Bismillah. Alhamdulillah Rabbil aalamiin. Yommuu Ramadaanni gahu, namoonni of tottolchuu fi of fooyyessuuf ni qophaa’u. Barreefama waa’ee Ramadaana dubbisuuf Google irratti ramadaana ykn sooma jechuun barreessun keessan hin oolu. Sababni kanaa waa’ee Ramadaanaa fi sirrittti irraa fayyadamuuf fedhii waan qabdaniifi miti ree? Alhamdulillah waggoota darban keessatti waa’ee Ramadaana ilaalchise barruulee garagaraa ilaalle jirra. Isaan keessaa; Qophii Ramadaanaa, Ramadaana keessa ramaddi namoota, wantoota sooma balleessanii fi kan biroo. Kana sammubani.com irraa ni argattu. Har’as wantuma duraan barreefame irratti dabaluun yaad-rimee soomaa fi Ramadaanaa ni hubanna.

Hiika Soomaa fi Ramadaanaa
Akka lugaatti sooma jechuun nyaata, dhugaati, dubbii fi qunnamti saalaa irraa of qabuudha. Akka shari’aatti immoo Rabbiif jedhanii wantoota sooma cabsan kanneen akka nyaataa, dhugaatii, qunnamti saalaa fi kan biroo irraa of qabuudha.

Ramadaanni akka lakkoofsa baatitti ji’oota kudha lamaan keessaa ji’a saglaffaadha. Jechi Ramadaana jedhu jecha Ramida ykn ar-ramadaa’a jedhu irraa kan dhufeedha. Jechoonni kunniin “jabeenya hoo’aa” agarsiisu. Kanaafu, jechi Ramadaana jedhu akkas kan jedhameef dheebu irraa kan ka’e hoo’a garaa keessatti namatti dhagahamu agarsiisuufi[1].

Barreefama kana keessatti Qur’aana irraa Aayah takka waa’ee Ramaadana tan dubbattu fudhachuun irratti haa xinxallinu.

2:183

Yaa warra amantan! Akka isin Rabbiin sodaattaniif jecha soomni akkuma warra isiniin duraa irratti barreefame isin irrattis barreefamee jira.” Suura Al-Baqaraa 2:183

Aayah tana keessatti “Yaa warra amantan” yommuu jedhu, waamicha warra amanan qofaaf dabarfameedha. Sababni isaas, waamicha kana booda wanti dhufe dirqamoota damee shari’aa keessaa tokko itti himuufi. Shari’aan bakka lamatti qoodama[2]: 1ffaa- amantii (I’itiqaadiyyah) 2ffaa- hojii (amaliyyah)

Amantiin wanta qalbiin wal qabatuudha. Amantiin kuni Rabbitti amanuu, Guyyaa Qiyaamatti amanuu fi arkaana iimaanaa hafaniidha.
Hojiin immoo wantoota gochoota qaamatin wal qabataniidha. Kanneen akka salaata, zakaa, sooma, hajjii fi kkf.
Asitti amantiin hundee shari’aa yommuu jedhamu, hojiin immoo damee shari’aa jedhamu. Hundeen dameef barbaachisaadha. Bakka hundeen hin jirretti dameen jiraachu danda’aa? Hojiin amantii (iimaana) qalbii keessa jiru irratti ijaarrama.

Kanaafi, namni tokko Islaama keessa yoo hin seenin jalqaba gara hundeetti waamama. Kana jechuun arkaana iimaanatti akka amanu waamama. Osoo hin amaniin damee shari’aa akka hojjatu hin affeeramu. Sababni isaas, amantiin (iimaanni) hundee waan ta’eef hojiin hojjatamu kamuu iimaanan ala fudhatama hin argatu. Kanaafi, yeroo baay’ee Qur’aana keessatti dameen shari’aa kanneen akka salaata, zakaa fi kan biroo warroota amananiitti qajeela. Yaa ayyuhallazina aamanu (yaa warra amantan) jechuun wanta tokko akka hojjatan ykn irraa fagaatan isaan waama.

Namni jalqaba miseensa akka ta’u ni waamama. Miseensa erga ta’ee booda dirqamoota fi itti gaafatamummaa hojjatamu isaaf ibsan. Namni miseensa Muslimoota ta’uu kan danda’u arkaana iimaana jahanitti yoo amaneedha. Ergasii hojii isarraa eeggamu akka hojjatu isaaf ibsama.

