Jireenya dhala namaa keessatti qormaanni karaalee adda addaatin nama qunnama. Addunyaan tuni iddoo qormaataa waan taatef, wantoonni nama qoran guyya guyyaan dabalaa adeemu. Zinaan hojii fokkuu ta’uu waliin wanta guddaa namoonni ittiin qoramaniidha. Keessumaayyu, marsaa dargaggummaa fi shamarrummaatti umriin 15-25 jiru umrii baay’ee ulfaata namni qormaata kanaan itti qoramuudha. Kaayyoon guddaan qormaata kana keessa jiru: nama Rabbiif jedhe of qabu fi nama badii kanarraa of hin qabne adda baasun ergasii jazaa isaaniif kafaluudha. Qormaata booda namni wanta hojjateef jazaa ni argata. Kanaafu, namni takkaa qormaata zinaa kana darbuun mindaa guddaa argata, takkaa immoo qormaata kana kufuun adabbii guddaaf of saaxila.
Itti Fufi…