Dukkana Keessaa Ifatti-Lakk.2

Jireenya keessatti badiiwwan adda addaatti lixuun yommuu of irraanfatanii fi Rabbii ofii dagatan, dukkanni jireenya hangam akka ulfaatu tilmaamun nama hin dhibu. Hojii fokkataa akka gaaritti, hojii gaarii immoo akka fokkuutti ilaalun yeroo itti machaa’antu jira. Machaa’insa fi gaflaa kana keessaa wantoota nama dammaqsan keessaa duuti isa tokko. Takkaa du’a ofiitin takkaa immoo du’a nama biraatin. Dargaggeessi armaan gadi kunis namoota akkanaa irraa ture. Mee amma seenaa isaa haa hordofnu… Read more

Shakkii Qiyaamaa Qulqulleessuf-3

Guyyaa Qiyaamatti dhugaan amanuu fi guyyaa kanaaf hojii gaarii hojjachuu fi hojii badaa irraa fagaachun of qopheessun, jireenya keessatti akka tasgabbaa’anii fi kaayyoo ofii beekan nama taasisa. Kana beektu laata? Yeroo baay’ee jireenyi kan nama nuffisistu fi jibbisiistuuf amantiin Rabbii fi Guyyaa Qiyaamaatti qaban dadhabaa yommuu ta’uudha. Sababni isaas, namni dhugaan Rabbii fi Guyyaa Qiyaamatti yoo amane, wanta gaggaarii ni hojjata hojii badaa irraa immoo ni dheessa. Kuni immoo akka gammaduu fi tasgabbaa’u isa taasisa. Akkasumas, yeroo rakkoo fi balaan namatti bu’an rakkoo cimaa Guyyaa Qiyaama yaadachuun akka obsan nama taasisa. Read more

Dukkana Keessaa Ifatti-lakk.1

Jireenya keessatti namni hunduu dukkana keessaa bahuun jireenya ifaa fi gammachuu jiraachu barbaada. Namoota kanniin keessaa aktarii fi artistii beekkamaa Morooko “Sa’iid az-Zayyaani “ kan jedhamuudha. Seenaa kana kan ani asitti isiniif dhiyeessuf nama ifa dhabee akkamitti akka ifa argatu, nama dhiphinna keessa jiraatu akkamitti dhiphinna keessaa akka bahuuf karaa itti agarsiisufi. Kanaafu, isin na hordofuuf qophiidhaa? Seenaan nama gammachiisa, nama barsiisa, fakkeenya namaaf ta’a, malaa fi furmaata namatti akeeka. Haa jalqabnu… Read more

Shakkii Qiyaamaa Qulqulleessuf-Kutaa 2

Jireenya keessatti sababni guddaan namoonni yeroo baay’ee gammachuu fi milkaa’inna itti dhaban maal akka ta’ee beektu? Tarii qarshii dhabuu, namni jaallatan du’uu, qabeenyi barbadaa’u fi kan biroo jechuu dandeessu. Eeti, kunniin sababa ta’uu danda’u. Garuu sababa guddaa ta’uu danda’u? Sababa guddaa ta’uu hin danda’an. Dhugumatti, sababni guddaan jireenya keessatti gammachuu fi milkaa’inna itti dhaban, Guyyaa Qiyaamatti kafaruu ykn shakkuudha. Read more

Shakkii Qiyaamaa Qulqulleessuf-Kutaa 1

Guyyaan Qiyaamaa shakkii akka hin qabne kutaalee darban keessatti irra deddebi’uun ilaalle jirra. Ammas, shakkii sheyxaanni namatti darbu balleessu fi qulqulleessuf irra deebinee ni ilaalla. Guyyaa Qiyaamaa fi wantoonni Guyyaa san adeemsifaman wantoota gara fuundurraatti dhufanii fi geeybii ta’aniidha. Seenan darbe akkuma nuuf geeybi (nurraa dhokata) ta’ee, wanti gara fuundurraatti dhufus geeybi (nurraa dhokataadha). Garuu wanta dhokataa ykn fagoo kana akkamitti beeknaa? Wantoota kanniin karaa lamaan beekun ni danda’ama. Isaanis; mallattoolee fi odeefannoo dhugaa (haqa) ta’eeni. Read more

Guyyaa Qiyaamaa Haala Muslimootaa

Yeroo darbee haala kaafirtoota muraasa isaanii ilaalle jirra. Tarii mata dureen Guyyaa Qiyaamaa dheerachuun nuffiin isinitti dhagahamu danda’a. Garuu yeroo amma keessa jiraannu kanatti mata dureen kuni garmalee barbaachisaa waan ta’eef dheerassuun dirqama nutti ta’e. Dhugumatti, namoonni baay’een Guyyaa Qiyaamaa dagatanii jiru. Maaliif jiruu tana keessa jiraatta? Eessaa deemaa jirta? Jedhamanii yommuu gaafataman, “hin beeku” jechuun deebisu. Dhugumatti Guyyaa Qiyaamatti amanuu fi itti qophaa’u dhiisun jireenya keessatti akka dhama’an nama taasisa. Dabalataanis, hojiin gaariin Rabbiin biratti fudhatama kan argatu Rabbii fi Guyyaa Qiyaamatti yoo amananiidha. Qur’aana keessa yoo ilaaltan Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) irra deddeebi’un guyyaa kana ilma namaa akeekachisa. Read more

