Mallattolee Gurguddoo Guyyaa Qiyaamaa-2
Guyyaan Qiyaamaa garmalee yommuu dhiyaatu mallatooleen gurguddoon mul’achuu eegalu. Isaan keessa yeroo darbe Dajjaal ilaalle turre. Dajjaalitti aanee mallattoon guddaan Nabii Iisaan (nageenyi isarratti haa jiraatu) samii irraa bu’uudha. In sha Allah, mata duree kana jalatti seenaa Nabii Iisaa fi haadha isaa ni ilaalla. Kutaa itti aanu keessatti immoo dhimmoota biroo isaan wal-qabatanii fi bu’iinsa isaa ni ilaalla.

Seenaa Nabii Iisaa fi Haadha isaa
Alhamdulillahi Rabbil aalamiin. Rabbii Tokkicha ta’e hanqinna hunda irraa qulqullaa’eef galanni haa galu. Iisaan (Iyyasuus) nabiyyi kabajamaa fi sadarkaa guddaa qabuudha. Rabbiin haala addaatiin akka dhalatu isa taasise. Haati isaa Mariyam amala gaarii fi toltu hojjachuun beekkamti. Mariyam mana amantiin beekkame keessatti tan dhalattee fi xiqqeenya irraa jalqabuun ibaada irratti tan guddatteedha. Kana jechuun iddoo eenyullee ishiitti hin seenetti Rabbiin gabbarti. Nabii Zakariyaan (aleyh salaam) nama ishii kunuunsu fi guddisuudha. Yommuu haala ishii ilaaluf ishiitti seenu firaafiree garagaraa ishii biratti arga. “Kuni eessaa siif dhufaa?” jechuun gaafata. Ishiiniis, “Kuni Rabbiin biraayyi. Rabbiin nama fedhe herreega (hisaaba) malee soora.” Jettin. (Ilaali Qur’aana, suuratu Aali-Imraan 3:37)

Mariyam guddattee umri shamarrummaa erga geesse booda gammachisni ilma argachuu ni dhufeef. Malaykaan Jibriil (Gabra’el) itti dhufuun ilma maqaan isaa “Iisaa” jedhamuun ishii gammachiise. Mariyamis osoo dhiirri na hin tuqin akkamitti ilma argadha jechuun gaafatte. Qur’aanni akkana jechuun nutti hima:

3:47

“[Mariyamis] “Yaa Rabbii kiyya! Osoo namni tokkollee na hin tuqne akkamitti ilmi naaf argamaa?” jette. Innis ni jedhe,“Akka kanatti Rabbiin waan fedhe uuma. Inni yeroo waan tokko murteessu, “Ta’i” qofa isaan jedha; wanti sunis yeroma san ta’a.” Suuratu Aali-Imraan 3:47

Akka aadaatti ilmi dhiiraa fi dubartii irraa uumama. Mariyam wanta aadaa keessatti hin beekne yommuu itti himamu garmalee ajaa’ibsifatte. Garuu Dandeetti Rabbii fuundura gufuun dhaabbatu waan hin jirreef akkaa fi haala fedhetti nama uumuu danda’a. Jalqaba Nabii Aadamiin abbaa fi haadha malee biyyee irraa uume. Hawwaas dubartii malee dhiira qofarraa uume. Ammas, Dandeettiin Isaa guutuu akka ta’e ifa baasuf Iisaa (Iyyasuusin) abbaa malee haadha qofarraa uume. Namoota hafan immoo dhiiraa fi dubartii irraa uume. “Akka kanatti Rabbiin waan fedhe uuma. Inni yeroo waan tokko murteesse, wanta saniin “Ta’i” jechuuni qofa. Wanti sunis yoosu ta’ee argama.”

Malaaykan dandeetti Rabbii Olta’aa erga ishiitti himee booda, hafuura itti afuufe biraa deeme.  Hafuurri kuni gadaamessa ishii keessa yommuu seenu akkuma dubartoonni biroo ulfaa’an ishiinis ni ulfoofte. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa yommuu namoota uumu sababa godha. Sababa saniin ta’i yoo jedhe sababni suni yoosu ta’ee argama. Fakkeenyaf, biyyeen uumama nabii Aadamitiif sababa ture. Dhangalaa’an saalaa uumama namaatiif sababa. Dhangalaa’an saalaa ofiin nama ta’uu waan hin dandeenyef Rabbiitu dhangalaa’a saalaa kanarraa nama uuma. Haaluma kanaan hafuurri gara Mariyam seene uumama Iisaa (Iyyasuusiif) sababa ta’e. Kanaafu, Rabbiin hafuura kanarraa Iisaa uume. “Akka kanatti Rabbiin waan fedhe uuma. Inni yeroo waan tokko murteesse, wanta saniin “Ta’i” jechuuni qofa. Wanti sunis yoosu ta’ee argama.”

