Itti Fayyadama

Akkaataa Websaayitii fi Aplikeeshinii kana itti fayyadaman haala armaan gaditiin ibsuu dandeenya.

1-Mallatoolee fi gabajeewwan barreefama keessatti itti fayyadamnu:
Mallattoo hammattuu loxee ()– mallattoo hammattuu jecha ykn hima tokko ibsuuf “yookiin”if itti fayyadamna. Fakkeenyaaf, Abdiin laaqana (dhiyana) nyaate. Asitti mallattoon hammattuu jecha “yookiin” jettu bakka buuti. Kuni jechaaf ibsa ykn hiika ta’a.
Mallattoo hammattuu saanduqaa []– Afaan biraa irraa gara Afaan Oromootti hima tokko yommuu hiiknu, jecha afaanicha san keessa hin jirre itti guutuuf itti fayyadamna. Kuni immoo seera lugaa Afaan Oromoo akka eeguu fi hima guutuu taasisa. Mallattoon tuni bakka “Yookiin” hin buutu.

Gabajee (abbreviation)– jechuun jechoota dheeroo qubeewwan muraasan gabaabsudha.
Yookiin=ykn, fakkeenyaaf=fkn

Kontofataa (acronym)jechuun jechoota hundarraa qubee jalqabaa fudhachuun jechoota baay’ee qubee muraasan ibsuudha.
kkf=kan kana fakkaatan, SAW=Sallallahu aleyh Wassallam-nageenyi fi rahmanni Rabbii isarratti haa jiraatu. Kuni yeroo maqaan Nabii Muhammad (SAW) kaafamu jedhama.

2-Barruu tokko Download gotanii offline dubbisuu yoo barbaaddan, sammubani.com keessa seenun mallattoo gara gubbaa ykn gara jalaa barruutti argamtu “Download PDF” jedhu tuqaa.

3-Aplikeeshinii yoo fayyadamtanii fi offline dubbisuu yoo barbaaddan, osoo online irra jirtanuu barruu banaa. Ergasii mallattoo save gara gubbaatti argamtu tuqa. Mallattoon “Save” mallattoo share cinaatti argamti. Fakkii armaan gadii irra ilaalu dandeessu.

4-Erga barruulee barbaaddan save gootanii booda, duubatti deebi’uun sararoota sadan Mandhee/Home cinatti argamu tuqaa. San booda, “Barruu Olkaa’ame” tuquun barruu save gochaa turtan offline dubbisuu dandeessu.

5-Barruun haarofti yommuu maxxanfamuu fi fesbuukii irratti yoo isiniif bahuu dide, gara Aplikeeshinii kanaa dhufuun gadi harkisaa. Yoo barruun maxxanfame, barrichi ni dhufu. Yoo hin maxxanfamin, hin dhufu. Hanga barruun haarofti maxxanfamu obsaan eegaa.

Gaafi fi rakkoo isin qunnameef gaafachuu irraa duubatti hin harkifatinaa. Takkaa gara Fesbuukitiin takkaa gara emeelitiin gaafachu dandeessu.
Feesbuuki: https://www.facebook.com/jireenyabadhaatu/
Email: sammubani@hotmail.com
Linkii Aplikeeshinii: https://play.google.com/store/apps/details?id=mobi.androapp.sammubani.c6937
Linki websaayiti: http://sammubani.com

Print Friendly, PDF & Email