Kitaabban

Offline dubbisuf

1.Rabbitti Amanee (Aamantu Billahi)

Rabbii Guddaa Olta’e, wantoota hundaa kan uumee fi jiraachisutti amanuun hundee amantii fi jireenyaati. Namni Rabbii isa uumee fi kunuunsutti yoo amanee fi gabbare, jireenya gammachuu fi tasgabbii jiraata. Ta’uu baannan, jireenya gammachuu fi tasgabbii hin qabne gaggeessa. Hanga fedhe qabeenyaa haa qabaatu, qabeenyi isaa sodaa, dhiphinnaa fi jeequmsa isarraa hin oofu. Barruun armaan gadi Rabbitti amanuuf tan nama gargaartudha:

    Buusi(Download)
        

2. Tawhiida

Waa’ee Tawhiida ilaalchisee barruulee hanga ammaa ilaalle haala kitaabatin kunoo isiniif dhiyaatanii jiru. Linkii kana tuquun buusu dandeessu:

    Buusi(Download)
        

3. Isin keessa Mallattoo jira, itti hin xinxallitanii?

Rabbii uumama namaa biyyee irraa jalqabeef galanni haa galu. Ergasii sanyii namaa bishaan dadhabaa irraa uumuun horteen isaanii akka itti fufuu taasise. Dhiiraa fi dhalaa taasisuun uumama namaatiif sababa akka ta’an godhe. Garuu kan uumuu, suuraa namaa sirreessu fi baraachessu Rabbii Tokkicha fakkaataa fi hiriyyaa hin qabneedha. Uumamni nama uumama ajaa’iba Tokkichummaa, Dandeetti, beekumsaa fi Ogummaa Rabbii olta’aa agarsiisuudha. Namni uumama xiqqaa wanti baay’een isa keessa jiruudha. Saayintistoonni uumama kana qorachuun guutumaan guututti beeku hin dandeenye. Wanti isaan hanga ammaa beekan wanta xiqqoodha malee wanta guutuu ta’ee miti. Saayintistoonni uumama namaa kana qoratanis, ijaarsi namaa kuni wanta ofiin of ijaaruu fi tasa ta’uu osoo hin ta’in duubaan Humni Guddaan isa ijaaru akka jiru ni amanu. Hundema wanti akkanatti xaxamaa ta’ee fi tartiiba isaa qabate gonkumaan ofiin of ijaaru hin danda’u. Kanaafu, kuni hundi gara Rabbii olta’aa akeeku. Asi gadiitti barruulee waa’ee uumama namaa sammubani.com irratti barraa’an walitti qabamuun haala kitaabatiin dhiyeefamanii jiru. Buusuf linkii tana tuqaa:

    Buusi(Download)
        

4.Kaayyoo Uumama Ilma namaa

Namni kaayyoo uumameef beeke jireenya keessa yoo tarkaanfate, dukkana keessaa bahuun ifaa fi gammachuu keessa jiraata. Kitaabni armaan gadii dukkana saaqun ifa wayii namaaf ibsa. Download gochuuf linkii kana tuqaa:

     Buusi(Download)
         

5. Barzakha fi Guyyaa Qiyaamaa

Faaruu fi galanni hundi kan Rabbii olta’aati. Nageenyi fi rahmanni Ergamaa 
Rabbii irratti haa jiraatu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa addunyaa tana iddoo qormaata taasise. Namoonni iddoo qormaataa tana keessatti yeroo muraasaaf erga qoramanii booda gara iddoo turtii (qabriitti) darbu. Iddoo turtii kana keessa hanga umriin addunyaa tuni xumuramu ni turu. Yommuu umriin addunyaa xumuramu, samii, dachii fi wantoonni isaan lamaan keessa jiran diddigamuu fi jijjiramu eegalu. Guyyaan wantoonni kunniin itti raawwataman Guyyaa Qiyaamaa jennaan. Guyyaan Qiyaamaa kuni Guyyaa namoonni wanta hojjataa turaniif itti qoratamaniidha. Qorannoo booda takkaa Jannata qananii keessa qubatu, takkaa 
immoo adabbii Jahannam keessa seenu. Kitaabni armaan gadii hanga ta’ee waa’ee Guyyaa Qiyaamaa ni dubbata:

    Buusi(Download)
        