Mariyam haala addaa kanaan erga ulfoofte booda ciniinsuun da’aa itti dhufte. Ishiin dubartii amalaa fi amantiin beekkamtudha. Garuu haala raajii kanaan dhiira malee ulfaa’un ishii kuni hawaasa keessatti salphinnaa fi qaani guddaa akka ishitti fidu garmalee dhiphatte. Ciniinsuu fi dhiphinna ishii kana Qur’aanni haala kanaan nutti hima:

19:23

“Ciniinsuun gara jirma temiraa ishii maqse. Ishiinis “Yaa badii kiyya! Odoo kana dura du’ee waan dagatamaa ta’ee maal qabaa.” Jette.” Suuratu Mariyam 19:23

 Rakkoon ciniinsuu gara muka temira akka deemtu ishii taasise. Du’aaf garmalee hawwite. Sababni isaas, namoonni wanta ishiin isaanitti himtu waan hin amanneef maqaa ishii xureessu. Gaddaa fi dhiphinna ishii kana hir’isuuf Malaaykan ishii gadii akkana jedhe itti lallabuun jajjabeesse: “Hin gaddin, dhugumatti Gooftaan kee jala keetti bishaan yaa’u taasisee jira. Jirma temiraa gara keetti hurgufi, asheeta temira bilchaataa sirratti harcaasati. Nyaadhu dhugi, ijaanis itti gammadi. Nama tokko yoo argites, “Dhugumatti ani Rahmaanif sooma qodhaa (nazrii) seene jira. Kanaafu, har’a nama tokkoyyuu hin dubbisu.” Jedhiin.” Suuratu Mariyam 19:24-26

Akka lugaatti sooma jechuun of qabuu waan ta’eef, asitti “dubbachuu irraa of qaba (nan sooma)” jechuu isaati. Qodhaa (nazrii) jechuun “wanta tokko nan hojjadha” jedhanii ofirratti dirqama gochuu fi waadaa seenudha. Mariyam dubbii kana akka jettu kan ajajamteef faayda guddaa waan qabuufi:

Namootatti dhufuun, “Ani ilma kana raajiin (mu’jizaan) da’e” osoo jettee, eenyullee ishii hin dhugoomsu. Kanaafu, ishiin cal’isuun daa’imni harkaa qabdu dubbachuun ragaa guddaa ishiif ta’a. Daa’imni ishii Iisaan reefu dhalate haasawuun wanta namoonni ishii yakkaniin ishirraa deebisa. Ishiinis akkuma jedhamte daa’ima ofii fuute gara ummata ishii qajeelte. Yommu nama ishii dubbisuu barbaadu argitu, “Rabbiif jedhee dubbachuu irraa of qabee jira” jettiin. Itti fufuun Qur’aanni ni jedha:

Ergasii isa baadhattee gara ummata ishii dhufte. Isaanis ni jedhan, “Yaa Mariyam! Dhugumatti ati waan akkaan jabaatu fiddee jirta. Yaa obboleetti Haarun! abbaan kee nama badaa hin turre, haati teetis sagaagaltu hin turre.” Suuratu Mariyam 19:27-28

Iisaan (Iyyasuus) siree daa’imummaa keessaa yommuu dubbatu
Yommuu haalli Mariyamatti ulfaatu fi wanta namoonni jedhaniif garmalee gadditu, akka ummanni ishii daa’imatti haasawaniif gara daa’ima ishii İisaatti akeekte. Qur’aanni haala ishiiti fi ummataa akkana jechuun hima:

19:29

Gara isaatti akeekte. Isaanis “Akkamitti daa’ima siree daa’imummaa keessa jiru dubbisnaa?” Jedhan.” Rabbiinis Iisaan akka dubbatu ni taasise.

