Xurree Milkaa’innaa fi Gammachuu-lakk.13

Yeroo tokko tokko daandiin jijjiramaa si dinqisiisa. Daandii kana keessatti guffuwwanii fi wantoonni duubatti si harkisan baay’eedha. Yeroo tokko ni gammada yeroo biraa immoo ni gaddita, yeroo tokko fuula guurta yeroo biraa immoo ni seeqatta, yeroo tokko qalbiin tee ni cabdi yeroo biraa immoo sirroofte dhaabbata (tasgabbi horatta), yeroo tokko jireenyi sitti dukkanoofti yeroo biraa immoo jireenyi ifa si taati, yeroo tokko ni dhamaata yeroo biraa immoo wanti hunduu ifa si ta’u, yeroo tokko jabeenya dhabda yeroo biraa immoo jabeenya argatta, yeroo tokko tokko gara funduraatti ariitin fiigda yeroo tokko tokko immoo suuta deemta ykn ni harkifatta…. Kunniin hunduu yoo obsa qabaatte fi carraaqxe jireenya kee ijaaru. Yommuu jireenya darbee koo ilaalu, gaabbi fi gammachuun natti dhagahama. Dogongora fi hanqinn kiyyaaf nan gaabba. Bu’aa dogongora kiyyaa irraa baraaramun gara daandii qajeelatti Rabbiin na qajeelchu Isaatif nan gammada. Alhamdulillah! Kanaafu jireenya keessatti abdii hin kutin. Read more

Sababoota Jaalala Daangaa Darbe

Wantoonni jaalala daangaa darbeetti nama geessan baay’eedha. Namni sababa yoo beeke miidhaa hojiin isaa itti fiddu irraa fagaata. Namni tokko jireenya keessatti milkaa’uuf sababa fi bu’aa wanta hojjatu beeku ykn tilmaamu qaba. Sababa (cause) jechuun hojiin sun akka raawwatamuuf wanta nama kakaasudha. Bu’aa (effect) yoo jennu immoo firii hojii san irraa argamuudha. Firiin sun miidha ykn faayda ta’uu danda’a. Kanniin sirritti yoo hin beekin jireenyi teenya gara hin qabdu. Read more

Machaa Jaalalaa

Akkuma waraanni lubbuu namaa galaafatu danda’u jaalallis yoo daangaa darbee qalbii fi lubbuu namaa galaafachu danda’a. Duraan dursinee hiikni jaalalaa maal akka ta’ee mee ilaallu. Jaalalli afaan ingiffaatin ‘Love’ yommuu jedhamu Afaan Arabiffaatin immoo Al-Hubb fi Al-ishq jedhamu. Afaan Arabiffaa hiika gaarii fi bal’aa jaalalaaf kenna. Beektoota armaan gadii wabii godhachuun hiika jaalala beekuf mee haa carraaqnu. Read more

Fedhii Lubbuu Faallessu

Akkuma torbaan darbee eerre fedhii lubbuu hordofuun miidhaa baay’ee fida. Namni tokko fedhii lubbuu hordofuu yookiin hordofuu dhiisu isaa akkamitti beekaa? Yeroo baay’ee namtichi fedhii lubbuu hordofuu, yommuu gocha fedhiin isaa itti ajajju raawwatu fedhii lubbuu hordofuu hin beeku. Kan inni beeku yommuu miidhaa wanta raawwate sanii arguudha. Read more

Fedhii Lubbuu Hordofuu

“Fedhii (hawaa) jechuun uumaman wanta lubbuu ta’utti dabuudha. Dabiinsi kuni ilma namaa keessatti kan uumameedha akka horteen isaa itti fufufi. Osoo nyaatatti, dhugaatittii fi fuudha heerumatti dabiinsi (fedhiin) jiraachu baate, silaa nyaanni, dhugaatinii fi fuudhaa heerumni hin jiru türe. Fedhiin guutumaan guututti wanta faarfamus miti akkasumas guutumaan guututti wanta balaalefatamus miti. Fedhiin ilma namaa kan balaalefatamu ykn jibbamuu yommuu daangaa darbeedha.” Read more