Garuu Guyyaa Qiyaamaa adabbiin hundee shari’aa fuudhachu diduu irra ta’a. Kana jechuun namni sababa kafareen ykn amanuu dideen Guyyaa Qiyaamaa ni adabama. Akkasumas, damee shari’aa waan dhiisefis ni adabama. Jechi Rabbii Olta’aan armaan gadi kana ni agarsiisa:

Lubbuun hundi waan hojjatteen tan qabamtuudha. Warra mirgaa malee. Isaan Jannata keessatti wal-gaggaafatu. Yakkamtoota irraa [wal gaafatu]. ‘Maaltu Saqariin keessa isin galche.’ [isaaniin jedhu]. [Yakkamtoonnis] ni jedhu ‘Nuti warra salaatan irraa hin turre. Hiyyeeyyi kan nyaachifnus hin turre. Warra [hamtuu fi soba] keessa seenan waliin seenaa turre. Guyyaa Murtis sobsiisaa turre. Hanga [duuti] mirkanooftun nutti dhuftu [haala kana irra turre].’” Suuratu Al-Muddassir 74:38-47

Warra mirgaa malee namni hunduu hojii badaa fi hamtuu hojjateen ni qabama. Erga qabamee gara azaabatti(adabbitti) oofama. Warri mirgaa warra amananii fi hojii gaggaarii hojjataa turan waan ta’aniif gadi lakkifamuun Jannata seensifamu. Jannata keessatti waa’ee warroota badii hojjatanii wal gaafatu. “Mee isaan ilaalu dandeessu?” waliin jedhu. Yommuu isaan ilaalan, “Maaltu Saqariin keessa isin galche.”jedhuun. Saqar maqaa Ibiddaatti. Wanta ishii keessa seene garmalee gubdi. Rabbiin kanarraa nu haa tiiksu. Warroonni badii hojjatan (yakkamtoonni) sababoota adabbii Saqar keessa isaan seensisee afur tarreessu: 1ffaa-Salaata dhiisu, 2ffaa- hiyyeeyyi nyaachisuu dhiisu. Rabbiinis hin gabbarre, uumamtootaafis tola hin oolle. 3ffaa- hamtuu fi soba keessatti lixu. Haqa irraa garagaluun wanta badaa fi sobaa keessatti lixaa turan. 4ffaa-Guyyaa Murtii (Qiyaamaa) sobsiisu. Kana jechuun Qiyaaman soba akka ta’etti yaadaa turan.  

Kanarraa ka’uun haqni Rabbiin gabroota Isaa irraa qabu dhimma lama jalatti guduunfamu danda’a.
1ffaan Gooftaan, Uumaan, Kan nama qananiisu fi sooru Rabbiin akka ta’e amanu fi arkaana iimaana hafanittis amanuudha.
2ffaa-Isaaf ajajamuu fi Isa qofa gabbaruudha. Garuu ibaadan dhugaa ta’uu hin danda’u iimaana sirrii irraa kan burqee yoo ta’e malee. Kana jechuun ibaadan namaa sirrii ta’uuf amantiin (iimaanni) qalbii keessa yoo jiraatedha. Kanaafu, karaan haqa Rabbii bakkaan itti gahan iimaana irraa jalqaba. Ergasii gara ibaadaatti taran. Ibaada yommuu jennu hojiwwan gagaarii Rabbiin jaallatu kanneen akka salaataa, zakaa, sooma, hajjii fi kkf dha.

Kanaafi, aayah waa’ee soomaa dubbattu armaan olii keessatti itti gaafatamummaa hojii irra kaa’un dura yaa warra amantan jechuun jalqabe. Kuni kan agarsiisu qabiyyee iimaanaa kan wantoota ulfaata nafseef laaffisu isaan keessatti sochoosun itti gaafatamummaa fi dirqamaaf karaa mijeessudha.

Jecha Rabbii “Yaa warra amantan! Akka isin Rabbiin sodaattaniif jecha soomni akkuma warra isiniin duraa irratti barreefame isin irrattis barreefamee jira.” jedhu yommuu itti xinxallinu wantoota baay’ee nafsee namaa leenjisanii fi barsiisan  irraa hubanna. Namni wanta nafsee irratti garmalee ulfaatu tokko hojjachuuf wanta isa dhiibuu fi kakaasu jiraachu qaba. Soomni wanta nafsee irratti ulfaata ta’eedha. Aayah armaan olii keessatti wanta ulfaataa kana nafsee irratti laaffisuuf tooftaa armaan gadi fayyadame:

