Islaama-Karaa Qajeelaa

Islaamni osoo of hin tuulinii fi Rabbiin waliin osoo homaa hin gabbarin (hin shaarrakin) Rabbiif harka kennu, gadi jechuu fi masakamu waan ta’eef amantii Nabiyyoota hundaati. Nabiyyoonni hundi osoo of hin tuulinii fi Rabbiin waliin waan biraa hin gabbarin (hin shaarrakin) Rabbiif harka kennanii jiru. Yommuu Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Nabii Ibraahimiin (aleyh salaam) akka Isaaf harka kennuu fi ibaadaa Isaaf qulqulleessu ajaju Qur’aana keessatti haala kanaan arganna:

Itti haa fufnu

Ulaagaalee Laa İlaah İll-Allah-Kutaa 3

Islaamni Laa ilaah illallah irratti kan ijaarrameedha. Kanaafi, Islaamni amanti tokkicha haqa ta’eedha, amantiiwwan biroo immoo baaxila. Sababni isaas, Islaamni osoo homaa itti hin qindeessin Rabbii Tokkicha gabbaruutti namoota waama. Wantoota Rabbii olta’aan alatti waaqefataman hunda garmalee balaalefata, guutumaan guututti dhoowwa. Amantiwwan biroo immoo akkanaa miti. Amantiin gariin muka, dhagaa, siidaa fi kkf waaqefachuutti nama waamu. Gariin ilma namaa, malaykoota fi uumamtoota biroo waaqefachuutti nama waamu. Dhugumatti, kuni amantiwwan kunniin baaxila akka ta’an ifaan ifatti mul’isa. Wanta nama hin fayyannee fi hin miine gabbaruun (waaqefachuun) haqa moo soba jettuun yaa jarana? Rabbii Tokkicha waan hundaa beeku, arguu, nama fayyaduu fi miidhu danda’u, rakkoo namarraa deebisuu danda’u qofa gabbaruun haqa sammuun nagaha mormuu hin dandeenyedha. Kanaafi, jechi “Laa ilaah illallah (Rabbiin malee haqaan gabbaramaan hin jiru.” jedhu haqa haqa hunda caaludha. Namni jecha tanaan adabbii Rabbii olta’aa jalaa nagaha baha. Namni jecha tana jedhu adabbii jalaa bahuu fi Jannata seenuuf ulaagaalee guutuu qabu yeroo darbe jalqabne jirra. Har’as itti fufuun kutaa dhumaa ni ilaalla.

Itti Haa fufnu

Ulaagaalee Laa İlaah İll-Allah-Kutaa 2

Kutaa darbe keessatti Tawhiida jechuun Gooftummaa, maqaalee fi sifaataa Rabbii fi ibaadaa keessatti Rabbiin Tokkichoomsudha jennee jirra. “Namni kaafirri gara Islaamaa seenu yoo barbaade tawhiinni wanta jalqabaa inni hojjachuu qabuudha. Tawhiinni karaa tokkicha namoonni amanti Islaamaa itti seenaniidha. Namni amantiin ykn duudhan isaa wanta fedhe haa ta’uu, Musliima ta’uuf jalqaba tawhiida qabachuu qaba. Ragaan kanaa, nabiyyoonni hundu waamichi isaanii jalqabaa gara tawhiidaati. Tawhiinni hundee amantiin irratti ijaarramuudha. Seerri amanti hundi tawhiida booda dhufa. Tawhiidaan alatti amanti irraa homtu sirrii hin ta’u.  Namni tawhiida yoo hin qabaatin, salaanni, zakaan, soomni, hajjiin isaa fi kan biroo hundi sirrii hin ta’u.”  Kana jechuun namni yoo Rabbiin hin tokkichoomsinii fi wanta Isaan ala jiran gabbaruu (waaqefachuu) yoo hin dhiisin, hojiin amanti inni hojjatu hundi isarraa hin fuudhamu. Ragaa kanaa (ilaali suuratu Az-Zumar 39:65) Kanaafu, namni milkaa’u fi adabbii jalaa nagaha bahuu barbaadu “Laa ilaah ill-Allah” beekuf tattaafachu qaba. Har’as itti fufuun jechi tuni nama fayyaduuf ulaagaa (sharxii) guuttamu qaban haa ilaallu.

Itti haa fufnu

Laa İlaah İll-Allah jechuun Maal jechu?-Kutaa-2

Tawhiida
Ji’oota darban keessatti waa’ee tawhiida ilaalun keenya ni yaadatama. Hiika tawhiida, gosootaa fi faayda isaa ilaalle turre. Jechi “Tawhiid” jedhu xumura, wahhada, yuwahhidu jedhu irraa kan fudhatameedha. Wahhada jechuun tokkichoomse, tokkicha godhe jechuudha. Akka shari’aatti tawhiida jechuun “Rabbiin mootummaa fi hojiiwwan Isaa keessatti Tokkicha shariika hin qabne, Zaata fi sifaata (amaloota) Isaa keessatti Tokkicha fakkaataa hin qabne, Isa gabbaruu keessatti Tokkicha dorgomaa hin qabne ta’uu amanuudha.”[1]

Itti Haa Fufnu

Ibsa Maqaalee fi Sifaata Rabbii (Subhaanahu)

“Iimaanni sirrii fi tawhiinni qulqulluun waa’ee Rabbii, maqaalee fi amaloota Isaa ilaalchisee beekumsa sirrii qabaachu irratti hundaa’a. Qalbiif jireenyi, qananiin, gammachuun, nageenyi fi tasgabbiin hin jiru yoo Gooftaa, Gabbaramaa fi Uumaa ishii beektee fi wanta Isaan ala jiran caalaa jaallatama ishii yoo ta’e malee. Namni osoo Rabbitti hin amaniin, beekumsaa fi qajeelcha argachuu hin danda’u. Yoo gara Rabbii isaa hin qajeelin immoo kan dararamuu fi azzabamu (adabamu) ta’a.” Ibsi maqaalee Rabbii (Subhaanahu wa ta’aalaa) hanga danda’ameen kitaaba kana keessatti walitti qabame jira. Buusuf: https://islaama.files.wordpress.com/2020/01/ibsa-maqaalee-fi-sifaataa-rabbii-1.pdf

Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 10.2

B-Bu’aa namni maqaa Rabbii olta’aa, “Al-Haadi” jedhutti amanuun argatu
Kutaalee darban keessatti maqaalee Rabbii subhaanahu wa ta’aalaa keessaa tokko Al-Haadi kan jedhu ilaalle turre. Al-Haadi jechuun Kan uumamtoota hundaa wanta isaan fayyadutti qajeelchuudha. Uumamtoota keessaa uumamtoota muraasa qajeelcha Rabbii olta’aa agarsiisan ilaalle turre. Kanneen akka kannisa, sinbira halkanii, pengu’ini fi qurxummii. Dhugumatti, umamtoonni kunniin Rabbiin olta’aan waan hundaa irratti danda’aa ta’e akkamitti akka isaan qajeelche nutti mul’isu.

Itti Fufi…
1 2 3 4 5 12