Daandii Jijjiramaa-kutaa 3ffaa

Daandii jijjiramaa itti fufuun har’as imala keenya karaa sirri qabanne deemna.

1.Olguddisii yaadi– Amala ilma namaa horii irraa isa adda godhu keessaa tokko ol guddisee yaadudha. Rabbiin dandeette ilmi namaa yaade dhugaa fi dhara addaan baasu itti kenne jira. Sammuu isaatti fayyadamuu fi dhiisun mirga isaati. Namoonni ol guddisanii yaadanii fi galma guddaa gahuuf carraaqan Rabbiin bakka san isaan dhaaba. Kan sammuu ofiti osoo hin fayyadamiin yeroo hundaa gara gadii yaadu immoo achumatti hafa. Namoonni addunyaa tanatti wanta guddaa hojjatanii aakiratti mindaa guddaa argatuuf carraaqan seenan haa lakkaa’u. Yaanni isaani yeroo hundaa gara gadiiti mitii gara ooliti. Read more

Daandii Jijjiramaa-Kutaa 2ffaa

Yeroo darbee daandii jijjiramaa tuttuquuf yaalle turre. Ka’uumsa daandii jijjirama eerre/ibsinee turre. Amma ka’uumsa sanirraa kaane imala keenya jalqabuufi. Haa ta’uu malee daandiin imalaa kunii asphaalti osoo hin ta’iin dhoqqee,qoree fi gufuudhan kan guuttameedha. Amma gufuwwaan kanniini fi akkamitti akka of funduraa kaasan qoranna. Dhoqee,qoree fi gufuwwaan kunniin maal fa’a ta’ina laata? Read more

Daandii Jijjiramaa-Kutaa 1ffaa

Jijjirama yeroo jennu amala tokkorraa gara amala biraatti darbuu jechuudha. Daandii yeroo jennu immoo karaa irra adeemanii bakka ga’uumsa gahaniidha.  Namni daandii qajeela irra yoo hin deemin kallatiin bakka ga’uumsa waan jalaa baduuf karaa bada, bakka deemu hin beeku. Ilmi namaa amala jijjirama qaba. Badaa irraa gara gaaritti yookin immoo gaarii irraa gara badatti jijjiramutu jira. Namoonni akkanumaan cal’isanii jijjirama kana hin adeemsiisan. Sababa tokkotu isaan jijjira. Gariin isaanii wanta badaa osoo hojjataa  jiranuu balaan itti bu’ee ergasii balaa sanirra barnoota fudhachuun jireenya ofii sirreessan. Read more

Qorsa Jaalalaa-Kutaa 2ffaa

Yeroo darbee keessatti qorsa jaalala waliin mari’achuuf yaalle turre. Kunoo kutaa lammafa itti fufun qabadhe isin dhihaadhe jira.

6. Qabsoo– Qabsoon/ jihaadni cimaan qabsoo lubbuu ofii waliin adeemsisaniidha. Qabsoo kana moo’atuu fi kufuutu jira. Akkuma ibn Kasiira tafsiira isaani keessatti jedhan,”Mu’iminnii(Namni Rabbitti amanee) yommuu diinan ajjeefame shahiida(martyr)  ta’a. Yommuu diina keessaa kan ta’ee sheyxaanan moo’atame immoo shiftaa(bandit) ta’a.  Dabalatee mu’iminni diina ifaatin moo’atamee ajrii(mindaa) argata. Kan diina keessaatiin moo’ataman immoo cubbuu keessattii irbamuu fi jallatoota ta’an. Read more

Boqonna Sammuu kutaa 2ffaa

Kutaa darban keessatti mata duree kana hanga dandeenyun qaaccesuuf yaalle turre. Boqonnaa sammuu argachuuf maloonni namoota hundaa gargar  haa ta’uu malee hundii isaani bu’aa qabeessaa fi itti fufinsa kan qabanii miti. Inuma gariin boqonnaa sammuu argachaan jira jedhe haa yaaduyyu malee dhiphinnaa fi rakkoo ofitti akka dabalaa jiru hin hubatu. Fakkeenyaf namoonni hojii tokko dalaganii erga fixanii sammuu keenya bashanansiisna jedhanii fiilmitti ija bobaasu. Sammuun sa’aati 24 hojjachuu hin danda’u boqonna barbaada. Read more

Boqonnaa Sammuu(Peace of Mind)

Sammuun qamoole ilmaa namaa keessaa akka motoraa ta’uun ilma nama sochoossa. Eessaa ka’ee garam akka deemu itti akeeka. Sammuun buqqee cimaan marfamuun miidhaa garagaraa irraa tikfama. Osoo miidhan qaama kan akka rukutta gonkumaa isa dhaqabuyyu baate miidhaan garagaraa karaa adda addaatin ni dhaqqaba. Kana keessa dhiphinna,yaaddo,aarii,lola fi kkf dha. Miidhaa kanniinif akka hin saaxilamne sammuun kunuunsa addaa isa barbaachisa. Miidhaawwan kanaan takka miidhamnaan dawaa argachuun ni ulfaata. Read more

1 39 40 41