Zikrii-Furtuu Gammachuu-Kutaa 3

Waa’ee zikrii ilaalchise torbaan darbe irraa itti fufuun kutaa dhumaa har’a ni ilaalla. Zikriiwwan kanniin irraa namni tokko bu’aa argachuuf guyyaa guyyaan shaakaluuf carraaqu qaba. Hanga danda’en kan shaakalu yoo ta’e mi’aa zikrii suutuma suutan argaa adeema. Zikrii armaan gadii buusun (downlod gochuun) haala namatti toluun dubbisuu yoo barbaaddan, linkii kana tuqaa http://sammubani.com/wp-content/uploads/2017/12/ZIKRII1.pdf Read more

Zikrii-Furtuu Tasgabbii-kutaa-2ffaa

Torbaan darbee faayda fi sadarkaalee zirkii ilaalle turre. Yaadachisaf, zikriin bu’aa fi faaydan isaa lakkawamee hin dhumu. Namuuma itti fayyadametu mi’aa isaa dhandhama. Namoonni zikrii baay’isan, nageenyi fi tasgabbiin qalbii isaanii uwwisa. Namoonni yommuu gaddanii fi nuffan, warroonni zikrii godhan gammachuun jiraatu. Bakka deeman hundatti zikriin afaanii hin bu’u. Yommuu isaan zikrii dhiisan qalbiin isaanii akka qurxummii bishaanii baate taati, tasgabbii dhabu, ni jeeqamu. Rakkoo fi dhiphinna kana hunda jalaa bahuuf dafanii gara zikrii dheessu. Dhugumatti gamnooni namoota kanniini!  Read more

Zikrii-Furtuu Milkaa’innaa-kutaa-1

Namni osoo dhimma zikrii sirritti itti xinxallee fi hojii irra oolche, furtuu fi wiirtuun milkaa’innaa zikrii keessa akka jiru ni arga. Zikrii jechuun maal jechuudhaa?
Akkuma hayyoonni Islaama hiikan zikrii jechuun Rabbiin faarsu, qulqulleessu fi amaloota guutun Isa wassafuu (ibsuu) irraa wanta arrabaa fi qalbii irra yaa’u (darbuu)dha. Fakkeenyaf, subhaanaAllah (Rabbiin qulqullaa’e) jechuun zikrii (yaadannoo) dha. Rabbiin ni jedha:
Ana yaadadhaa, Anis isiniin yaadadhaa. Galataa Naaf galcha, Nattis hin kafarinaa.” Suuratu Al-Baqara 2:152
Read more

Naamusa Du’aayi-Kutaa 2ffaa

Naamusa du’aayi kutaa darbe irraa itti fufuun ammallee In sha Allaah ni ilaalla.

7.Cubbuu fi balleessaa ofii amanuu– naamusa du’aayi keessaa tokko cubbuu fi hanqinna ofii Uumaa fuunduratti amanuudha. Yommuu balleessa fi hanqinna kee amanuun qalbiin tee Rabbiin fuunduratti cabdu, du’aayin tee deebii argachuu carraa guddaa qabdi. Kanaafi, du’aayin araaramaaf kadhatan, balleessaa fi hanqinna ofii amanuu kan of keessaa qabuudha. Sayyidul istighfaar- Read more

Maalummaa Du’aa’ii

Piroojekti ‘Du’aayi’ jedhu torbaan baay’eef turuu kan danda’u qabachuun har’a waa’ee du’aayi ilaaluuf carraaqna. Dhugumatti du’aayin furtuu milkaa’innaa keessaa tokko. Garuu namoonni baay’een furtuu kanatti fayyadamanii balbala milkaa’innaa fi gammachuu banachuu hin dandeenye. Maaliif banachuu dadhabanii? Sababni isaa maaliidhaa? Akkuma furtuun ilkaan qabu, du’aayinis ilkaan qaba. Ilkaan san sirritti qaranii jiru? Ilkaan sunniin maal akka ta’e sirritti beekani jiru? In sha Allaah gaafile kanaa fi kkf waa’ee du’aa’i ilaalchise walumaan ilaalla. Barreefamni waa’ee du’aa’i ilaalchise asitti barraa’u kitaaba “Du’a The Weapon of the Believer” jedhamu irraa fudhatama. Read more

Zikrii fi Du’aayi Salaataa

Salaanni utubaalee Islaama shanan keessaa tokkoodha. Salaanni wal-qabsiistu Gooftaa fi gabricha jidduu jirtuudha. Wal-qabsiistun tuni yoo citte gabrichi Gooftaa isaatirraa citaa jechuudha. Gooftaa isaatirraa fagaachun diina isaa kan ta’e sheyxaanatti hiriyyooma. Tuni hiriyummaa akkam fokkattee! Salaata dhiisun kasaara fi hoongoo akkamii!! Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:

Yaa warra amantan! Qabeenyi keessanii fi ilmaan keessan zikrii Rabbii irraa isin hin dagin. Namoonni kana dalagan isaanumatu hoonga’oota.” Suuratu Al-Munaafiqun 63:9 Read more

1 2