Namoonni jireenya tana keessatti qalbiin isaa gammachuun akka guuttamtu barbaadu. Wanta gammachuu fi tasgabbii argamsiisa jedhamuu hojjachuuf ni carraaqu. Garuu wanti isaan hojjatan hundi gammachuu fi tasgabbii barbaadame isaaniif hin fidu. Garuu gaafii kana of gaafannee beeknaa “Namni maaliif qalbii isaa keessatti duwwummaan (emptiness) itti dhagahamaa? Keessi isaa qulllaa akka ta’etti itti dhagahama.” Namni miirri kuni yoo itti dhagahame deebii barbaaduuf ni carraaqaa? Tolee, gaafi kanaaf deebii argachuun dura sababa isaa beekun nu barbaachisa. Doktorri qoricha kennuun dura waa’ee dhibee ni qorataa miti ree? Sababa dhibee yoo beeke, namtichi sababa sanirraa akka fagaatu ykn akka hojjatu isa ajaja. Haaluma kanaan, qalbiin namaa duwwaa akka taatu sababoonni taasisan baay’eedha. Garuu inni guddaa fi hangafni, hanqinna iimaanati.

Namni Rabbitti shakkii tokko malee yoo hin amananii fi Isaaf hin ajajamiin, qalbii isaa keessatti duwwummaan (onni) itti dhagahama. Kuni haqa. Iimaana fi hojii gaariin ala wanta fedhee osoo hojjate qalbii duwwaa taate tana guutuu hin danda’u. Qalbiin yoo duwwaa taate addummee fi dhiphinni namatti dhagahama. Garuu Jaalala Rabbiitiin yoo guuttamte, eessallee deemi addummeen (kophummaan) sitti hin dhagahamu. Akka waan dallaa firaafireen guuttamee fi gaaddisa qabu keessa seente sitti fakkaata. Kuni mi’aa iimaanati. Kanaafu, namni mi’aa kana dhandhamuuf iimaanaa isaa/ishii dabalachuuf carraaqu barbaachisa. Karaalee iimaana itti dabalatan keessaa wantoota Rabbiin uumee irratti xinxalluudha. Kutaa darbe irraa itti fufuun samii fi wantoota ishii keessa jiran itti haa xinxallinu.

Uumama samii itti xinxalli. Ija kee ammaa amma itti deddeebisuun mallattoolee gurguddaa keessaa tan ol fageenyaan , olkaa’insaan, bal’innaan fi bakka ishii qabachuun samiin guddoo akka taate ni argita. Ol fageenya ishiitirraa kan ka’e ibiddi ishii hin dhaqqabu, akka wanta ulfaataas gara gaditti hin kuftu. Jalaa utubaa hin qabdu, gubbaanis kan itti rarraatu hin qabdu. Garuu Dandeetti Rabbii samiiwwanii fi dachii akka hin banne qabuun tan qabamteedha. Ammas wal qixxeenyaa fi madaallama ishii itti xinxalli. Baqaqiinsi, uraan, jallinnii fi wal darbuun keessatti hin argamu.

Ammas itti deebi’ii halluu (bifa) hundarra gaarii ijaaf mijaa’a ta’e samiin irratti uumamte itti xinxalli. Bifni samii kuni bifa hundarra gaarii ta’ee fi ijaaf jabeenya ta’uudha. Inuma nama wanti ija isaa miidhu tuqe gara bifa magariisaa fi wanta gara bifa gurraachaatti dhiyaatu irra deddeebi’ee akka ilaalu ajajama. Ija yeroo hundaa samii argitu akka ofitti hawwatuu fi hin miidhamne bifa samii akkamitti bulee akka godhee mee ilaali. Kuni iccitii muraasa halluu kana keessa jiruudha. Hikmaan baay’een nuti hin beekne kana caala.

Mee amma gara ampuuli guddaa yeroo hundaa guyyaa guyyaan samii irraa gadi ifu itti xinxalli. Ampuuli kana (aduu) qajeelotti nan ilaala osoo jette ija kee balleessa. Garuu ijaan qajeelotti osoo hin ilaalin Dandeetti Rabbii Guddaa hubadhu. Rabbiin ni jedha:

Kan samii keessatti buruuja godhe, Siraaja (aduu) fi ji’a ifa kennu ishii keessa kaa’e toltuun Isaa baay’atte. Inni nama gorfamu fedheef yookiin galata galchuu fedheef halkanii fi guyyaa wal bakka bu’an Kan taasiseedha.” Suuratu Al-Furqaan 25:61-62

Buruuj jechuun urjiilee gurguddoodha. Siraaja jechuun immoo duungoo ykn faanosa ifaa fi hoo’a kennuudha. Aduun ifaa fi hoo’a waan kennituuf siraaja jedhamte. Jiiyni immoo ifa qofa waan kennuuf muniira jedhame. Akkuma saayinsin yeroo ammaa nutti himu jiiyni ifa mataa ofiiti hin maddisiisu. Gara biraa irraa argata. Qur’aanni jaarraa kudha afur dura aduun madda ifaa fi hoo’a waan taateef siraaj jechuun moggaase. Jiyni immoo ifa qofa waan kennuuf muniir jechuun moggaase. Kanaafu, kuni Qur’aanni Rabbii wantoota hundaa uume irraa akka bu’e agarsiisa.

