Xahaaraa fi salaata nama rakkoo fincaanii fi dhiigaa qabuu

Gaafii: Coccobni fincaanii akka narraa bahuu natti dhagahama. Waa’ee salaataa ilaalchisee nan gaafadhe. “Waqtii salaata hundaaf wudu’adhuu hanga feete salaati. Waqtiin salaataa biraa yoo seene wudu’aa haarawa wudu’adhu” jedhame. Gaafin kiyya kana: Waqtiin salaataa seenun dura wudu’achuun naaf hayyamama? Fakkeenyaf Masjiida keessatti salaata jama’aa dhaqqabachuuf. Yeroo manaa bahe iddoo jireenyaa irraa fagoo ta’u, wudu’a salaata waqtiin isaa gaheen salaatu nan danda’aa? Yoo suni hin hayyamamiin, uffata jalaa qulqulleessuu fi wudu’a godhee salaatuf maal gochuu qabaa? Wudu’a tokkoon salaata dheeraa kan akka Ishaa’i ergasii taraawii salaatu nan danda’a? Jazakumullahu kheyran…

Read more

Sharxiwwan (ulaagaalee) Salaataa

Salaanni utubaalee Islaamaa keessaa sadarkaa lamaffaa irratti kan argamuudha. Salaanni Gooftaa fi gabricha kan wal-qabsiisudha. Gargaarsa fi araarama Rabbiin irraa kan barbaadan salaata salaatuni. Osoo salaanni jiraachu baate silaa jireenyi tuni dhama (mi’aa) dhabdi. Salaanni qalbiif tasgabbii, qaamaf jabeenya, hawaasaf nageenya ta’a. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala Qur’aana keessatti ni jedha: Read more

Arkaana Salaataa

Arkaana (rogoota) salaataa yommuu jennu salaatatti erga seenanii booda wantoota dirqamaan guuttamu qabanii jechuudha. Wantoonni kunniin yoo hafan akka shari’aatti salaanni guutuu hin ta’u. Shuruuxa fi Arkaana akka walitti hin naqne. Shuruuxa yommuu jennu salaatatti seenun dura hal-dureewwan guuttamuu qaban yommuu ta’uu harkaanni salaataa immoo erga salaatatti seenanii booda ulaagaalee guuttamu qabaniidha. Read more

Zikrii-Furtuu Gammachuu-Kutaa 3

Waa’ee zikrii ilaalchise torbaan darbe irraa itti fufuun kutaa dhumaa har’a ni ilaalla. Zikriiwwan kanniin irraa namni tokko bu’aa argachuuf guyyaa guyyaan shaakaluuf carraaqu qaba. Hanga danda’en kan shaakalu yoo ta’e mi’aa zikrii suutuma suutan argaa adeema. Zikrii armaan gadii buusun (downlod gochuun) haala namatti toluun dubbisuu yoo barbaaddan, linkii kana tuqaa http://www.sammubani.com/wp-content/uploads/2017/12/ZIKRII1.pdf Read more

Zikrii-Furtuu Tasgabbii-kutaa-2ffaa

Torbaan darbee faayda fi sadarkaalee zirkii ilaalle turre. Yaadachisaf, zikriin bu’aa fi faaydan isaa lakkawamee hin dhumu. Namuuma itti fayyadametu mi’aa isaa dhandhama. Namoonni zikrii baay’isan, nageenyi fi tasgabbiin qalbii isaanii uwwisa. Namoonni yommuu gaddanii fi nuffan, warroonni zikrii godhan gammachuun jiraatu. Bakka deeman hundatti zikriin afaanii hin bu’u. Yommuu isaan zikrii dhiisan qalbiin isaanii akka qurxummii bishaanii baate taati, tasgabbii dhabu, ni jeeqamu. Rakkoo fi dhiphinna kana hunda jalaa bahuuf dafanii gara zikrii dheessu. Dhugumatti gamnooni namoota kanniini!  Read more

Zikrii-Furtuu Milkaa’innaa-kutaa-1

Namni osoo dhimma zikrii sirritti itti xinxallee fi hojii irra oolche, furtuu fi wiirtuun milkaa’innaa zikrii keessa akka jiru ni arga. Zikrii jechuun maal jechuudhaa?
Akkuma hayyoonni Islaama hiikan zikrii jechuun Rabbiin faarsu, qulqulleessu fi amaloota guutun Isa wassafuu (ibsuu) irraa wanta arrabaa fi qalbii irra yaa’u (darbuu)dha. Fakkeenyaf, subhaanaAllah (Rabbiin qulqullaa’e) jechuun zikrii (yaadannoo) dha. Rabbiin ni jedha:
Ana yaadadhaa, Anis isiniin yaadadhaa. Galataa Naaf galcha, Nattis hin kafarinaa.” Suuratu Al-Baqara 2:152
Read more

Naamusa Du’aayi-Kutaa 2ffaa

Naamusa du’aayi kutaa darbe irraa itti fufuun ammallee In sha Allaah ni ilaalla.

7.Cubbuu fi balleessaa ofii amanuu– naamusa du’aayi keessaa tokko cubbuu fi hanqinna ofii Uumaa fuunduratti amanuudha. Yommuu balleessa fi hanqinna kee amanuun qalbiin tee Rabbiin fuunduratti cabdu, du’aayin tee deebii argachuu carraa guddaa qabdi. Kanaafi, du’aayin araaramaaf kadhatan, balleessaa fi hanqinna ofii amanuu kan of keessaa qabuudha. Sayyidul istighfaar- Read more

1 2