Xurree Milkaa’innaa fi Gammachuu-Lakk.12

Hanga feete jireenyi tee dukkanooftu fi tana nama dhamaastu yoo taate, abdii hin kutin. Jireenyi addunyaa tanaa takka gara olii, takka gara gadi deemti. Yeroon ati itti gammaddu ni jira. Akkasumas yeroon ati itti gadditus ni jira. Lamaan isaanitu siif gaariidha yoo obsite fi Rabbii galata galchite. Kanaafu yeroo gadditu fi mukooftu obsi,abdii hin kutin. Dukkannii fi dumeessi jireenya yeroo muraasan booda ni darba. Ifni ni dhufa. Yeroo gammadus Rabbiif galata galchi. Haala kanaan jireenyi tee gammachuun guuttamti. Read more

Fiixee Gaarummaa Irra Ijjachuuf

Gaarummaa jechuun amala/aklaaqa gaarii nama hawwatu qabaachu, hojii gaggaarii hojjachuu fi hojii badaa irraa dheessudha. Faallan gaarummaa gadhummaa ykn fafee, badaa, fokkuudha. Namni tokko gaarummaa qaba yommuu jennu amalli fi hojiin isaa gaariidha jechuu keenya.

Namoonni gaarummaa wantoota baay’ee keessa barbaadu. Gariin isaanii maallaqaa fi qabeenya keessa, gariin immoo beekkamtii argachuu keessa, gariin beekumsa keessa, gariin immoo aangoo fi kkf keessa barbaadu. Kunniin hundii niyyaan (yaanni) duuba jiru gaarii yoo hin ta’in gaarummatti osoo hin ta’in baditti nama geessa. Read more

Galaana Fitnaa-Kutaa-3ffaa

Tooftaalee fitnaa itti ittisan yookiin hir’isaan torbaan lamaan darban keessatti ilaalle jirra. Ammas kutaa dhumaa ni ilaalla.
7.Jama’atti hidhachuu fi maxxanuu– jama’atti (hawaasatti) maxxanuun badii baay’ee irraa nama eega. Namni yommuu adda fiigu, akkuma jeedalli hoola addatti argatte nyaattu, diinnis nama kana nyaata. Gurmii fi walta’iinsan diina injifatan. Rahmata Rabbii keessaa tokko ummata Islaama kana jallinna irratti isaan walitti hin qabu. Hanga ummanni Islaama jiru haqni ni jiraatti. Hanga ajajni Rabbii dhufu gareen haqa qabatanii fi ishii irratti obsanii yeroo hundaa ni jiraatu. Jama’aa akka qabannu Ergamaan Rabbii (salallahu aleyh wa sallam) itti nu ajaju. Read more

Xurree Milkaa’innaa fi Gammachuu-lakk.11

Yommuu Rabbii jettanii wal jaalattani fi wal fuudhu barbaaddan, nikheenyi keessan karaa halaalati fi gammachisatiin haa ta’u. Karaa gammachiisa keessa tokko nikeenyi keessan shari’aa waliin kan deemu fi abbaa fi haati keessan lamaanu yoo itti gammadanii fi walii galaniidha. Yommuu warrii kee nama jaallatte san si harkatti didan, adeemsa fuudha heerumatti seenun dura itti yaadi. Fakkeenyaf yommuu isaan si didan, nikhaa dhoksaan wal hidhuun walitti dhufu dandeessu. Garuu kuni jireenya fi kabaja keessan miidha. Nikeenyi keessan ifa haa ta’uu, warrii keessan itti haa gammadu. Kanaafu jireenya gaa’ila kana yommuu murteessitu, suuta jedhi, hin jarjariin, of dagaagsi. Jireenya kana haala gaariin gaggeessuf dagaaginni guddaan dagaaginna sammuuti. Gariin qaama fi qabeenyan gahaa ta’ee yommuu gaa’ilatti seenu yeroon xiqqoon booda gaa’illi isaa ni jiga. Sababni kanaa inni guddaan sammuun dagaagu dhabuudha. Kanaafu sammuun, qaamanii fi qabeenyan gahaa ta’anii gaa’ilaaf of qopheessu barbaachisadha. Ta’uu baannan handaaratti hafu.
Read more

1 71 72 73 74 75 80