“Inni nama gorfamu fedheef yookiin galata galchuu fedheef halkanii fi guyyaa wal bakka bu’an Kan taasiseedha.” Rabbiin halkanii fi guyyaa tokko kan biraa bakka akka bu’u kan godheedha. Halkan yommuu deemu guyyaan ni dhufa. Guyyaan yommuu deemu halkan bakka bu’a. Haala kanaan wal bakka bu’uu itti fufu. Kan akkana godheef namni gorfamu fedhu akka gorfamuufi. Kana jechuun namni gorfamu ykn yaadatu Rabbiin kana hunda taphaaf akka hin uumne ni beeka, hojii Isaa itti xinxalluun Isatti amana. Wal bakka bu’uun halkanii guyyaa isaaf yaadannoo fi gorsa ta’uun gara Rabbitti amanuutti isa dhiiba. Halkanii fi guyyaa wal duraa duubaan kan fidu Rabbiin qofa akka ta’e ni yaadata. Kanaafu, halkanii fi guyyaa kana keessa Rabbiif galata galcha. Hojii halkan isa jala darbe guyyaa hojjata. Hojii guyyaa isa jala darbe immoo halkan hojjata.

Akkasumas, qalbiin namaa tuni yeroo halkanii fi guyyaa ni jijjiramti. Kakka’uumsi fi ceem’un, yaadachuu fi dagachuun, walitti sunturuu fi diriiruun, itti qajeelu fi irraa garagaluun qalbii keessatti ni uumama. Yaadachuun (zikriin), nashaaxan (kaka’uumsi) fi Rabbiif galata galchuun akka namoota keessatti uumamuuf Rabbin halkanii fi guyyaa akka wal bakka bu’an taasise. Akkuma halkanii fi guyyaan deddeebi’aniin gochoonni ibaadaas ni deddeebi’u. Kanaafu, akkuma isaan yeroo halkanii fi guyyaa keessatti irra deddeebi’anii ibaadaa godhaniin gorfamuun, yaadannoo fi galata galchuun dabala[1].

Ammas xinxallii kee itti fufuun adeemsa aduun waggaa keessatti sarara ishii keessatti raawwattu mee ilaali. Adeemsa Khaaliqni ishiif laaffiseen guyyaa hundaa ni baati ni dhiiti. Adeemsa kanarraa goruu fi duubatti hafuun hin jiru. Osoo aduun bahuu fi dhiyuu baatte silaa halkan, guyyaa fi waqtileen hin beekkaman turan. Dukkanni ykn ifti addunyaa ni haguugaa ture. Yeroon galgalaa yeroo ganamaa irraa addaan hin baafamu. Osoo aduun bahuu baatte silaa dhimmi addunyaa ni jeeqama. Addunyaan isaan irratti dukkanoofte osoo jirtu silaa namoonni akkamitti jireenya isaaniitiif dalagatuu, dhimma isaanii qindeefatu? Ammas dhiyiinsa aduu itti xinxalli. Osoo aduun dhiyuu baatte silaa namoonni tasgabbaa’u, hara galfachuu fi anniisaa isaanii haaronfachuu hin danda’anii ture. Ammas osoo aduun dhiyuu baatte, silaa dachiin garmalee hoo’un bineensonni fi biqiltoonni ni gubatu turan.

Bahuu fi dhiyuun aduu akka duungoo mana keessatti ibsamtuuti. Duungoon hanga yeroo barbaadame ni ibsamti. Ergasii namoonni akka hara-galfatanii fi rafan ni dhaamti. Haaluma kanaan aduunis faayda namootaa fi tasgabbii isaanitiif jecha akka baatu fi dhiitu ni taasifamti. Gara kanatti akeekun Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
Mee naaf himaa! Rabbiin hanga Guyyaa Qiyaamaa isin irratti halkan itti fufaa yoo taasise, Rabbiin ala gabbaramaan ifa isiniif fiduu danda’u eenyuu? Sila hin dhageessanii?” jedhiin” Suuratu Al-Qasas 28:71
Kana jechuun Rabbiin hanga guyyaa Qiyaamaa walitti aansun halkan qofa osoo taasisee Rabbiin ala wanta gabbaramu kamtu ykn eenyutu ifa guyyaa fiduu danda’aa? Sila kana itti xinxalluun Tokkichummaa Rabbii hin hubattanii? Ammas,

Mee naaf himaa! Rabbiin hanga Guyyaa Qiyaamaa isin irratti guyyaa itti fufaa yoo taasise, Rabbiin ala gabbaramaan halkan keessatti boqattan isiniif fiduu danda’u eenyuu? Sila hin argitanii?” jedhiin” (Suuratu Al-Qasas 28:72)
Osoo walitti aansun guyyaa qofa taasise Rabbiin ala eenyutu halkan keessatti hara galfattan fiduu danda’aa? Halkanii fi guyyaa Rabbiin malee eenyullee fiduu hin danda’u. Aduun erga baatee booda osoo Rabbiin bakkaa akka hin sochoone godhee eenyutu bakkaa ishii sochoosun halkan fiduu danda’aa? Akkasumas, erga seente booda ganama akka hin baane osoo godhee eenyutu guyyaa fidu danda’aa? Kanaafu, Rabbii akkanatti halkanii guyyaa isiniif fiduuf galata hin galchitanii? Isaaf hin ajajamtanii?