Falmii Warra Ibiddaa

Waa’ee Guyyaa Qiyaama itti fufuun warri ibidda seenan falmii akkami akka adeemsisan muraasa isaanii haa ilaallu. Falmiin kuni falmii geeybii dhugaadhaan gara fuunduraatti dhufuudha. Sababni isaas, odeefannoo Rabbal aalamiina irraa dhufeedha. Geeybi jechuun wanta dhokataa namarraa fagoo ta’e yookiin ammatti ijaan kan hin argine yookiin sammuu fi qaamoleen miiraa bira gahu kan hin dandeenyedha. Haguuggin ilma namaa fi geeybi jidduu jiru wantoota afur keessaa tokko ykn hunda isaanitu ta’u danda’u. Haguuggin kunniinis: (1). Yeroo darbee fi kan dhufu, (2) fagaachu bakka, (3) dadhabbinna qaamolee miiraa fi (4) girdoon jiraachu. Wanti darbee fi gara fuunduraatti dhufu namaaf geeybidha.[1] Read more

Guyyaa Qiyaamaa Maaltu Adeemsifama-Kutaa-2

Assalaamu aleykum wa rahmatullahi wa barakaatuh. Akkam jirtu obboleeyyan koo? Jireenyi badhaadhaa? Eeti, jireenyi badhaatu taati yoo nuti imaana (amantii) guyyaa Qiyaamatiif qabnu daballee fi hojii gaggaarii hojjanne. Guyyaa Qiyaamatti amanuun wanta nama horii irraa adda baasudha. Sababni isaas, Guyyaan Qiyaamaa gahuumsi ilma namaa eessa akka ta’e murteessa. Akkasumas, namoonni wanta fagoo fi ammatti ijaan hin mul’annetti amanuun horii irraa addaan bahuu. Jireenyi addunyaa tanaa gabaabdu fi iddoo qormaatati. Dhalli namaa jireenya addunyaa tanatti qoramuun Guyyaa Qiyaamaa bu’aa (firii) qormaata isaa ni arga. Namni qoramee bu’aa qormaata isaa yoo hin argin faaydan qoramu maali ree? Kanaafu, Guyyaa Qiyaamaa akka dhufu kanarraayis hubachuun ni danda’ama. Ilmi namaa addunyaa tana keessatti qorame akkanumatti kan hafuu miti. Kufaati fi milkaa’inni isaa Guyyaa Qiyaamaa ni beekkama. Akkasi mitiree?  Read more

Guyyaa Qiyaamaa Maaltu Adeemsifamaa?-Kutaa 1

Guyyaan Qiyaamaa dhufuu keessa shakkiin akka hin jirre ragaalee adda addaatin torbilee darban ibsine jirra. Namni ragaalee sanniin irra deebi’ee dubbisee fi itti xinxalle Guyyaan Qiyaamaa guyyaa tokko dhooyu ishii ni mirkaneefata. Wantoonni naannoo keenyatti arginu wantoota lama. Isaaniis, yeroo muraasan booda kan jijjiramanii fi yeroo dheeraaf osoo hin jijjiramin kanneen turaniidha. Yeroo muraasan booda kan jijjiraman ykn du’an kanneen akka ilma namaa, biqiltoota, beelladoota fi kkf. Yeroo dheeraaf osoo hin jijjiramin kanneen turan immoo dachii, gaarreen, samii, aduu, ji’a, urjiilee fi kkf. Wantoonni yeroo dheeraf turan kunniin akkanumatti zalaalamiif hin turan, ni jijjiramu. Guyyaan wantoonni kunniin itti jijjiraman Guyyaa Qiyaamaa jennaan. Guyyaa kana gaarreen bakka ni bubbuqqa’u, dachiin dachii biraatin ni jijjiramti. Samiinis akkasuma jijjiramti. Namni dachii fi samiin akkanumatti zalaalami turan jedhee yaade dogongore jira. “Akkuma amma jiran kanatti zalaalamii akka turan maaltu si beeksise? Beekumsa wanta gara fuunduraatti uumamuu ni qabdaa? Yoo qabaatte, beekumsa guyyaa itti duutu nutti himi.” Jechuun yoo gaafanne deebiin isaa maal ta’a laata?

Read more
1 63 64 65 66 67 80