Ramadaana Keessa Ramaddi Namootaa-kutaa 2ffaa

Ramaddii 7ffaa- Karaa deemaa

Namni karaa deemu imala isaa keessatti tahayyula yoo hin niyyatin, sooma hiikun isaaf ni hayyamama. Garuu tahayyula yoo niyyate, sooma hiikun isarratti haraama. Soomun isarratti dirqama. ( Tahayyula jechuun tooftaa wanta tokko jalaa bahaniin. Karaa deemun ykn biyya biraa deemun sooma jalaa nan baha jedhe yoo niyyate, sooma hiikun isarratti haraama.) garuu namni karaa deemu tahayyula yoo hin niyyatin, yeroo imala isaa filannoo soomu fi sooma hiiku qaba. Read more

Ramadaana Keessa Ramaddi Namootaa-Kutaa-1ffaa

Nama barbaachisummaa (ulaagaalee) kanniin guutef soomni isa irratti dirqama. Ishiin/inni Musliima, aaqila (waa hubachuu kan danda’u) ta’uu, umrii saalfannaa kan gahe ta’uu, fayyaa qabaachu, imala (adeemsa) irra kan hin jirre (iddoo jireenyaa kan jiraatu) ta’uu, dubartiif laguu fi nifaasa (dhiiga dahaa) irraa qulqulluu ta’uu qabdi. Namtichi/ dubartiin barbaachisummaa armaan olii guunnan soomni isa/ishii irratti dirqama fi sirriidha. Dhugumatti ramaddi hundaa tokko tokkoon ilaalun irra gaariidha.  Isin qophiidha? Kanaafu obsaan dubbisaa. Read more

Qophii Ramadaanaa

“Akka lugaatti sooma jechuun wanta tokko irraa of qabuufi hidhuudha. Fakkeenyaf dubbii irraa, nyaata irraa fi kkf irraa of qabuu danda’a.
Akka shari’aatti sooma jechuun fajrii (subii) irraa eegalee hanga aduun seentutti wantoota sooma balleessan irraa of qabuudha. Asitti wanta biraatif kan soomu osoo hin ta’in niyyaan isaa Rabbiin gabbaruuf ta’uu qaba. “ Read more

Sammuu Kee Qaruuf

Torbaan darbee wantoota sammuu doomsanii fi hadoochan ilaalle turre. Yaadachisaaf wantoonni sammuu hadoochanii fi doomsan cubbuu keessatti lixu keessummaayyu shirkii, zinaa, maastarbeshiin, hamii fi kkf. Akkasumas araadonni akka fiilmi, alkooli, sigaara, caati fi kkf sammuu hadoochu fi qawwasiisu keessatti bakka ol’aanaa qabatu. Sammuun qabeenya qaalii takkaa hojiin ala taanan deebisuun garmalee ulfaatudha. Sammuu keenya badii irraa eeguf maal gochuu qabnaa? Sammuun keenya yoo doome akkamitti qaruu dandeenyaa? Mee har’a karaalee sammuu keenya itti qarruu muraasa isaanii haa ilaallu. Read more

Farra Sammuu

Sammuun motora ilma namaati. Motorri kuni yoo hojiin ala ta’ee namni guutun suni hojiin ala ta’a. Motora kana yeroo hundaa boba’aa itti qicu (guutu), kunuunsu fi badii irraa eegu barbaachisa. Abbichi motora ofii kana yoo hin kunuunsin, miidhaf of saaxila. Wanti isin ajaa’ibsiisu sammuun ilma namaa motoras, jeneretaras. Garaagarummaan kanniin lamaani maalii? Read more

Zikrii fi Du’aayi Salaataa

Salaanni utubaalee Islaama shanan keessaa tokkoodha. Salaanni wal-qabsiistu Gooftaa fi gabricha jidduu jirtuudha. Wal-qabsiistun tuni yoo citte gabrichi Gooftaa isaatirraa citaa jechuudha. Gooftaa isaatirraa fagaachun diina isaa kan ta’e sheyxaanatti hiriyyooma. Tuni hiriyummaa akkam fokkattee! Salaata dhiisun kasaara fi hoongoo akkamii!! Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:

Yaa warra amantan! Qabeenyi keessanii fi ilmaan keessan zikrii Rabbii irraa isin hin dagin. Namoonni kana dalagan isaanumatu hoonga’oota.” Suuratu Al-Munaafiqun 63:9 Read more

Daandii Milkaa’innaa fi Gammachuu-Lakk.17

Barruun tuni barreefamoota gaggabaabo ji’a Onkololeessa (October) 2016 fuula Fesbuuki Jireenya Badhaatu irraa walitti funaannamtedha.

“Wantoota namoota balleessan sadii irraa fagaadhu, wantoota sadan nama baraaran sirritti qabadhu.
Wantoonni nama balleessan sadan: fedhii duwwaa hordofuu, of dinqisifachuu (ujb) fi garmalee haafayu.
Wantoonni sadan nama baraaran: Rabbiin iccitii fi ifatti sodaachu, yeroo dallansuu haqa ta’u, yeroo durummaa fi hiyyummaa madaallamaa ta’u.” Read more

1 31 32 33 34 35 43