6. Akkaataa Qur’aanni itti buufamee fi Walitti Qabame

Ilmi namaa jireenya keessatti qajeelchaa isa barbaachisa. Qajeelchi kunis dogongora kan hin qabnee fi gammachuuf milkaa’innatti kan isa baasu ta’uu qaba. Namni hanga fedhe beekumsaa fi dandeetti haa qabaatu, beekumsi isaa hanquu waan ta’eef kitaaba ilma namaa hundaaf qajeelfama ta’uu barreessu hin danda’u. Kanaafu, namni kitaaba qulqulluu dogongora irraa bilisa ta’e, gammachuu fi milkaa’innatti isa qajeelchu eessaa argachuu danda’aa? Dhugumatti, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilmaan namaa hundaa kan uumeedha. Haala isaanii, wanta isaan fayyaduu fi miidhu hunda ni beekaa. Beekumsi Rabbii guutuu waan ta’eef hojii hojjatu keessatti gonkumaa hin dogongoru. Kanaafu, kitaabni dhugaan gara gammachuu fi milkaa’innatti nama baasu danda’u Kitaaba Rabbiin irraa bu’eedha. Akkaata Qur’aanni itti buufamee fi walitti qabame sammubani.com irratti ilaalaa turreerra. Barruuleen sunniin walitti qabamuun kunoo haala kitaabaatiin dubbistootaaf dhiyeefamanii jiru. Liinki armaan gadi tuquun kitaaba kana buusu dandeessu:

    Buusi(Download)
        

7. Iisaan (Iyyasuus)-(Nageenyi isarratti haa jiraatu ) Eenyuu?

Iisaan (nageenyi isarratti haa jiraatu) nabiyyii kabajama Islaamaa keessatti bakka guddaa qabuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Dandeetti Isaa ifa baasuuf namoota haala afuriin uume. 1ffaa- Nabiii Aadamiin abbaa fi haadha malee biyyee irraa uume. 2ffaa-Hawwaa dubartii malee dhiira qofarraa uume.3ffaa- Ilmaan Aadam immoo haadhaa fi abbaa irraa uume. 4ffaa- dhiira malee Iisaa dubartii qofa irraa uume. Kanaafu, Nabii Iisaan dubarti qofa irraa uumamuun gooftaa ykn ilma gooftaa isa hin taasisu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Dhugumatti, Rabbiin biratti fakkeenyi Iisaa akka fakkeenya Aadami. Biyyee irraa isa uume. Ergasi ta’i isaan jedhe. Innis yoma san ta’e. Dhugaan (Haqni) Gooftaa kee irraayyi; kanaafu shakkitoota irraa hin ta’in.” (Suuratu Aali-Imraan 3:59-60) 

Akkuma Rabbiin Aadamiin haadha abbaa malee uumee, Iisaas abbaa malee uumuu irratti danda’aadha. Kan nama abbaa fi haadha malee uumee akkamitti abbaa malee nama uumuu dadhabaa? Akkuma Aadamin biyyee irraa ta’i jechuun uumee, Nabii Iisaas ta’i jechuun uumee. Kanaafu, Iisaan makhluuqa (uumamaa)dha malee Uumaa miti. Kitaabni armaan gadii waa’ee Iisaa (aleyh salaam) hamma ta’ee ni dubbata:

    Buusi(Download)
        

8. Tawbah-Karaa dhiphinnaa fi gadda keessaa gara bal’innaa fi gammachuu itti bahan

Jireenya keessatti namoonni sababa adda addaa irraa kan ka’e rakkinnaa fi dhiphinna keessa jiraatu. Namoonni gariin sababa kana beekun furmaata barbaadatu. Gariin immoo akkasumatti haaluma keessa jiran itti fufu. Sababoota rakkinnaa fi dhiphinna namatti fidan keessaa guddaan badii hojjachuudha. Badii kana irraa qulqulla’anii jireenya gammachuu jiraachuuf furmaanni guddaan tawbahdha. Waa’ee tawbah ilaalchise kitaabni armaan haala gaariin ibsa. Downlod gochuun itti fayyadamuu dandeessu:

    Buusi(Download)
        

9. Gaa’ila (Fuudhaa Heeruma) Islaamaa

Jireenya tana keessatti lubbuu qabeenyin yommuu cimdiin walitti dhufan wal horu. Osoo cimdiin kuni jiraachu baate silaa wal hormaanni hin adeemsifamu ture. Dhalli namaa uumamtoota biroo irraa adda ta’uun karaa kabajamaa fi jaallatamaa ta’een akka wal horan Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) seera ka’e. Kuni kan agarsiisu kabaja Rabbiin ilma namaatiif kenneedha. Akka horii walitti dhufuun akkuma argan hin ta’an. Karaan seera-qabeessa isaan walitti dhufan karaa gaa’ilaatin ykn fuudhaa heerumatin. Jechoonni gaa’ila, fuudhaa heeruma, nikaah fi kkf yommuu gurra irra bu’an, dargaggoonni fi shamarran ni mirqaanu. Sababni isaas, fedhii uumamaa keessa isaanii jiru karaa ittiin guuttataniidha. Gaa’illi seera mataa ofii qaba. Akkanumatti lafa olka’anii kan itti deemanii miti. Kitaaba kana keessatti, waa’een gaa’ila (fuudhaa heeruma) Qur’aanaa fi hadiisa wabii godhachuun haala salphaan ibsame jira. Linkii kana tuquun buusu dandeessu:

    Buusi(Download)
        

In sha Allah kitaabban dabalataa asitti ni maxxanfamu…

Offline dubbisuf

7 comments

Leave a Reply