Siiraa-Lakk.18.4
Azaa fi rakkisuu sahaabota Nabiyyii (SAW) qunname–kutaa 5ffaa
Itti Fufi…In sha Allah Ilma namaa daandii qajeelumma,gammachuu fi milkaa'innaa itti akeekudha.
Azaa fi rakkisuu sahaabota Nabiyyii (SAW) qunname–kutaa 5ffaa
Itti Fufi…Azaa fi rakkisuu sahaabota Nabiyyii (SAW) qunname–kutaa 4ffaa
5-Mus’ab ibn Umeyr (Radiyallahu anhuu)
Makkaan keessatti Mus’ab ibn Umeyr ijoollee hundarra qanani’aa fi of faayu ture. Abbaa fi haati baay’ee isa jaallatu turan. Haati isaa Mali’at dubartii qabeenya baay’ee qabdu turte. Uffata hundarra gaarii fi laafaa ta’e isa uwwisti. Mus’ab warra Makkaa keessaa hundarra shittoo urgaa’a dibata. Kophee hundarra gaarii taate godhata. Haati isaa garmalee isa jaallachuu irraa kan ka’e, yommuu hirribaa ka’u akka nyaatuuf teemira, eeybi fi dhadhaa walitti makte kubbaayyaa keessa gochuun mataa isaa bira keetti.
D. Aasaara (Bu’aa) Maqaalee Rabbii “Mootii (Al-Malik)” fi “Qabaataa (Al-Maalik)” itti amanuun argamuu
Kutaa darbe keessatti hiikni maqaalee Al-Malik fi Al-Maalik maal akka ta’an ilaalle jirra. Al-Malik Mootii yommuu ta’u, Al-Maalik immoo Qabaataa ykn dhuunfataadha. Namni dhugaadhaan hiika Mootii fi Qabaataa yoo hubate, dukkanni baay’een isarraa saaqama. Mootii fi Qabaataan haqaa eenyu akka ta’e yoo beeke, eessarraa akka dhufe, maaliif akka jiraatu, akkamitti akka jiraatu fi gahuumsi isaa eessa akka ta’e beeka. Sababni isaas, Mootiin Haqaa kan isa argamsiisedha, namni maaliif akka jiraatu fi akkamitti akka jiraatu ibsuuf ergamtoota Kan ergee fi Kitaabban buusedha. Ammas, gahuumsi nama hundaa eesse akka ta’e ni beeksise. Namni kana hunda kan hubatu Mootiin maal akka ta’e yoo beekedha. Mee amma bu’aalee maqaa kana beeku fi itti amanuu irraa argamu muraasa isaa haa ilaallu.
Azaa fi rakkisuu sahaabota Nabiyyii (SAW) qunname–kutaa 3ffaa
4-Sa’d ibn Abi Waqqaas (radiyallahu anhu)
Sa’d immoo haadha isaa kaafira taaten qorame. Hanga amanti ishiitti deebi’utti nyaataa fi dhugaati ni didde. Ibn Kasiir ni jedha, “Xabaraanin kitaaba “Al-Ashrata” jedhu keessatti ni jedha: Sa’d aayan tuni isa ilaalchiste akka buute ni dubbata:
Azaa fi rakkisuu sahaabota Nabiyyii (SAW) qunname–kutaa 2
Itti Fufi…Nabiyyiin (SAW) ummata isaa keessatti rakkoo hangana hin jedhamne qunnamanii jiru. Urga da’waa ifatti baase irraa jalqabee gowwoota Qureeshotaa irraa azaan baay’een irra gahee jira. Iddoo isaan walitti qabaman biraan yoo darbee, isaatti qoosu. Qishnaaf akkana jedhunii turan: Kuni ilma Abu Kabsha samii irraa isatti dubbatamudha.” Isaan keessaa namni tokko Nabiyyii (SAW) biraan darbuun qishnaaf akkana jedha: Har’a samii irraa sitti hin dubbatamnee?”
Itti Fufi…Kutaalee darban keessatti wantoota gurguddaa mushrikoonni faalleessanii fi mormaa turan ilaalle jirra. Yeroo mata-duree “Mormii Mushrikootaa” jedhu ilaalaa turre, tarii dubbistoonni gariin sila siiran addaan citee jechuun yaadu danda’u. Mata-dureen kuni siiraa jala waan galuuf barnoonni siiraa addaan hin cinne. Ammas itti fufuun mata duree itti aanu haa ilaallu.
Itti Fufi…Seensa
Suuran tuni suuraalee (boqonnaalee) Qur’aanaa keessaa sheyxaana, badii isaatii fi sharrii uumamtoota biroo irraa Rabbiin eeggamuuf suurah qara’aniidha. Namni jireenya keessatti sharrii, fitnaa fi badii kamirraayyu eeggame nageenyaa fi gammachuun jiraachu barbaada. Hundeen sharrii hundii sheyxaana. Kanaafu, namni tasgabbii fi gammachuu barbaadu gara Rabbii Olta’aa fiigun suurah tana qara’ee eeggumsa barbaadun isarra jiraa miti ree? Namni eeggumsa kana kan argatu, wanta jedhu yoo itti amanee fi hiika isaa yoo beekedha. Kanaafu, hiika suurah tanaa beekun baay’ee barbaachisaadha.
C-Ibsa Aayaata maqaalee Malik, Maalik, Maliik fi jecha Mulk jedhu of keessaa qabanii–kutaa 2
Kutaa darbe keessatti ibsa aayaata muraasaa maqaalee kanniini fi jecha Mulk of keessaa qaban ilaalle jirra. Har’as itti fufuun izni Rabbiitiin ni ilaalla. Laa hawla walaa quwwata illa billah.
B-Sifaata maqaaleen Al-Maalik, Malik fi Al-Maliik of keessatti qabatan
Uumuun, ajajuun, mindaa fi adabbiin amaloota mootiif barbaachisaniidha
Imaamu ibn Al-Qayyim ni jedha, “Maqaa Mootii jedhuuf haqa isaa yoo kenniteef, uumuun, ajajuun, mindaa kennuu fi adabbiin, waa kennuu fi dhoowwachuun amala mootiitif barbaachisaa akka ta’an ni beekta. Amalli mootii kana waan barbaachisuf, kuni wanta hin hafneedha. (Mootii yommuu jedhamu wanti sammuu namaa keessatti dhufu, Aangoo ol’aanaa kan qabu, ajaju, dhoowwu, mindaa kennu (badhaasu), adabuudha.) Mootii irraa amaloota kanniin haaqun dhimma hin danda’amneedha. Mootiin haqaa Ergamtoota erguu, kitaabban buusu, gabroota ajajuu, isaan dhoowwu, mindaa isaaniif kennuu, adabuu, nama kabajni isaaf malu kabajuu, nama salphinni isaaf malu salphisuu barbaachisa.”[1]