[İisaanis] ni jedhe, “Dhugumatti ani gabricha Rabbiiti. Inni kitaaba naaf kenneera. Nabiyyis na taasisee jira. Iddoo ani jiru hundattis nama barakaa qabu na taasisee jira. Salaataa fi zakaas hanga lubbuun jiru naaf dhaamee jira. Haadha tiyyaafis tola oolaa [na godhe]; of tuulaa hoonga’aas na hin taasifne. Guyyaa ani dhaladhe, guyyaa ani du’uu fi guyyaa ani kaafamus nageenyi ana irra jira.” Suuratu Mariyam 19:29-33

Dhugaan Yommuu Ifa bahu

Jechi jalqabaa Iisaan ilmi Mariyam dubbate, “Dhugumatti ani gabricha Rabbiiti.” Kan jedhuudha. Ani ilma Rabbiiti hin jenne. Sababni isaas, Rabbiin Qulqullaa’an Olta’e, Tokkicha shariika hin qabneedha. Niiti ykn ilma hin qabu. Nabii Iisaan (aleyh salaam) amaloota saddeetin of ibse. Jalqaba gabricha Rabbii akka ta’e dubbate. Akka namoonni gooftaa gabbaramu isa hin godhanneef gabricha akka ta’e ni labse. Dhumarratti immoo wantoota sodaachisaa irraa Rabbiin nagaha isa baasudha. Kuni hundi gooftummaa Kiristaanonni itti maxxansan irraa inni qulqulluu akka ta’e kan agarsiisudha. Kana jechuun Iisaan (Iyyasuus) gooftaa gabbaramu (waaqefatamu) akka hin taane kan mul’isuudha. Kanaafi, itti aanse Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Suni İisaa ilma Mariyami- jecha dhugaa kan isaan isa keessatti shakkaniidha. Rabbiif ilma taasifachuun hin malu. Inni qulqullaa’e. Yeroo dhimma tokko murteesse, wanti Inni jedhu, “Ta’i” jechuu qofa; innis yoosuu ta’a.” Suuratu Mariyam 19:34-35

Kana jechuun amaloota saddeettan darbaniin kan ibsamee İisaa ilma Mariyami. Jechi Iisaan yeroo daa’imummaa isaa dubbate suni jecha dhugaa shakkii wayiitu hin qabneedha. Kuni odeefannoo dhugaa Iisaan dubbate Rabbiin himeedha. Rabbiin caalaa eenyullee dhugaa kan dubbatu hin jiru. Faallaa wanta Iisaan yeroo daa’imummaa dubbate jedhamu hundi kijiba ta’uun dhibbaan dhibbaatti kan jala murameedha. “Iisaan ilma Gooftaati, iisaan gooftaadha, gooftaa keessaa sadaffaadha.” wanti Jedhamu hundi kijibaa fi hundee kan hin qabneedha.

Iisaan ” Ani gabricha Rabbiiti” jedhee labsuun makluuqa (uumamaa) akka ta’e agarsiisa. Gooftaan wanta hundaa kan uumuu fi bulchuudha. Wantoonni Isaa gad jiran hundi uumamtootaa fi gabroota Isaati. Iisaan akkuma namni kamu nyaata nyaatu ni nyaata, ni dhuga, ni rafa. Amala gooftummaa homaatu hin qabu. Rabbiin hin dhalanne, ilmoos hin qabu, hin nyaatu, hin dhugu, hin rafu, yeroo hundaa jiraatadha, waan hundaa irratti danda’aadha.

Iisaan (aleyh salaam) immoo kan dhalateedha, ni dhuga, ni rafa, amaloota namaa biroo ni qaba. Kanaafu, Iisaan nama waan ta’eef Gooftaa gabbaramu ykn waaqefatamu ta’uu hin danda’u. Inni Nabiyyi fi Ergamaa Rabbii gara ilmaan Israa’il ergameedha.

“kan isaan isa keessatti shakkaniidha” kana jechuun dhugaan ifaa, “Iisaan gabricha Rabbii fi Ergamaa Isaa” ta’ee osoo jiruu waa’ee isaa ilaalchise ni shakku, wal mormu.

Ammas warroota Iisaan ilma Gooftaati jedhan akkana jechuun deebii itti deebisa: “Rabbiif ilma taasifachuun hin malu. Inni qulqullaa’e.” Kana jechuun Rabbiif gonkumaa ilmi hin maluuf. Sababni isaas, Rabbiin Dureessa, Faarfamaa fi Mootiidha. Namni dadhabaa fi kan du’uu waan ta’eef nama isa gargaaru barbaada. Kanaaf ilma argachuu fedha. Rabbiin immoo dadhabinnaa fi du’a irraa qulqulluu kan ta’eedha. Kanaafu, ilma maal irraa godhaa? Rabbiin hanqinna kana hundarraa qulqullaa’e, olta’e.