Rabbiin Injifataa fi Beekaa ta’ee akkamitti aduuf adeemsa lama akka murteessef mee itti xinxalli: Adeemsi tokko gara olii ol bahuu, adeemsi lamaffaan immoo gara gadii gadi bu’uudha. Adeemsa kana keessatti buufata tokko irraa gara buufata biraatti ni dabarti hanga dhuma isaa geessutti. Sababa adeemsa kanaatiin waqtileen garagaraa afran waggaa keessatti Dandeetti Khaaliqa olta’aatin uumamu. Yommuu adeemsi ishii walakkaa samii irraa gadi bu’e, qilleensi ni qorra, ganni ni dhufa. Walakkaa samii keessa yommuu taatu immoo hoo’i ni jabaata. Fageenya lamaan jidduu yommuu taate immoo yeroon wal-qixxaata. Waqtilee afran kanaan fooyya’insi gabroota, beelladoota, bineensotaa fi biqiltoota ni raawwatama.  Sababa waqtileetiin yeroon garagara ta’a, haalli, biifti, faaydaa fi dhaangaleen nyaataa biqiltoota irraa argaman garagara ta’u. (Nyaanni yeroo gannaa argamu yeroo bonaa argamuu dhiisu danda’a. Faallaa kanaa, nyaanni yeroo bonaa argamu yeroo gannaa argamu dhiisu danda’a).

Ammas gara ji’aa fi ajaa’iba mallattoo isaa ilaali. Akkamitti Rabbiin ji’a akka jirbii haphiitti isa jalqabuun hanga ifni isaa guuttamuu suutuma suuta hamma isaa dabala. Ergasii hanga haala jalqabaatti deebi’uu hir’achuu eegala. Kana irratti hundaa’e jireenya, ibaadaa fi sirna Hajji isaanii keessatti waqtileen namoota ni beekkama. Sababa kanaan, ji’oonni fi waggoonni addaan bahu.

Gabaabumatti urjiin wayitu hin jirtu kan hikmaan (ogummaan) Rabbii keessa jiru yoo ta’e malee. Hamma, bifa, addaan fageenyaa fi boca isaanii ogummaa Isaatiin garagara godhe. Urjii takka kan xiqeessu tan biraa immoo kan guddisu, takka kan fageessu tan biraa immoo kan dhiyeessu ogummaa Isaatiin. Haala wali galaatiin kana hubachuu yoo barbaadde kutaalee qaamaa keetiin wal bira qabi. Kutaaleen qaamaa gariin gurguddaa, kan biroo immoo xixxiqaa. Tokko kan biraa irraa addaan fagoo. Bocni fi hammi isaanii garagara. Kuni hundi faaydaa garagaraatiif kan uumamaniidha. Haaluma kanaan urjiileen hamma, bocaa fi fageenya garagaraa qaban gahee mataa ofii taphatu.

Guduunfaa
Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) ni jedha:

29:61

“Dhugumatti “Eenyutu samiiwwanii fi dachii uumee, aduu fi baatis laaffisee?” jette yoo isaan gaafatte, dhugumatti “Rabbiidha” jedhu. Kanaafu, akkamitti garagalfamuu?” Suuratu Al-Ankabuut 29:61

 “Eenyutu samiiwwanii fi dachii uumee, aduu fi baatis laaffisee?” jette osoo namoota Rabbiitti waa qindeessan ykn Isa qofa hin gabbarre gaafattee, dhugumatti “Rabbiidha” jedhu. Samii fi dachii uumuun, aduu fi jiyni sarara isaanii irra akka deeman taasisuun hojii Rabbii akka ta’e ni beekkama. Sababa ifa aduutiin biqiltoonni ni biqilu. Osoo aduun jiraachu baatte silaa biqiltoonni hin biqilan. Kanaafu, namoonni fi beelladoonni soorata dhabu. Jiiynis dachii irratti ifa ibsa, lakkoofsa ji’ootaa fi waggoota itti beekan. Taabonni, Malaaykaan, nabiyyiin, waliyyiin, namni du’ee qabri keessa jiru kan isaan kadhatanii fi sujuudaniif wantoota kanniin hojjachuu danda’u? Kanaafu, akkamitti Rabbi isaan nyaachisuu fi obaasuf ajajamu irraa garagaluu? Akkamitti Isa qofa kadhachuu, Isa qofaaf sujuudu fi gadi of qabuu dhiisanii wanta isaan hin fayyannee fi hin miine kadhatuu?


[1] Tafsiir sa’diyy-fuula 686
Miftaahu Daaru sa’aadah-fuula 564-566 fi 590-591, Imaamu ibn Al-Qayyiim