A-Miira keessaa nama dhiibuu fi kakaasu isaan keessatti qabsiisu. Iimaanni humna keessaa cimaa hojii ulfaata akka hojjatan nama dhiibu fi kakaasudha. Kanaafu, yaa warra amantan jechuun humna kana isaan keessatti qabsiise.
B– Nama itti gaafatamummaa fi dirqamni irra kaa’amee isa qofa osoo hin ta’in namni biraas akkuma isaa itti gaafatamummaa fi dirqamni akka irra kaa’amee beeksisu. Namni wanti ulfaatan isatti bu’e nama biraattis akka bu’e yoo beeke, yaaddo fi dhiphinni isaa ni hir’ata. Haala kanaan, “Ana qofaa mitii namni biraas wanta ulfaata kana baadhataa jira” jechuun hojii ulfaata san hojjachuu itti fufa. Aaya armaan olii keessatti, “soomni akkuma warra isiniin duraa irratti barreefame isin irrattis barreefamee jira.” Jechuun beeksiisa.
C– Rabbiif ajajamuu fi wanta namarratti dirqama godhame hojjachuun faayda nafsee isaatiif akka ta’e amansiisu. Aayah keessatti, “Akka isin Rabbiin sodaattaniif” jechuun beeksisa. Namni yoo Rabbiif ajajamu fi sodaatu, ofuma fayyadaa malee Rabbiin hin fayyadu. Rabbiin Dureessa waan ta’eef hojiin namni hojjatu Isa hin fayyadu ykn hin miidhu.

Iimaanni duubaa nama dhiibuu fi namoonni hojii kana keessatti waliin hirmaachuun ulfaatinna hojichaa nafsee irratti salphisa. Akkasumas, hojiin namni hojjatu kuni faayda isaatiif ta’uu yoo beeke, nafseen kakkaa’umsa, ijannoo fi obsa akka qabaattu taasisa.

Namoonni dorgommi booksi keessa seenun yeroo dhibbaa ol rukutaman, rukuttaa kana kan isaan irratti laaffisu injifannoo ykn mindaa abdataniidha. Osoo wanti nafsee kakaasu kuni jiraachu baate silaa rukuttaan takka dallansuu guddaa isaan keessatti ni qabsiifti. Ammas, namoonni albuuda barbaaduf lafa keessatti boolloo gadi fagoo qotan, wanta ulfaata lubbuu isaanii galaafachu danda’u kana akka danda’an kan isaan taasise mindaa ykn albuuda garmalee wuddii isaan kajeelaniidha. Mindaa ykn albuuda wuddi kana faayda ofitiif waan ilaalaniif hojii ulfaata kana obsaan hojjatu.

Haaluma kanaan, soomnis nafseef faayda guddaa waan qabuuf namni kana abdate gubaa dheebu fi beelaa danda’a. Garuu soomni karaa baay’een fakkeenya armaan olii irraa adda ta’a. Namoonni armaan olii humni guddaan isaan kakaasu iimaana osoo hin ta’in faayda argataniidha. Namni soomu immoo humni guddaan isa dhiibu iimaana. Rabbii fi Guyyaa Aakhiraatti amanuun arkaana iimaana keessaa humna cimaa hojii gaggaaritti nama dhiibudha. Namni Guyyaa Qiyaamaa dheebun nama gubu guddaa akka ta’e yoo amane, dheebu fi beela yeroo soomaa irratti obsuun isaaf laafa. Ammas, sababa soomaatiin mindaa guddaa Guyyaa Qiyaamaa argatu yommuu yaadatu, ulfaatinni soomaa isaaf laafa. Kanaaf Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:

Namni iimaananii fi ihtisaaban Ramadaana soome, cubbuun isaa kan darbe ni araaramamaaf. Namni iimaana fi ihtisaaban Leylatul Qadr dhaabbate, cubbuun isaa kan darbe ni araaramamaaf.” Sahiih Musliim 760

Iimaanan yommuu jedhu- Rabbitti amanee, mindaa Rabbiin gabroota gaggaarii Isaatif qopheessetti amane (Jannatatti amanee), dirqama soomaa jibbe osoo hin ta’in gammadee fi ihtisaaban namni soome yookiin Leylatul Qadrii dhaabbate, cubbuun isaa ni araaramamaaf.
Ihtisaaban yommuu jedhu immoo mindaa Rabbii barbaade fi kajeele hojii gaarii kana hojjataa malee na argaaf ykn beekkamtiif ykn kabajaaf ykn faarufi ykn qabeenyafi miti. Hojii gaarii hojjatu hundaaf Rabbiin qofarraa mindaa (ajrii) abdata.

soomni akkuma warra isiniin duraa irratti barreefame isin irrattis barreefamee jira.” Kana jechuun akkuma ummattoota darban irratti soomni dirqama godhame isin irrattis dirqama godhamee jira. Akkuma aayah tana irraa hubannu ummattoonni Nabii Muhammadin (SAW) dura ergamtoonni itti ergaman soomni isaan irrattis dirqama godhame jira.