Akkasumas, ilmi sanyii abbaatii fi abbaa kan fakkaatudha. Kanaafu, Rabbiin Olta’aan ilma qaba jedhanii dubbachuun ‘Rabbiin fakkaataa qaba’ jedhanii dubbachuudha. Kuni kijiba guddaadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Tokkicha fakkaataa wayiitu hin qabneedha. Wanta tokko argamsiisu yoo fedhe, “Ta’i” jechuuni qofa, wanti sunis yoosu ta’a. Rabbiin samii fi dachii fi wantoota isaan keessa jiran hunda kan uumee fi argamsiiseedha. Akkamitti wanti Inni uume ilma Isarraa bahuu ta’uu danda’aa? Namni rooboti (meeshaa socho’aa) yoo hojjate, “roobotin ilma isaati” jechuu dandeenyaa? Dhugumatti, Rabbiin ilma qabaachu irraa qulqullaa’adha. Wantoonni Inni uume uumamtoota Isaa ta’uu malee ilmaan ta’uu hin danda’an. Sababni isaas, ilmi wanta tokko irraa kan baheedha. Rabbiin kanarraa qulqulluudha. Kanaafu, “Rabbiin ilma qaba” jedhanii dubbachuun kijiba guddaadha.

Kanaafi, Iisaan gabricha fi uumamaa akka ta’ee itti aansun akkana jechuun beeksisa:

19:36

“[İisaanis], “Dhugumatti Rabbiin Gooftaa kiyyaa fi Gooftaa keessani. Kanaafu Isa qofa gabbaraa. Santu karaa qajeelaadha.” Jedhe.” Suuratu Mariyam 19:36

Kana jechuun kan nu uumee, suuraa keenya tolche, nu kunuunsu, nu too’atu fi dhimma keenya hunda harka qabu Rabbiidha. Kanaafu, Isa qofa gabbaraa. Isa qofaaf gadi jedhaa, kadhaa. Kuni karaa qajeelaa Isatti nama geessudha. Rabbiin qofa gabbaruun hojii qalbii, hojii qaamaa fi arrabaa waan of keessaa qabuuf karaa qajeeladha.  Namni Rabbiin qofa yoo gabbare karaa jallataa hunda irraa ni eeggama, adabbi cimaa jalaa nagaha baha.
Qur’aana keessatti, “Isaannan amananii, iimaana isaanii zulmiin walitti hin makin isaaniif tasgabbiitu jira. Isaanis qajeelfamoodha.” (Suuraa Al-An’aam, Ayah 82) Kana jechuun namoonni dhugaan Rabbitti amanan, Isa qofa gabbaranii fi wantoota biraa Isa waliin hin gabbarre (hin waaqefanne), isaaniif tasgabbitu jira. Gara karaa qajeelatti kan qajeelfamaniidha. Jireenya tana keessatti zulmiin (miidhaan) guddaan namni tokko hojjatu, shirkiidha. Shirkii jechuun wanta tokko Rabbitti qindeessudha. Kanaafu, namoonni Iisaan gooftaadha, ilma gooftaati jedhan shirkii waan hojjataniif zulmii (miidhaa) guddaa raawwataa jiru. Miidhaa kana irraa yoo deebi’anii Rabbi qofaaf harka kennan, tasgabbii fi qajeelinna argatu. Ta’uu baannan, Guyyaa Qiyaamaa dhimmichi gaabbi fi adabbii guddaa isaanitti fida. (Ilaali Qur’aana suuratu Mariyam 19:37-39)

Rabbiin subhaanahu wa ta’aala waa’ee Iisaa (Iyyasuus) erga dubbate booda akkana jedha:

3:60

Haqni Gooftaa kee irraayyi, kanaafu shakkitoota irraa hin ta’in.” Suuratu Aali-Imraan 3:60

Kitaaba wabii 
The End of The World-fuul 316-324
Kitaabban Tafsiira: Tafsiira Sa’idiyy 573-4
Ma’aariju Tafkur wa daqaa’uq tadabbur 7/460-464, Abdurahman Habanka