Tafsiira Suuratu As-Sajdah-Kutaa 4
Rabbiin (subhaanahu) osoo fedhe nafsee hundaafu qajeelcha ni kennaa ture. Garuu ilmaan namaatiif amaloota kanniin kennuun iddoo qormaata isaan kaa’e. Amaloonni kunniin: fedhii, sammuu ittiin waa hubatuu fi dandeettidha. Iddoon qormaataa addunyaa tana. Namni fedhii ofiitiin karaa qajeelinnaa ykn jallinnaa filachuu danda’a. Garuu dhumarratti bu’aa filannoo isaa ni argata. Namni karaa qajeelaa filachuun waan gaarii hojjate, Rabbiin subhaanahu isa gargaaruun Jannata isa seensisa. Namni karaa jallinnaa filatee hanga du’aatti karaa qajeelaatti deebi’u dide immoo gahuumsi isaa ibidda Jahannam ta’a. Kanaafu, addunyaa qormaataa tana keessatti namoonni filannoo ofiitiin bakka lamatti qoodamanii jechuudha: 1ffaa-mu’mina karaa qajeelaa filatee Gooftaa isaatiif ajajamu, 2ffaa-Kaafira karaa jallinnaa filatee Gooftaa isaa faallessu. Rabbiin osoo fedhee namoota hundaa ni qajeelchaa ture. Garuu Inni kana hin feene. Inni hundarra beeka, wanta hojjatuuf hin gaafatamu.
Itti Haa Fufnu