“Akka isin Rabbiin sodaattaniif jecha” asitti jechii Arabiffaa itti fayyadame tattaquun. Jechi kuni hundeen isaa waqaa kan jedhuudha. Waqaa jechuun eegu jechuudha. Hundeen kuni jecha taqwaa (Rabbiin sodaachu) jedhuufis kan ta’uudha. Ati yoo Rabbiin sodaatte dallansuu fi adabbii Isaatirraa of eegdaa jechuudha[3]. Kanaafu, kana irratti hundaa’un aayah keessatti hiikni “la’allakum tattaquun” jedhu eeggumsa barbaachisu gochuun nafsee teessan akka eegdanii fi tiiksitaniif” jedhus ni ta’a[4]. Kuni, “Akka isin Rabbiin sodaattaniif jecha” jedhuun wal hin faallessu. Sababni isaas, Rabbiin sodaachun eeggumsa barbaachisu gochuudha. Rabbiin sodaachu (taqwaa) jechuun wanta itti ajajaman hojjachuu fi wanta irraa dhoowwaman dhiisudha.

Namni yommuu wanta Rabbiin itti ajajee hojjatuu fi wanta Inni irraa dhoowwe dhiisu, adabbii Isaatirraa of eega. Akkasumas, miidhaa addunyaa keessatti isa muudatu irraas of eega. Fakkeenyaf, namni Rabbiin sodaachun khamrii (alkooli) dhuguu irraa fagaatu, miidhaa alkoolin namatti fidu irraa of tiiksa. Ammas, Aakhiratti adabbii irraa nagaha baha. Kanaafu, Rabbiin sodaachun namaa fi adabbii jidduu seenun eeggumsaa isaaf ta’aa jechuudha.

Dirqamni soomaas gosuma kana irraayyi. Namni dirqama kana akkaata isarraa barbaadamuun raawwate, addunyaa tana keessatti wantoota isa miidhan irraa of eega. Wantoonni isa miidhan gariin isaanii qaama isaatiin kan wal qabataniidha, gariin isaanii immoo nafsee isaatiin kan wal qabataniidha. Namni yeroo hundaa garmalee kan nyaatu fi dhuguu yoo ta’e, qaamni isaa dhibee adda addaatif saaxilamu danda’a. Kanaafu soomun fayyaa isaaf ta’a. Ammas, soomni ibidda fedhii qabbaneessun badii irraa nama eega. Akkasumas, Aakhiratti adabbii Rabbii irraa akka of eegu ni abdata. Sababni isaas, namni osoo beeku uzrii tokko malee sooma yoo dhiise, Aakhiratti adabamu danda’a.

Akkuma hadiisa armaan olii keessatti dubbatame soomni hamtuun akka namarraa haaqamuuf sababa ta’a. Qur’aana keessattis (11:114), “Dhugumatti, toltuuwwan hamtuu ni deemsisu” jechuun dubbatame jira. Kana jechuun namni dilii (badii) gurguddaa irraa yoo fagaate toltuun hamtuu ni haaqu. Soomni toltuu keessaa waan ta’eef hamtu (hojii badaa xixiqaa) ni haaqa. Garuu dilii (badii) gurguddaaf tawbaa dhugaa isa barbaachisa. namni dilii gurguddaa kanneen akka shirkii, zinaa fi kan biroo irraa dhugaan yoo tawbate, badiin isaa ni haaqamaaf, wanta hojjateef Aakhiratti hin adabamu.

Namni hojii badaa kamirrayyuu yoo dhugaan tawbatee fi hojii gaggaarii akka salaata, soomaa fi kan biroo yoo raawwate, adabbii Rabbii irraa of eegaa jechuudha. Soomni carraa guddaa namni tawbaa, istighfaara fi hojii gaggaarii itti baay’ifachuun adabbii irraa itti of eegudha. Kanaafu “eeggumsa barbaachisu gochuun nafsee teessan akka eegdanii fi tiiksitaniif akkuma warra isinin duraa irratti dirqama ta’e soomni isin irrattis dirqama ta’ee jira.”


Kitaabban wabii:
[1] Essentials Of Ramadhan By Tajuddin B.Shu’aib (fuula 17)
[2] Aqiidatu tawhiid-fuula 9, Sheykh Saalih Fawzaan
[3] EssentialsOfRamadhan By Tajuddin B.Shu’aib (fuula 18)
[4] As-sawmu wa ramadaanu fii sunnati wal Qur’aani-11-42, Barreefamni baay’een kitaaba kanarraa fuudhatame.