Qulqullinna Qalbii-Kutaa 2ffaa

Yeroo darban keessa dhibeewwan qalbii tuttuuquf yaalle turre. Muraasa isaani maqaa dhoofne turre. Qalbiin yeroo hundaa karaa adda addaatin dhukkubsatti. Garuu qaamni yeroo hundaa kan dhibamu osoo hin ta’in yeroo muraasa. Namni dhibee qalbiitin du’ee dhumni/ga’uumsi isaa nama sodaachisa akkuma kutaa 1ffaa keessatti jenne. Namni dhibee qaamatin du’ee yoo qalbiin isaa qulqulluu taate malkaa’inna ol’aanaa galmaan gaha. Aalimoonni tokko tokko akkana jedhu,”Dhibeen qalbii azaaba(adabbii) Rabbiiti, dhibeen qaamaa immoo rahmata Rabbiiti.” Sababni isaas dhibeen qaama cubbuu namarraa haaqa, dhibeen qalbii immoo cubbuu/badii namatti dabala. Qalbiin namticha yoo dhibamte namtichi cubbuu irratti cubbuu biraa hojjata. Kanaafu qalbii teenya qulqulleessuf carraaqun bu’uura milkaa’inna fi gammachuu jiruu fi jireenya keenyati. Read more

Kana Raabsi

Qulqullinna Qalbii-Kutaa 1ffaa

Qalbii ofii qulqulleessun maaliif barbaachise? Dhukkubni dhukkaba caalu dhukkuba qalbii akka ta’ee sirritti hubanne jirraa sila? Baay’een keenya qalbii teenya irraanfanne jirra. Xurii adda addaa irraa ishii qulqulleessu dhiisne addunyaa qofa jala fiigaa jirra. Galaana duniyaa tana jala lixne jirra. Gaafi qalbii ofii qulqulleessun maaliif barbaachise kan jedhutti yoo deebi’u, qalbii ofii qulqulleessun furtuu milkaa’innaati,tuqaa ka’uumsa jijjiramaati. Namni xurii akka munifiqummaa, of tuuluu, jibbaa, waanyoo, fi kkf irraa of qulqlulleessuf carraaqu dhugumatti ni milkaa’a. Read more

Kana Raabsi

Gola Seenaa Irraa Lakk.3

1.Dogongora ofii yommuu amantuu
Dubartiin takka seenaa ofii akkanatti ibsiti
Seenan kiyya ifaadha. Dogongora kiyya irraa akka barattaniif isinitti hima. Gaa’illi koo gamtoominna anaa fi abbaa mana jidduu kiyyaatin haala gammachuutin jalqabame. Dureessa hin turre, garuu wanta qabnutti kan gammannu turre. Intala garmalee jaalannu takka qabnaa turre. Marsaa jalqabaa gaa’ila keenya intala teenya raffisnee, salaatu,Rabbiin faarsu fi Qur’aana qara’aa turre. Read more

Kana Raabsi

Aarii Kee Too’achuuf

Aariin amala ilma namaa keessa tokkodha. Wanti tokko yoo badu ilmi namaa ni aaraa,ni gadda. Akkuma wantoonni hunduu daangaa qaban aarii fi gaddiis daangaa qabaachu qaba. Daangaan aarii kan hundaa’u nama aaruu san irratti. Namtichi garmalee aare yoo daangaa darbee ofiis miidhe namoota biroos miidha. Jiruu fi jireenya ilma namaa keessatti sababa aarii too’achuu dhabuutin rakkoon baay’een uumama. Sababa aarii too’achuu dhabuutin wal ajjeecha fi qabeenya barbadeessun dhufa. Read more

Kana Raabsi

Gola Seenaa irraa lakk.2

Hasan Al Basri
Hasan al-Basri waa’ee of tuuluu ilaalchise akkana jechuun barattoota isaa gorse:
Naannoo gaarii yookiin naannoo namoonni Rabbiin sodaatan jiran keessa waan jiraattaniif of tuuluun of hin gowwoomsine. Bakki gaariin Jannataa caalee eessumaa hin jiruuti. Nabiyyanaa Aadam (AS) wanta namoonni hunduu beekan dhandhamee jira. Read more

Kana Raabsi

Gamnummaa Abdullah Ibn Mas’uud

Jechamoota Abdullah ibn Mas’uud(Rabbiin Isarraa haa jaallatu) keessa tokko, namtichi tokko majliisa(iddoo namoonni walitti qabamanii taa’an) dhufe akkana jedhe,”Ani warroota harka mirgaa keessaa osoo hin ta’in warroota Rabbitti dhihaatan keessaa tokko ta’u barbaada. Abdullah Ibn Mas’uudis akkana jedhe,”Haa ta’uu malee gabrichi yeroo du’ee lamuu akka hin kaafamne kan hawwutu as jira.”(Mataa ofiitin jechuu isaati) Read more

Kana Raabsi

Gola Seenaa Irraa

Aaqilli/qaroon namaa tokko gafa tokko mucaa ofiitin akkana jedhe,”Ilma koo yommuu balaan sitti bu’uu garmalee aarte abdii hin kütin. Kuni dhugumatti Rabbii ofii ilaalchise yaada badaa qabaachutin wal qixxaata. Akkasumas diinaf gammachuu kenna. Namoota birootti hin baacin/itti of hin jajin. Dhugumatti yeroo maraa ani nama tokkotti baacu namni biraas akkasuma natti baaca. Addunyaa tana keessatti namni galte(target) xiyyoota wal duraa duban itti dhufaniiti. Read more

Kana Raabsi

Kabaja Musliima Eegu

“Guyyaa tokko Umar Ibn Al-Kaxxaab(RA) Abdullah Ibn Mas’uud(RA) waliin halkaniin manaa bahan. Fiimaa ibiddaa fagoo boba’u argan. Ifa ibidda sanii hordofuun mana kurraazin keessaa iftu bira gahan. Yommuu Umar kurraazi(duungoo) manaa iftu argu, manicha seenun namticha dullooma alkooli fi dubartii sirbaa isa bashannansiistu waliin arge. Namtichi odoo of hin beekin Umariin qabame. Umaris ni jedhen,”Wanta qaanessaa hanga halkan kanaa namticha dulloomaa du’a eeggatu irraa arge tokkollee hin jiru.” Read more

Kana Raabsi

Abshir Rakkoo Booda Toltii ni dhuftii

Jireenyi ilma namaa rakkoo fi toltu irraa kan uumamteedha. Yeroo hundaa rakkinnaan kan guuttamte mitii yeroo hundas toltuun kan guuttamte miti. Wal makaa kanaatu jireenyaf hiika kenna. Osoo hadhaan jiraatu baate silaa mi’aawan maal akka ta’ee hiika hin qabu türe. Wantoonni fuggisoon lamaan kunniin jireenya keessatti tarree adeemu. Guyyaa tokko mukaa’u fi gaddutu jira,guyyaa biraa immoo mirqaansu fi gammachutu jira. Ilmi nama rakkoo fi tola keessa darbee qaroominna ijaara. Osoo tola qofa keessa jiraate laamsho ta’a. Rakkoon immoo lafee fi sammuu isaa jabeessun gara fuunduraatti akka tarkaanfatu godha. Read more

Kana Raabsi
1 36 37 38 39