuu keessa jira. Haqa akka dhiisaniif diinonni Islaamaa rizqii nama dhoowwachuun sodaachisu. Rizqiin akka waan harka isaanii jiru godhanii yaadu. Qur’aana keessatti ni jedha: