Tafsiira Suuratu Az-Zumar-guutuu

Suuran (boqonnaan) tuni suuratu Az-Zumar. Suurah bareeddu nama hawwattu, nama itti dukkanaa’e tan abdachiistu, nama gaflaa keessatti lixee of dagate tan dammaqsitu, nama beekumsaaf dheebote beekumsa akka dammaa mi’aawaa fi akka aannanii namatti tolu tan nama obaastu, Suuratu az-Zumar. Nama jijjirama barbaadeef kunoo tafsiira (ibsa) suuratu Az-Zumar. Buusuf linki kana tuqaa: https://sammubani.files.wordpress.com/2020/03/tafsiira-suuratu-az-zumar.pdf

Seerota Rabbii (S.W) keessaa-seera rakkoon, dhibeen… namoota qabuu

Addunyaan tuni akkanumatti uumamte tan dagatamte osoo hin ta’in seera ittiin bulmaataa qabdi. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa addunyaa tana keessa seerota Isaa hin jijjiramne kaa’e jira. Namni seerota kanniin beekee itti bulee, rakkoo fi adabbii hangana hin jedhamne keessaa baha. Namni kana dide immoo rakkoo fi adabbii cimaaf of saaxila. Dhibeen koronaa yeroo ammaa addunyaa haguuge kuni seera Rabbii olta’aa kan hordofuudha. Sababni isaas, vaayrasini kuni wanta lubbuu qabu waan ta’eef Rabbiitu isa uume, seera Isaatiif masakama. Kanaafu, mee har’a madda sirrii irraa seera kana haa barannu.

Itti Haa Fufnu

Ulaagalee nama Muslimaa dhuunfaa kafarsiisuu

Nama Musliimaa tokko kafarsiisanii Islaama keessaa baasun dhimma salphaa miti. Kutaa darbe keessatti kafarsiisu wali galaatii fi kafarsiisuu adda baafame jechuun ilaalle turre. Kafarsiisuun wali galaa “Namni kana hojjate kafare” jechuun haala wali galaati fi dimshaashan dubbachuudha. Kafarsiisuun adda baafame immoo nama dhuunfaa tokko ykn garee tokko addatti baasun “Ati kafarte ykn isaan kafaran” jechuudha. Muslima keessaa nama dhuunfaa kafarsiisuuf ulaagaaleen guuttamu qaban ni jiru. Namni ulaagaalee kanniin osoo hin ilaalin nama Muslimaa kafarsiisutti fiigu hin qabu. Mee ulaagaale kanniin haa ilaallu.

Itti Fufi

Kafarsiisu wali galaati fi kafarsiisu adda baafame

Garaagarummaa Kafarsiisu wali galaati fi kafarsiisu adda baafame
(Kafarsiisuu wali galaa jechuun osoo nama dhuunfaa tokko adda hin baasin, haala wali galaatin “Namni hojii akkanaa hojjate ni kafara, namni kana hojjate kafaree jira” jechuun dubbachuudha. Kafarsiisuun adda baafame immoo nama dhuunfaa hojii kufrii hojjate tokkotti dhufuun, “Ati kafarte” ykn fagoo irraa eenyummaa isaa adda baasun “inni kafaree jira.” jechuudha.)

Itti Haa Fufnu

Akkuma iimaanni dubbii fi hojiin ta’u, kufriinis dubbii fi hojiin ta’a

Iimaanni dubbii fi hojii erga ta’e, kufriinis dubbii fi hojii ta’a. Kijibsiisuun dubbii qalbii kan ta’e “dhugoomsu” waan faallessuuf kufridha. Islaama jibbuun hojii qalbii kan ta’e “jaalala” waan faallessuuf kufriidha. Dubbiin arrabaas iimaana faallessu kan akka Rabbii olta’aa arrabsuu kufriidha. Ammas, hojiin qaamolee amanti keessaa nama baasan kan akka siidaaf sujuudu kufriidha.

Itti Haa Fufnu
1 26 27 28 29 30 80